newsspec-35029-100-women > app > afaanoromoo > embed

Test Embed Page made with 10.1.4 generator and 10.1.0 embed wrapper

Click here for a list of include paths

Click here for a test page with no right hand side

Lorem ipsum dolor sit amet, consectetur adipiscing elit. Integer a purus eu nisl porta aliquam. Morbi pharetra aliquet dolor a cursus. In auctor dolor a felis feugiat ultrices. Phasellus sagittis aliquet mattis. Etiam turpis neque, auctor a pulvinar a, vestibulum consequat ante. Morbi ut dui eget sapien vulputate viverra. Curabitur luctus malesuada nunc.

Nullam gravida erat ut porttitor sollicitudin. Aliquam feugiat odio rutrum arcu tincidunt vehicula. Donec nec dolor rhoncus, consectetur metus eget, consectetur enim. Duis euismod, arcu non efficitur porta, nibh eros viverra risus, ac gravida lorem ex in dui. Morbi pulvinar varius erat, quis facilisis ligula mollis vel. Nulla efficitur augue quam, ac aliquet mi ornare vitae. In ornare nisl eget tortor aliquam consectetur id nec lorem. Pellentesque massa dolor, placerat ac risus a, aliquam rhoncus nulla.

Dubartoota tarree Dubartoota BBC 100 kan Bara 2022 keessaa jiran

Dubartoota BBC 100 kan 2022: Eenyufaatu filatame?

100 Dubartoota - BBC World Service

BBCn tarreefffama dubartoota addunyaarratti kanneen warra kaaniif hamilee ta'anniifi dhiibbaa uumuun beekaman kan bara 2022 ifa godheera.

Isaan keessaa addunyaa muuziqaarratti milkaa'ina addaa kan argatte Biilii Eyilish, Giifi-duree Yukireen Oleenaa Zeleniskii, taatoowwan fiilmii Piriyaankaa Chooppiraafi Salmaa Bileeyir, giiftii muuziqaa Raashiyaa Allaan Pugaachevaa, lammii Iraan keenyan koruun beekamtu Elnaaz Rekaabii, utaalchoodhaan rikkoordii kan cabsiteettu atileet Yulimaar Roojas, akkasumas barreessituu Gaanaa Naanaa Darko'aa Sekiyaamaah keessatti argamu.

Kun marsaa kurnaffaa 100 Dubartootati waan ta'eef waggoota kurnan darban keessa jijjiirama maaltu akka dhufe ilaaluuf carraa kana fayyadamaa jirra. Lakkoofsi dubartootaa gaggeessummaattidhufuutii hanga sosochii Me Too gaggeeffamaa tureetti jijjiiramni guddaan dhufeera -dubartoota golee addunyaa baayyee keessa jiraniif ammallee karaa dheeraa deemuu akka feesisu hubatama.

Tarreeffamichi bara 2022 keessa walitti bu'insa guutummaa addunyaa keessatti uumame keessatti gahee dubartoonni qaban - dubartoota Iraan keessatti gootummaan mormii dhageessisuun jijjiirama gaafatanirraa kaasee, hanga dubartoota waraanaafi diddaa Yukireeniifi Raashiyaatti kan agarsiisudha.

Waan fedhii irratti qabdu filachuun waa'ee 100 dubartootaa dabalataan hubadhaa

Siyaasaafi Barnoota

Maeen Al-Obaidi

Maeen Al-Obaidi, Yaman

Ogeettii seeraa

Bara kana keessa walwaraansi Yaman keessaa caalaa hammaachaa dhufuu isaatiin, ogeettii seeraa kan taate Maeen Al-Obaidimagaalaa waraanaa miidhamte Taiz keessatti nagaa ijaaruurratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Gahee gidduu seenuun waliigalchuu fudhachuudhaan gareewwan wal waraana gidduu deemuun akka namoota hidhaman waliif deebisan gochuun hojjetti. Yeroo loltoota lubbuun maatii isaaniitti deebisuu dadhabdus, reeffi isaaniillee akka maatiidhaaf deebiyu gochuuf hedduu carraaqxi.

Gamtaa Dubartootaa Yaman keessatti hojii tola-ooltummaan hirmaachuun dubartoota hidhamaniif sagalee ta'ateetti. Akka mirgoota namoomaafi koree walabummaa hoggantuufis gara Kaawonsilii Sindikeet Lawyers'ttis guddachuun dubartii jalqabaa taateetti.

Faaximaa Amiirii

Faaximaa Amiirii, Afgaanistaan

Barattuu

Shamarree Afgaanistaan kan taate Faaximaa Amiirii ajjeechaa barattootaa irratti wiirtuu qayyabannaa Kaabul keessa jiru tokkotti namoota 50 kan harki caalan dubartoota ta'an irratti raawwatame keessaa oolte. Madaa cimaa hanga ijashee tokko dhabuu, mangaagaafi gurra ishee baayyee miidhamuun booda lubbuun oolte.

Yeroo hospitaalatti wallaansarra turtetti qormaata seensa yunivarsiitiif dubbisuun erga of qopheessiteen booda Onkoloolessa keessa %85 ol qabxii ta'e galmeessisiiste. Amma Hawwiin ishee Yunvarsiitii Kaabul keessatti Komputar Saayinsii barachuu yoo ta'u, haleellaa sana keessatti ija tokko dhabuun caalaa cimtuufi murannoo akka qabaattu ishee taasiseera.

Taayisiyaa Bekbulatoova

Taayisiyaa Bekbulatoova, Raashiyaa

Gaazexeessituu

Gaazexeessituu beekamtuu Raashiyaa kan taate Taayisiyaa Bekbulatoova miidiyaa bilisaa Holod jedhamu bara 2019 tti hundeessite. Dhaabbanni miidiyaa kun waraana Yukireen irratti bal'inaan gabaase, akkasumas wal qixxummaan dhabamuu fi haleellaa mirgoota dubartootaa irratti gaggeeffamu bal'inaan gabaasera. Marsariitin miidiyaa kun ji'a Eblaa keessa Raashiyaadhan cufae.

Haa ta'u garuu Bekbulatoova fi gareen ishee hojii kana itti fufuuf kutannoo agarsiisan. Ergamtuu humnoota alaa jedhamtee farrajamuu irraa kan ka'e bara 2021 erga biyyaa baatee Bekbulatoovan diree waraanaa irraa gabaasuf gara Yukireen deemte.

