Bara 1952 yeroo Mootiin Faaruuk Masrii dursaa biyyaa jalqabaa aangoorraa kaafaman ta'anii kaasee, biyyoota Afriikaa gara 36 ta'an keessatti fonqolchi mootummaa milkaa'aan 130 raawwatamaniiru.
Afriikaatti waggoota darban sadi keessatti fonqolcha motummaa milkaa'aa saddeetitu mudate. Dambaliin fonqolcha haaraatiis ka yeroo fonqolcha waraanaatii hanga 2020tti erga fonqalchi mootummaa baayyinaan ardiitti mudatan 1970mota booda, xiqqaatee ture.
Dureewwan fonqolchaan gara aangootti dhufan tokko tokko waggoota kudhaniif aangoorra turaniiru. Kaan ammoo aangoo qabatanii guyyoota keessatti kaafamaniiru.
Fakkeenyaaf pirezidantiin Ikuwaatoriyaal Giinii, Teewodooroo Obiiyaang Niguweemaan 1997 keessa aangoo erga qabatanii booda waggaa 44'f aanoorra turan.
Kanaanis yeroo ammaatti Afriikaatti dursaa bara dheeraaf aangoorra turan ta'aniiru.
Fakkeenyaaf pirezidantiin Ikuwaatoriyaal Giinii, Teewodooroo Obiiyaang Niguweemaan 1997 keessa aangoo erga qabatanii booda waggaa 44'f aanoorra turan.
Kanaanis yeroo ammaatti Afriikaatti dursaa bara dheeraaf aangoorra turan ta'aniiru.
Biyyoonni qaxanaa Saahil keessatti argamanitti fonqolchi waraanaa gaggeeffameera. Fonqochi mootummaa Niijarii fi Gaaboon kanneen dhiheenya naannoo qaxanaa fonqolchaa jedhamaniitti raawwatamaniidha.
Bara 2020 fi 2021tti fonqolchi waraanaa gaggeeffameera. 2021tti ammoo Chaad, Giiniifi Sudaaniitti fonqolchi raawwatameera. Burkinaa Faasoo bara 2022tti fonqolcha mootummaa lama kessumeesitee jirti. Sudaan malee biyyoonni hunduu Faransaayiin kan koloneeffatamaniidha.
Fonqolchawwan 26 bara 2000n booda raawwataman milkaa'o keessaa 19 kan biyyoota Faransaayin koloneeffataman keessatti raawwatamaniidha. Kunis yaadni dhiibbaan Faransaay Afriikaatti bu'aa hamaa qaba jedhu muraasa biratti akka ka'u taasiseera.
Baayyina fonqolchaa
0
2
4
6
8
Biyyoota Lixaa fi Jidduugala Afriikaa hedduutti fonqolchi milkaa'aan gaggeeffameera. Yoo xinnaatee biyyoota Afriikaa fonqolchi afur mudate 17 keessaa wallakkaan saanii Lixa afriikaatti argamu.
Burkiinaa Faassoo biyya Afriikaa fonqolcha hedduu keessummeesiteedha. Yeroo saddeeti fonqolchi keessatti raawwatameera. Siiraa Liiyooniifi Yugaandaanis yeroo 7 fonqolcha gaggeessuun sadarkaa lammaffaarratti argamu.
Biiyyoota Afriikaa keessaa harka sadii kan ta'aniifi kanneen kibbaa fi Bahatti argaman keessatti fonqolchi milkaa'aan hin mudanne.
Bara 2024 kan waggaa 34 turan Ibraahim Tiraa'oreen addunyaarratti dursaa guyyaa muraasaati. Fonqolcha mootummaa Fulbaana 30, 2022 gaggeeffame hordofuun dursaa Burkinaa Faassoo yeroo ta'an. Isaan dura pirezidantii yeroo kan turan Pool- Heenarii Saandaawoogo Daamiibaa aangorraa kaafaman.