Qaroomina ammayyaa balaa keessa jira, akkasumas balleessufis salphaa fakkaata. Mirgi dubartootaa ammoo baduuf fuulduree irra jira.

Taayisiyaa Bekbulatoova

Naataalii Bekuwaart

Naataalii Bekuwaart, Vaatikaan

Naanii

Poop Firaansisiin gita Sakireetaarii Sinoodoosii Biishooppotaatti muudamuun ishee bakka kana qabachuun dubartii jalqabaa ishee taasisa. Gita kanarratti, gaggeessitoota dhimmoota Waldaa Kaatolokiitiif murteessoo ta'an irratti pooppicja gorsan keessaa tokkodha, akkuma kanas, mirgoota filachuu argachuusheetiin dubartii jalqabaa ishee taaisa.

Kanaan dura, Naaniin Firaans Kongirigeeshinii Xavierese keessa akka daarektara Tajaajila Biyyaalessaa Wangeela Dargaggootaan gahu Firaans ta'uun dubartiin jalqabaa turteetti.

Akka Poop firansiis jedhanitti, 'loogiifi miidhaa dubartootarra gahu hunda dura dhaabbachuun dhimma hojii haqaati... Wlaiin taanee, sadarkaa hundaatti dubartoota caalaatti bakka gaggeessummaatti fiduudhaaf karaa dandeenyurratti hojjechuudha.

Naataalii Bekuwaart

Kristina Berdynskykh

Kristina Berdynskykh, Yukireen

Gaazexeessituu

Yeroo waraana Yukireen, gaazexeessituu badhaafamtuu kan taate Kristina Berdynskykh guutummaa biyyashee keessa deemuudhaan naannaawwan haleellaa Raashiyaa jala turanirraa gabaasaa turte. Hojii ishee keessatti kan irratti xiyyeeffattu keessaa tokko magaalota jireenyi guyyuu magaalota haleelamaa jiranii maal akka fakkaatudha.

Kerson keessatti kan dhalatte Kristina Berdynskykh, waggoota 14f barruu NV fi TV fi pirojektoota raadiyoo gara garaa irratti Kiyeexv keessatti akka gaazexeessituu siyaasaatti hojjechaa turte. Pirojektii miidiyaa hawaasaa e-People jedhu waa'ee hirmaannaa Yukireenotaa EUromaidan Revolution kan booda kitaaba ta'ee uumteetti.

Jooy Nigoozii Eze'iloo

Jooy Nigoozii Eze'iloo, Naajeeriyaa

Barsiistuu Seeraa

Akka diinii Seeraa Yunivarsiitii Naajeeriyaafi Namoota Daddabarsuurratti Raappoortera Addaa Mootummoota Gamtoomanii duraaniitti, Joo Eze'iloon mirgoota namoomaa idil-addunyaarratti barreessituu adda dureedha.

Dhaabbata 'the Women Aid Collective (WACOL)' jedhamu kan waggoota 25 darban keessa Naajeeriyaa keessatti dubartoota miidhaan irra gahe 60,000 ta'aniif bilisaan gargaarsa seeraafi bakka jireenyaa bilisaan dhiyeesse kan hundeessitedha. Namoota miidhaan irra gaheef gargaarsa atattamaa dhiyeessuuf dhaabbata Tamar Sextual Assault Referral Centree jedhamus hundeessiteetti.

Chimamanda Ngozi Adichie

Barreessituu Chimaamaandaa Nigozii Adiichee kan bara 2021 mo'atteen kaadhimamte.

“Piroofesar Eze'iloo warra iyyeessa ta'aniif gargaarsa seeraa bilisaan, keessumaa dubartootaafishamarran mirgi isaanii sarbameef shiyeessuun jireenya dubartoota hedduu jijjirteetti.”

Ibjookee Faboroodee

Ibjookee Faboroodee, Naajeeriyaa

Hundeessituu ElectHER keessaa tokko

Karaa ElectHER, Ibjookee Faboroodee sochii siyaasaa dubartoonni Naajeeriyaa qaban irratti dhiibbaa gochaa jirti. Dhaabbanni ishee bakka bu'ummaa siyaasaa ilaalchisee garaa garummaafi qaawwa jiru dhiphisuuf kan hojjetu yoo ta'u, guutummaa Afrikaa keessatti dubartoota 200 ol siyaasa keessatti hirmaachiseera. Duula #Africa35 jedhuun dhaabbannishee dubartoota 35 filannoo waliigalaa 2023 irratti naannoofi federaala irratti dorgoman deeggarsa humna namaafi maallaqa dhiyeessuun kallattiin gargaaraa jira.

Dubartiin kun xiinxala daataa filannoootiif app mobaayilaa falmitoota mirgoota dubartii Afrikaa jalqabaa duuba jirtudha. Ibjookee Faboroodeen yeroo ammaa kana Mana-maree Gaggeessummaa Faawondeeshinii Dimokiraasiifi Aadaa karaa haaraa ittiin adeemsa dimokiraatawaa tahe ittiin adda baasan irratti hojjetu keessa tajaajilti.

Erikaa Hilton

Erikaa Hilton, Biraazil

Dubartii siyaasaa

Kongiresii Biyyaalessaa Biraazil keessatti filamtee teessuma argachuun dubartii gurraattii qaama saalaa lamaan beekamtu jalqabaati. Eliikaa Hilton rogeettii sanyummaa, LGBTQ+, akkasumas mirgoota namoomaaf falmitudha.

Ijoollummaatti, mana maatii leellistoota ta'anii ari'amtee osoo univarsiitii hin seeniin dura daandiirra jiraatteetti. Siyaasa barattootaan bu'uura kan qabdu Hilton, gara Saawo Pooloo deemtee paartii left-wing ta'e PSOLtti makamte. Bara 2020 keessa miseensa mana-maree magaalaa ta'uun filamteetti. Kana malees Beela magaalaa guddicha Biraazil dura dhaabbachuuf fandii magaalaa seera jalqabsiisu hanga barreessuutti geesseetti.

Qabsoon keenya hanga mirgoota, miindaa walqixa ta'eefi gurracha, laatiinii, iyyeessa, sooressa, saal-tokkee ykn saal-lamee taanus miidhaa saala irratti hundaa'e dhabamsiisuu milkeessinuuttidha.

Erikaa Hilton

Park Ji-hyun

Park Ji-hyun, Kooriyaa Kibbaa

Siyaasa jijjiirtuu

Barattii yuunivarsiitii kan taate Park Ji-Hyun Kooriyaa Kibbaatti dubartoota yakka saal-qunnamtii oonlayinii keessa galan icciitidhaan achi keessaa isaan baasti. Bara kana muuxannoo isheerraa ka'uun ifatti baastee dubbatte. Booda ammoo siyaasa keessatti hirmaachun shamarran akka hirmaatanii sagalee kennan goote.

Dimokiraatik Paartin gaafa mo'uu dhabu, ishee ammoo gaggeessituu waloo akka taatu ishee godhan. Koree dubartootaa keessatti hirmaachunis yakki saal-qunnamtii karaa onlaayinii taasifamu irratti xiyyeeffatte. Ji'a Waxabajjii keessa ammoo paartin ishee caalmatti sagalee waan dhabeef aangoo isheerra kaate.

Addunyaa irratti yakki saal-qunnamtii karaa onlaayinii taasifamu mirgoota dubartootaa yaaddoo keessa kan galche yoo ta'u, waliin ta'uun rakkoo kana furuu qabna.

Park Ji-hyun

Zahaaraa Joyaa

Zahaaraa Joyaa, Afgaanistaan

Gaazexeessituu

Bulchiinsa Taalibaan jalatti waggoota ja'aaf, Zahaaraa Joyaa 'Mohaammad' taatee akka dhiiraatti uuffachuun barumsa baratteetti. Yeroo humni USn durfamu Taalibaaniin aangoorraa bara 2001 kaasetti, akka Zahaaraatti mana barumsaattti deebite. Dubartiin kun bara 2011 irraa kaatee gaazexxeessummaan hojjechuu eegaluun, kutaa oduu keessatti gabaasa dhiyeessuun dubartiin ishee qofa ture.

Afgaanistaan keessatti dhaabbata oduu dhimma dubartootaaf kan dubbatu tokkicha kan ta'e Rukhashnaan Media hundeessiteetti. Maqaan dhaabbata kanaas dubartii waggaa 19 Taalibaaniin dhagaatiin rukkutamtee ajjeefamteen moggaafame. Joyaan bara 2021 keessa Afgaanistaan keessaa kan baqachiifamte yoo ta'u, yeroo ammaa Rukhash Media biyya itti baqattee jirtu UK keessaa hojjechaa jirti. Badhaasa Gates Faawondeeshin 2022 Changemakers Award jedhus mo'atteetti.

Ani humna humna jechoonni dippilomaatii qabanitti nan amana waan ta'eef daba haqaa dubartootarra gahu dubbachuu qabna.

Zahaaraa Joyaa

Maariyaa Fernaandaa Kaasiroo Maayaa

Maariyaa Fernaandaa Kaasiroo Maayaa, Meksiikoo

Aktivitii/Rogeetti Hir'ina qaamaa

Akka dubartii hir'ina sammuu qabdu tokkootti, Fernaandaa Kaastiroon namoota ishee fakkaatan biroof akka siyaasa keessatti hirmaachuu danda'aniif qabsaa'aaf jirti. Garee quuqamtoota mirgoota warra hir'ina qaamaa qabanii Huumaan Raayits Waachiin deeggaramanii paartileen siyaasaa Meksiikoo keessa jiran hunduu namoota hir'ina sammuufi hanqina barachuu qabaniif haala ta'u imaammata isaanii keessatti akka hammataniif gaafatuti.

Hojiin ishee murteewwan siyaasaa ilaalchisee carraa dokumentii afaan barbaachisuun argachuu danda'uufi paartilee siyaasaafi filannoo keessatti hammatamuu kan jedhu dabalata. Kaastiroon jila Meksiikoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti gabaasa waa'ee mirgoota namoota hir'ina qaamaa qabanii dhiyeessaniifi bakka buutuu neetiwoorkii idil-addunyaa Inclusion Internationa turte.

Chaanel Kontos

Chaanel Kontos, Awustiraaliyaa

Mai fafutikar yaki da fyade

Hudeessituu socii 'Teach Us Consent' jedha kan wanti hundinuu waliigalteen akka ta'uuf hojjetuufi barnoota saal-qunnamti dhiyeessuuti. Bara 2021 keessa Chaanel Kontos hordoftootashee ykn namni isaan beekan yoo mana barumsaa keessatti miidhaan saalaa irra gahee beeka yoo ta'e gaafachuun fuula Instagram isheerratti maxxansite. Sa'aatii 24 keessatti namoonni 200 ta'an "eyyee" jechuun deebii kennan.

Awustiraaliyaa keessatti barnoonni wantii ta'u waliigalteen akka ta'u barsiisu gara gadiitti akka kennamuuf sagalee walitti qabuu jalqabde. Sababa duula isheen taasifte kanaan bara 2023 irraa kaasee barnoonni waliigaltee manneen barnootaa keessatti oolmaa daa'imaniirraa hanga waggaa 10tti kennuun dirqama ta'eera. Yeroo ammaa kana waa'ee fedhiii malee kondomii baasuu, namoota barsiisa jirti, gochi kun akka yakkaatti akka ilaalamuufis duula taasisaa jirti.

Eevaa Kooppaa

Eevaa Kooppaa, Boliiviyaa

Dubartii siyaasaa

Gaggeessituu barattuu duraanii kan turte Eva Kooppaan, siyaasa Boliiviyaa keessaa raasaa jirti. Kantiibaa magaalaa El Alto ta'uudhaaf paartii isheerraa kaadhimamuu erga dhabdeen booda, kaadhimaama isaan dhiyeessan dura dhaabbachuun filannoodhaan dorgomtee magaalaa biyyattiitti guddinaan lammaffaa taate keessatti sagalee %69 argachuun mo'atteetti. Karaa imaammataafi invastimantiidhaan dubartoota cimsuu kan kaayyeeffate karoora magaalattiin dubartoota aangessuuf qabdu dhiyeenya kana jalqabsiisteetti.