Fonqolchi motummaa harki 90nis kan gaggeeffaman deeggarsa waraanaatiin yoo ta'u, parsantaan 4 ammoo kan loltoota mindeeffamaniin raawwatamaniidha. Fonqolchiiwwan gosa biraa kan mormii nagaa, humnoota koloneeffattootaa, finciltootaafi kan masaraa keessatti gaggeeffamaniidha.
Irra caalaan dureewwan fonqolchaan aangoo qabatan aangoorraa kaafamaniiru, ykn ajeefamaniiru.
Bara 1972tti Janaraal Iginaatiiyas Kuutuu Acheeyaampaangi, Ministira Mummee Gaanaa karaa dimokiraatwaan filataman, Dr Koofii Busiiyaan haala dhiiga dhangalaaseen aangoorraa kaasan. Waggaa jahaan boodas, erga fonqolcha masaraa keessaatiin aangoorraa kaafaman waggaa booda rasaasaan akka ajjeeffaman itti murtaa'e.
Toomaas Saankaaraa osoo hidhaa manaarra jiranu fonqolcha maqaasaanitiin 1983tti gaggeeffameen Burkiinaa Faasootti pirezidantii ta'e. Saankaaraan Onko. 15, 1987tti garee hidhattootaa Bileyizii Kompaaworeen durfameen ajjeefaman.
Jaafaar Niimiiyirii dursaa Sudaan kan turan Ismaa'iil Al- Ashaarii aangoorraa kaasuudhaan aangoo kan qabatan bara 1969 ture. Jalqaba dursaa garee waraanaa ta'an. Ittaansee ammoo pirezidantii ta'un erga tajaajilanii booda bara 1985tti aangoorraa kaafaman.
Joon - Baaptiist Baagaazaa bara 1976 keessa pirezidantii Buruundii Miikeel Miikombeeroon aangoorraa kaasuudhaan aangoo erga qabatanii waggaa 11 booda aangoo dhiisanii baqannaaf saaxilaman.
Omaar Al- Baashiir bara 1989tti aangootti dhufan. Yeroosis Janaraala Birgeedii waraana Sudaan turan. Fonqolcha waraanaa dursuudhaan bulchiinsa karaa dimokiraasiitiin filatame kuffiisanii aangoo qabatan. Hanga 2019tti aangoo garaagaraatiin Sudaan bulchaa erga turanii booda fonqolchaan arii'ataman.
Firaansaw Booziizee Yaangovondaa Riippablika Jidduugala Afriikaatti erga pirezidantii jahaffaa ta'un 2003tti gara aangootti dhufaniin booda, waggaa 10n booda aangorraa kaafaman.
Aangoo maatii harka tursiisuu
Biyyoota tokko tokkootti aangoon kan ijoolleetti darbuudha. Pirezidantiin Ikuwaatoriyaal Giinii, Firaansuwaa Maasiiyaas Niguweemaa kan haala sukkanneessaan aangoorraa kaafaman, firasaanii Teewodoroo Obiiyaang Niguweemaadhaan. 2024tti Teewodoroon addunyaarratti dursaa mootii hin taanee garuu kan bara dheeraaf aangoorra ture lammaffaa turan.
Looreent Kaabiilaa bara 1997tti Mobutuu Sese Seekkoo fonqolchuudhaan pirezidantii sadaffaa Dr. Koongoo ta'an. Looranti Kaabiilaa wayita eegdoota isaanii keessaa tokkoon ajjeefaman ilmasaanii waggaa 29 Joofees Kaabiilaan bakka buufaman.
Qorannoo: Ruut Mulaandii, barreeffamaa fi xinxala odeeffannoo: Doroottii Otiiyaanoo, Dizaayina: Milisanti Waachiiraa, Qophii: Deeviid Ayulaa fi Bo'az Icheeng, Gulaaluu: Daamiilolaa Ojiitundee fi Doorottii Otiiyanoo. Deeggarsa dabalataa: Olaaniiye Adebiimpee, Joorjii Waafuulaa, Maayoowaa Alaabii, Biriyaan Otiiyanoo, Ashiilii Laayim fi Estar Ogulaa.
Getty images fi marsariitiiwwan motummoota Afriikaa