Koppaan baraoota 2015 hanga 2020tti akka senaataraatti waan hojjetteef siyaasaaf haaraa miti. Paartii biyya bulchurraa adda ba'uun ishee Boliiviyaa keessatti gara dirree siyaasaa ilaalchawwan gara garaa caalaa hammatuutti ce'uu ishee agarsiiseera.

Gaggeessitoota dubartoota ta'an caalaa barbaadna: Dubartoota yeroo hunda miila isaaniirra malee koomee isaaniirra ta'an miti.

Eevaa Kooppaa

Ursulaa von der Leyeen

Ursulaa von der Leyeen, Jarman

Pirezidantii Komishinii Awurooppaa

Pirezidantii Komishinii Awurooppaa dubartii jalqabaa kan taate Ursulaa von der Leyeen, dubartii siyaasaa Jarmanidha. Kaabinee Angella Merkel keessa kan tajaajilte yoo ta'u, Jarman keessatti Ministira Ittisaa dubartii jalqabaa ta'uun tajaajilteetti.

Osoo gara siyaasaatti hin deemiin dura Biraasels keessatti dhalattee dinagdeefi fayyaa baratteetti. Bara 2019 keessaa aangoo guddaa EU gaggeessuu erga qabatteen booda dhaabbaticha yeroo Brexit fi weerara Covid-19 fi waraanni Yukireen ture keessa hogganteetti. Seera EU haaraa boordii kampanii keessatti saala walqixxeessuu jedhu bara kana ragga'e duuba humni cimtuu turtedha jedhamti.

Sanna Marin

Kan bara 2020 mo'atte Ministira Muummee Finlaad Sannaa Mariiniitiin kaadhimamte.

“Yeroo Awurooppaan rakkina tokkorraa kan biraan itti wal jijjiiru keessa, Ursulaa von de Leyeen Gamtaan Awurooppaa waliin dhaabbatee akka bara rakkoo kana keessa darbu gochuu keessatti cimina addaa agarsiifteetti. Gaggeessummaan isheen kennaa turte haalaan jabaadha. Yeroon isaa baayyee hamaa ture, garuu isheen ammoo caalaa jabduudha.”

Naa'omii Loong

Naa'omii Loong, Ayerlaand Kaabaa

Dubartii Siyaasaa

Akka minsiteera haqaa duraaniitti Naa'omii Loong, bara kana keessa miidhaawwan saal-qunnamtiirratti hundaa'an Ayerlaand Kaabaa keessatti mul'atan dubar dhaabbachuudhaaf seerri akka tumamu taasifteetti. Doorsisni ajjeechaa kan isheerra gahe Loong, miidhaa saalaan walqabatan dubartoota siyaasaarra gahu ilaachisuun hubannoo uumuurrattis ni hojjetti.

Ogummaan ishee Sivil Injiinar kan ta'e dubartiin kun, Alliyaans Paartii bara 1995 itti makamte. Akka Lord Maayar kan Beelfaas ta'uun erga tajaajilteen boodabara 2010 keessa ammoo Westministeritti filatamuudhaan Miseena Paalmaamaa Alliyaas dubartii jalqabaa taateetti. Bakkakana ammoo ministira jalqabaa Peter Roobinsan teessuma Westminister waggoota 30 qabate injifattee irraa ar'iachuunidha.

Haalaafi ilaalchawwan hacuuccaan dubartootarra gahu akka itti fufu taasisan dura dhaabbachuu qabna. Kana jechuun ammoo nuti hundi keenya kallattiifi walitti fufinsaan aadaa kan dhiironni keessatti bakka adaa qabatan, dubartii gadi aansuufi jibbuu dura dhaabbachuu qabnaadha.

Naa'omii Loong

Ayeshaa Maalik

Ayeshaa Maalik, Paakistaan

Ogeettii seeraa

Bara kana keessa Mana-murtii Oalaanaa Paakistaan keessatti dubartii yeroo jalqabaaf muudamte ta'uun, haati seeraa Ayeshaa A Maalik murtiiwwan mirgoota dubartootaaf eegumsa taasisan barreessiteetti. Kun ammaa kan dabalatu murtii baayyee adda ta;e kan dubartoota miidhamtoota dirqamaan gudeedaman quba lamaan qorachuu jedhamu akka hafu gochuudha. 'Qorannoon durbummaa' kun hanga bara 2021 seeraan dhrokameetti yeroo yakka dhimma miidhaa saal-qunnaktiin walqabatan qoratamanitti hojiirra oolaa tureera.

Gahee Mana-murtii olaanaa keessatti qabdu cinaatti, Maali guutummaa addunyaa irratti abbootii seeraafi haadhotii seeraatiif leenjiis ni kenniti. Sirna haqaa keessatti dhimma koornayaa hammataa taasisuurratti akka dubbatamu jajjabeeffamuuf Paakistaan keessatti konfaransii dubartoota haadhotii seeraa ta'aniif qopheessaa turteetti.

Dubartoonni ilaalcha haaraa ijaaruu qabu - keessuma kan ilaalchawwan isaanii, hammatu muuxannoo isaanii qaaddatuufi seenaawwan isaanii hammatu.

Ayeshaa Maalik

Zaaraa Mohaammadi

Zaaraa Mohaammadi, Iraan

Barsiiftuu

Namoota dhaabbata Nojin Socio Cultural Association hundeessan keessaa tokko yoo taatu, Zaaraa Mohaammadi waggoota shantamaa ol magaala itti dhalattee guddatte Sanandaj keessatti afaan Kurdii barsiisaa turte.

Sabni tokko afaan isaa sirna barnootaa keessatti akka barsiisu ni eeyyama, garuu namoonni seera fi aktivistoonni lafarratti kuni dhigaa akka hin taane dubbatu. Kanaaf, ijoollen afaan dhalootaa isaanii mana baruumsaa keessatti hin baratan. Mootummaan Iraan Zaaran "hawaasa gurmeessun nageenya biyyoolessaa yaaddoo keessa galchite" jechuun himachuun hidhaa waggaa shan itti murteesse. Amajjii 2022 irraa kaasee hidhaa jirti.

Miyaa Mootilee

Miyaa Mootilee, Barbaados

Min istera Muummee

Akka ministira muummee dubartii Barbaados jalqabaatti, Amajji keessa sagalee baayyee caalmaatiin mo'achuun marsaa lamaffaa aangoo qabattee tajaajilaa jirti. Bara 2008 irraa kaastee ammoo Barbaados Labar Paartii gaggeessaa jirti. Biyya odola Kariibiyaa taate kana yeroo isheen maatii moototaa Biriitish irraa cituun sirna moototaa akka dursaa biyyaatti fudhachuu dhiisuun addunyaa irratti rippablika haaraa ta'uu ishee adda-durummaan gaggeessiteetti.

Mootilee waa'ee jijjiirama haala qilleensaa ifatti ija jabinaan dubbachuun beekamti. COP27 irratti rakkoowwan jijjiirama qilleensaa f fala barbaaduu dadhabuu isaaniitiif biyyoota sooreyyii haalaan qeequun, tarkaanfiiin barbaachisu fudhatamyy bannaan bara 2050 keessa namoonni biliyoona tokko sababa jijjiirama qilleensaan godaantota ta'u jechuun akeekkachiifteetti.

Sepideeh Qaaliyaan

Sepideeh Qaaliyaan, Iraan

Siyaasaa keessatti duula kan gootu

Barattuu Seeraa kan taate Sepideeh Qoliyaan kutaa bulchiinsaa Khuzestaan kan Kibba-lixa Iraanitti argamu keessatti mirgoota hojjetootaaf deeggarsa taasisuun waggaa shaniif hidhamteetti. Mana hidhaa namoonni siyaasaa kan keessatti hidhaman Evin dabalatee waggoota afran darban manneen hidhaa Iraan adda aadda afur keessatti dabarsiteetti.

Mana hidhaa keessa jiraattus gidiraa isheerra gahe sagalee waraabudhaan erguudhan hojii ishee itti fufte. Namoota wajjin mana hidhaa keessa turaniif sagalee ta'aafii turte; erga wabiin baateyyis waa'ee "hiraarsu" fi "haqa dhabuu" mana hidhaa Iraan keessatti dubartoota irra gahu kitaaba barreessite.

Roozaa Saalih

Roozaa Saalih, Iskootlan

Dubartii siyaasaa

Roozaa Saalih bara Caamsaa 2022 Mana Maree Magaala Gilaasgoow tti filatamuun baqattoota keessaa dubartii jalqabaa yoo taatu, ijoollummaatti haadha ishee wajjin Iraaq irraa baqatte gara Iskootiland deemte. Roozan ijoollummaa isheerraa kaasee mirga baqattootaf falmaa turte. Hiriyoota ishee waliin ta'uun hiriyaa isaanii hidhamteef duula gaggeessaa turan.

Duulli isaanii, Dubartoota Gilaasgow, jedhamu namoota heddu bira gahuun xiyyeffannoo argate. Akka aktivistii mirga namaatti Roozaa Saalih Turkii naannoo hawaasa Kurdii deemun Waltaa'insa Iskootiland Kurdoota Wajjin jedhu hundeessite.

Simoonee Tebeet

Simoonee Tebeet, Biraazil

Miseensa Seeneetii Federaalaa Biraazil

Ilaalcha biyyattii keessatti fiixeetti bahe gara gidduutti fiduudhaan namoota hedduu biratti cimina addaatiin kan ilaalamtu Senaatarri Biraazililaalcha siyaasaa giddu-galeessa ta'e qabdu Simoonee Tebeetfilannoo pirezedaantummaa bara kanaa sadaffaan xumurte. Bara 2002 keessa bakka buuttuu isteetaa ta'uudhaan kan filatamte yoo ta'u, bara 2004 fi 2008 ammoo magaalaa irraa dhufte Tres Lagoaskantiibaa taateetti. Bara 2014 keessa, sagalee %52 ol argachuunSenaatara taatee filatamte.

Dubartiin kun Koree Seneetii Heeraafi Haqaa kan damee qaamamoota mootummaa keessaa baayyee cimaadha jedhamu gaggeessuudhaanis dubartii jalqabaadha. Waggoota kudhanii ol ammoo barsiistuu seeraa kan turte Tebeet, Koree Waloo Miidhaa Dubartootarra Gahu Ittisuus gaggeessiteetti.

Namni kamiyyu baruu kan qabu fuuldurri dubartiidha, bakki dubartii bakka isheen barbaaddedha.

Simoonee Tebeet

Qisaannet Tediroos

Qisaannet Tediroos, Ertiraa

Intarpirunara barnootaa

Chaanaaliin YouTube Beles Bubu jedhu daa'imman Ertiraa afaaniifi aadaa isaanii barsiisu qopheessituu sagantaafi hojii kalaquun beekamtu Qisaannet Tediroosiin hundeeffame. Itoophiyaa keessatti dhalattee kan guddatte dubartiin kun, hundee ka'umsa ofiitti hdihata qabaachuudhaaf faayidaan afaan ofii hubachuu guddaa akka ta'u daa'imummaa isheerraa kaatee beekti.

Gareen pirodaakshina ishee sagaleewwaniifi artii dijitaalawaa qabiyyee dijitaala ta'e ofiin of barsiisuuf gargaaru Eritiraa, Yugaandaafi Dimokiraatik Rippabliika Koongoorraa walitti fidu. Viidiyoowwan ishee maatiiwwaniifi daa'immaan afaan Tigirinyaa dubbatan Ertiraafi Itoophiyaa keessaa ta'anitu fayyadama. Kana malees Qisaanet Tediroos Festivaala Ijoollee Beles Bubu jedhu baqqattoota Kampaaalaa Yugaandaa jiraniif yeroo jalqabaatiif qopheessiteetti.

Cheeng Yeen

Cheeng Yeen, Taayiwaan

Hojjettuu Qajeelummaa warra Budistii

Dharma Master Cheeng Yeen Budiizimii Taayiwaan ammayyaa guddisuu keessatti akka nama baayyee cimtuufi dhiibbaa cimaa uumteetti ilaalamti. Dhaabbata gargaarsaa Tzu Chi Faawondeeshin hundeessuun, yeroo tokko tokko akka Maazer Tireezaa Eeshiyaatti ilaalamti.

Dhaabbata kana bara 1966 haadhotii warraa 30 akka maallaqa qusachuun maatii isaanii gargaaran jechuun jalqabde. Erga snaa guddatee sadarkaa addunyaatti hordoftoota miliyoonotaan horatee, sadarkaa idil-addunyaatti tumsaafi gargaarsa wallaansa fayyaa kennuufi manneen barnootaafi hospitaalotas gaggeessaa jira. Yeroo ammaa kana umuriin ishee 80 keessa kan jiru dubartiin kun, hordoftoonnishee duula gargaarsa kennuu cimsanii itti fufuun dhiyeenuma kanayyu deeggarsa maalllaqaafi meeshaan namoota sababa waraana Yukireeniin buqqa'aniif dhiyeessaniiru.

Nazaaniin Zaghaari-Ratkiliif

Nazaaniin Zaghaari-Ratkiliif, UK/Iraan

Hojjettu tola-ooltummaa

"Namni butame tokko ykn mana hidhaa jiru wanta ofii isaatiin hin hojjetiin tokkoof qabamee akka hin turre mirkaneessuudhaaf addunyaan tokko ta’uu qabdi," kan jedhu dubbii lammiin Biriitish-Iraan taate Nazaaniin Zaghaarii-Ratkiliif akka ta'e ni beekama. Dubartiin kun kana kan jette duula yeroo dheeraa abbaan warraa ishee Richaard mootummaa Biriitish irratti dhiibbaa taasiseen hidhaatii akka gadhiifamtee falmii liqaa Iraan waliin ture furamuu mirkaneessee Bitootessa keessa gadhiifammtee kan dubbattedha.

Zaghaarii-Katkiliif bara 2016 intala ishee waliin boqonnaarra osoo jirtuu Iraan keessatti kan hidhamte yoo ta'u, sana booda akka nama dippilomaasii ta'uun mootummaa Ingilizii irratti dhiibbaa uumuuf aanga'oota Iraaniin qabamtee tursiifamte. Waggoota jahaaf hidhamtee turte - jalqaba irratti Mana Murtii Warraaqsaatiin sirna Iraan kuffisuuf yaaltee turte jedhamuun himatamte. Bara 2021tti murtiin ishee jalqabaa yeroo xumuramu murtiin lammaffaa isheef kenname, hanga waliigaltee dippilomaasii irra ga'amutti Iraan keessatti hidhamte. Zaaghaarii-Ratkiliif himannaa hunda cimsitee mormtee jirti, abbaa warraa ishee waliinis yaadannoo barreessaa jirti.

Oleenaa Zelenoskaa

Oleenaa Zelenoskaa, Yukireen

Giifti-duree

Barreessituu iskiriiptii TV baayyee beekamtuu hojii hedduu duubaan jirtudha. Oleenaa Zeleniskaa bara 2019 yeroo abbaan warraashee pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin pirezidantii ta'u osoo hin eegamiin addunyaarrati beekamte. Akka giifti-dureetti mirgoota dubartootaa foyyeessuufi akkasumas aadaa Yukireen beeksisuuf hojjetteetti

Weerara Raashiyaan booda, waltajjiiwwan qabdurratti gidiraa uummanni Yukireen keessa jiru ibsiteetti. Kongirasii US irratti abbaa warraashee waliin dhiyaachuun rakkoo Yukireen ibsiin giifti-duree biyya alaa kalqabaa jedhamteetti.

Dubartoonni yeroo nagaa caalaa itti-gaafatama dabalataa fudhatu...Dubartiin waan kana fakkaatu (waraana) keessa jirtu duubatti deebiyuu hin dandeessu. Ofitti amanamuummaa keessoo keenyaa ni guddata jedheen amana.

Oleenaa Zelenoskaa

Aadaafi Ispoortii

Diimaa Aktaa

Diimaa Aktaa, Sooriyaa

Atileetii

Bara 2012 bakki dhaloota Diimaa Sooriyaa keessatti argamu irratti haleellan boombii raawwateen miilla tokko dhabuun atileetiksii jaallatti hojjachuu dadhabde. Akka gabaasa UN tti lammiileen Sooriyaa 25% ta'an qaama miidhamoodha. Paara Olompikii bara 2024 irratti hirmaachuf waggaa kudhan booda shaakalaaf UK keessatti argamti amma.

Yeroo weerara kovidii baqattootaf deeggarsa erga walitti qabdeen booda, garee kubbaa miilaa Ingilaand (England's alternative football squad) keessatti hammatamuuf carraa argatte. Seenan ishee muuziqaa pop-istaar kan Annee Maariyaa keessatti kan hammatame yoo ta'u waa'ee cimina namoota qaama miidhamanii hubannoo uumuu itti fuftee jirti.

Selmaa Bileer

Selmaa Bileer, US

TaatooFiilmii

Gahee fiilmii aadaa Cruel Intentions, Legally Blonde fi Hellboy' jedhamanitti qabduun, Selmaa Bileer fiilmiifi televishiinii Ameerikaa keessatti taatoo beekamtudha.

Bara 2018 keessa dhibee qaama jajjabaataa taasisu 'Sclerosis' jedhamu baayyee akka qabdu kan barte dubartiin kun, fayyaa ilaalchisuun waan keessa dabarteefi dhiibbaa irra jiru dandamachuun dubbachuun dhibee kanarrattis hojii hubannoo uumuu hojjechaa turteetti. Bara kana keessa ammoo barruu yaadannoo offi 'Mean Baby' barreessiteeyyi, biraandii meeshaa miidhaginaa hammataa ta'e waliin ta'uun kosmootikiiwwan namni kamiyyu fayyadamuu danda'u hojjechuutti jirit.

Ani dubartii haala rakkisaa ta'e keessa dabarteefi salphaatti waan ittiin jedhaniin mogoleen bu'un ture, garuu sababa gargaarsa dubartoonni biroon naaf taasisaniifan as jira.

Selmaa Bileer

Saaraa Chaan

Saaraa Chaan, Sudaan Kibbaa

Iskuutarii NBA

Taphattuu Kubbaa Kachoo duraanii kan taate Saaraa Chaan amma Sudaan Kibbaa fi Keeniyaatti dargaggoota kubbaa kachoo irratti leenjisti, ni barsiiftis. Toroontoo NBA Raptarif dubartii Afrikaa yeroo jalqabaaf leenjistuu taatedha.

Waraana Sudaan keessa ture baqattee bakka itti kubbaa kachoon sirriitti wal barte Keeniyaa demte. Jakson Tennessee, Yuuniyeen Yuunivarsiititti carraa barnoota kubbaa kachoo argachuun ogummaa kubbaa kachoon Afrikaa fi Awurooppatti taphatte. Dhaabbata mitimootummaa Home At Home/Apediet Faundation jedhamu kan heeruma umurii malee, barnoota jajjabbeessu fi ispoortii fayyadamuun dargaggoota barsiisuu irratti hojjatu bante.

Ati waa'ee kee kan amante taata, Kanaaf fuulduree abjuu fi hawwii kee galmaan siif gahutti amani.

Saaraa Chaan

Piriyaankaa Chooppiraa Joonaas

Piriyaankaa Chooppiraa Joonaas, Indiyaa

Taatoo Fiilmii

Fiilmii maqaasheetiin hojjetame 60 ol kan qabdu Piriyaankaa Chooppiraa Joonaas fiilmiiwwan gurguddaa Bollywood keessatti urjiidha. Fiilmiishee bara 2002 keessa baheen booda, dubartiin duraan Miss World turte kun gara fiilmii Ameerikaa, Hollywood deemunis dubartii taatoo jalqabaa Eeshiyaarrrata'uun Ameerikaatti diraamaa walitti fufinsaan dhiyaatu (Quantico, 2015) jedhamuun gurra guddaa horattedha.

Hollywood keessatti taatuu ta'uun kan ittiin beekamtu keessaa 'Isn't Romantic fi 'The Marix Resurrections warri jedhaman muraasa.Kampaanii pirodaakshinii mataa ishee kan hudeessite artistiin kun, Indiyaa keessattis fiilmii hojjechuurratti bobbaateetti. Kana malees, Chooppiraan UNICEF Woodwill Ambaassador' ta'uun mirgoota daa'immaniifi barnoota ijoollee durbaf sagalee ta'aa jirti.

Sosochiin METoo fi isaan booda sagaleewwan dubartootaa walitti dhufuun dhageessifame, wal eeguun milkaa'inni argame, akkasumas wal cinaa dhaabbachuun mul'ate tokkummaa keessa wanti baayyee humna qabu akka jirudha.

Piriyaankaa Chooppiraa Joonaas

Biilii Eyiliish

Biilii Eyiliish, US

Barreessituu walaloo-sirbaa

Badhaasa Giraamii kan mo'atteefi sirba isheetiin daangaa cabsitee ce'uun seenaa haaraa kan galmeessiteefi urjii taate Biilii Eyliish, sirba ishee 'Your Power' jedhu warra ijoollee shamarranii umuriin hin ga'iin miidhan irraa kaastee hanga wallee ishee 'All THe Good Girls Go TO Hell' jedhu waa'ee jijjiirama qilleensaa ergaa dabarsuun beekamti.

Bara kana keessa beekamtii qabduun murtee Mana-murtii Olaanaa US mirga heeraa dubartootaa ukfa baasuu dhaabsisuuf dabarse mormuun dubartii umuriin xiqqaan Glastonbury irratti mata-duree oduu taate jedhamuun seenaa hojjetteetti. Waa'ee dhaabbii qaamaa, yeroo miira dhiphinaa keessa turteefi dhibee Tourette waliin jiraataa turtees ifatti dubbachaa turteetti.

Ani amma waa'ee yeroo kana keessa jirruu na dhibaa jira. Dubartoonni gubbaarra jiru. Sababa ijoollee durbaa akka kiyya dhimmanii bahan dhabee waanan tureef yeroo addaa abdii kutannaa keessa ture darbeera.

Biilii Eyiliish

Zaar Amiir- Ibraahim

Zaar Amiir- Ibraahim, Iraan

Taatoo

Badhaafamtuu bara kanaafi taatoo fiilmii kan taate Zaar Amiir- Ibraahim fiilmii Holy Spider jedhu irratti hirmaachun dubartii Iraan badhaasa Taatoo Cimtuu injifatteedha.

Zaar Amiir- Ibraahim jireenya jaalala dhuunfaa ishee waliin wal qabatee hariisa fi dhiibbaa irra gahaa ture baqattee Iraanii bahuuf dirqamte. Bara 2008 Paaris deemun dhaabbata fiilmii mataa ishee Alambic Production jedhamu banachuun kaameeraa fuulduraa fi isaan alatti hojiiwwan gurguddoo hojjachuu itti fufte.

Ons Jaabe'ur

Ons Jaabe'ur, Tuniisiyaa

Taphattuu Teenisii

Seenaa guddaa bara 2022 Shaampiyoonaa Wimbeldon irratti hojjetteen booda, urjiin teenisaa Tuniiziyaa Ons Jabe'ur, Open era irratti xumura Grand Slam qaaqqabuudhaaf dubartii Arabaa ykn Afrikaa jalqabaa taateetti. Ji'a tokkoon booda ammoo xumura US Open qaqqabdeetti.

Umuriin ishee waggaa sadii yeroo jirutti teenisii taphachuu kan eegalte dubartiin umurrin ishee waggaa 28 kun, Sadarkaa Waldaan Teenisii Dubartootaa (WTA) baasuun sadarkaa lammaffaa qabachuun, dubartootaanis ta'e dhiirotaan sadarkaa qabachuun Afrikaa ykn Araba irraa kan jalqabaa taateetti. Jabe'ur si'a sadii mo'achuun taphattoota dhaloota haaraa kakaasuuf fakkeenya taateetti.

Isneechaa Jawaalee

Isneechaa Jawaalee, Indiyaa

Hojjettuu Hawaasummaa

Mudde bara 2000 yeroo maatiin ishee baasii gonfoo eerumaaf barbaachisu guutuu dadhabanitti, abbaan warraa Isneechaa Jawaalee boba'aatiin ibidda itti qabsiisee gube. Maatiinammoo poolisii bira deemanii himata hin banne. Erga abbaan warraa ishee ilma isaanii waliin deemanii dubbistuu kaardii taphaa 'tarot' jedhamuufi barreessituu fiilmii ta'uuf murteessite - bakki hojii kun ammoo kan namoonni fuula ishee arguu hin dandeenyedha.

Jaawaleen yeroo ammaa hojjettuu hawaasummaa taate tiyaatira Nirbhaya jedhamu yakka gudeeddii garee bara 2012 Delhii keessatti raawwatameef yaadannoo akka ta'utti moggaafame keessa akka taphattuuf gaafatamte. Hordoftoota addunyaarra jiraniif bakka kana irratti taatee hojjechuun ammoo sodaashee akka mo'attuuf ishee gargaare.

Waggoota 10 darban keessa , ilaalchaawwan namoota gubataniifi asiidiin miidhaan irra gaheef qaban jijjiirameera. Ani ofiikoo akka Miss World ykn Mis Universe tokkoon gaditti of hin ilaalu. Ani bareedduudhan jedha, dhugumas ammoo bareedduudha.

Isneechaa Jawaalee

Reemaa Jufaalii

Reemaa Jufaalii, Sa'ud Arabiyaa

Konkolaachistuu dorgommuu

Bara 2018 keessa Reemaa Jufaalii dubartii Sa'ud Arabiyaa jalqabaa konkolaachistuu dorgommii pirofeeshinaalaa ta'uun seenaa hojjetteetti. Bara kana keessa, garee kan mataashee, Teebaa Motorsport, jedhamu hundeeffachuun International GT Open irratti dorgomuun carraafi hirmaannaa Sa'ud Arabiyaa dorgommii motoraa irratti qabdu cimsuuf kaayyeeffatteetti.

Konkolaachistoota dorgommii dubartoota ta'an guutummaa addunyaarra jiraniif fakkeenya addaa kan taate Jufaaliin Teebaa Motorsport qabattee dorgommuu guddaafi jaallatamaa Le Mans 24-hour irratti hirmaachuun seenaa haaraa galmeessuus barbaaddi.

Ilaalchi hedduun dubartoota miidhan ammallee hawaasa keessa jiru. Jijjiiramni gaariifi waaraa ta'e haa dhufu yoo jedhame deeggarsi mana keessaa , akkasumas hawaasa keessaa dhufuu qaba.

Reemaa Jufaalii

Onaa Kaarboneelii

Onaa Kaarboneelii, Ispeen

Daaktuu

Atileetiin Ispeen bishaan daakuun beekamtu Onaa Kaarboneell walfaana atileetiifi haadha ta'uun waan sirrii akka ta'etti akka fudhatamuuf qabsaa'uun beekamti. Si'a sadii Olompiki shaampiyoonaa kan taate atileetiin kun, meetiifi naasa dabalatee madaaliyaawwan gurguddoo 30 guurratteetti.

Bara 2020 keessa da'imashee jalqabaa deessee booda Olompikii Tookiyaa qaqqabuu danda'uudhaaf leenjii jalqabde. Bakka dorgommiitti ilmashee harma hoosisuu hin dandeessu seera jedhu mormuun sagaleen ishee akka dhaga'amu gooteetti. Bara kana ammoo, yeroo lameessoo haadha daa'imaa taateetti. Haadha ta'uun ispoortii waliin deemsisuun akka danda'amu dubartoota atileetii ta'an biroo agarsiisuudhaaf dokumentaarii tokko keessatti seenaashee himteetti.

Kadri Keung

Kadri Keung, Hong Kong

Dizaayinara Faashinii

Huccuu bifa bareedaa ta'een namoota dulloomanii fi qaama miidhamoo ta'aniif dizaayinii tolchuun waanta Kadri Keung jaalattuudha. Bara 2018 haadha ishee Keung waliin dizaayinii biraandii RHYS jedhu eegalte. Kanas namoonni gaafa dullooman faashinii fi dizaayinii huccuu isaanif namni iddoo akka hin laanne hubachuudhan akkawoo isheef kunuunsa gochuun eegalte.

Ofii ishees ogummaa huccuu hodhuutin waan eebbifamteef Kadrin ogummaafi beekumsa qanbduun huccuu ykn boorsaa maamiloonni baebaadan dizaayinii isaan fedhaniin hojjachuu eegalte. Biraandin ishee kanneen qaama miidhamoo ta'an dabalatee dubartoota 90 leenjisuun qacareera. Bara 2022 ammoo Keung biraandii Boundless jedhu kan wantoota faashinii ta'an jajjabessu eegaltee jirti.

Miyee Kiyaang (Miikii) Lee

Miyee Kiyaang (Miikii) Lee, Kooriyaa Kibbaa

Piroduusara

Akka nama aartiif jaalala addaa qabuutti, Miikii Lee Dambalii Aadaa Kooriyaa gaggeessaa jirti. Iseehn milkaa'ina K-po addunyaarratti gonfate duuba humna jirtuufi maandiisa festivaala muuziqaa KCON kan taatedha. Suura filatamaatiin badhaasa Oscar mo'achuudhaan fiilmii afaan biyya alaa kan ta'e 'Parasite' irratti ammoo piroduusara olaantuudha.

Lii dhaabbata bashannanaan Kooriyaa Kibbaa guddicha CJ ENM- fiilmii jabaafi TV istuudiyoo, oppereetara keebiliifi kampanii muuziqaa hojjetutti itti-aantu gaggeessituudha.

Rebel Wilson

Injifattuu bara 2021, taaatoo fiilmii kan taate Rebeel Wilsaniin kaadhimamte

“Isheen GIRL POWER kan taateefi anaaf moodeeladha. Aadaashee addunyaatti dhiyeessuun beeksifteetti,innimmoo hundi isaa akkaan gaariidha," - Reebeel Wilson

Laawuraa MakAlistar

Laawuraa MakAlistar, Weels

Tapahattuu kubbaa miilaa duraanii

Garee kubbaa miilaa dubartootaa Weels keessa taphataa kan turte Laawuraa MakAlistar bulchiinsa kubbaa miilaa keessatti gahee addaa addaa bahatteetti. Amma Koree Kubbaa Miilaa Dubartootaa Uefa tti Itti Aantuu yoo taatu Kaawunsilii Fifa Ebla 2021 tti Uefa bakka bu'uun filannoof dhiyaattee turte. Football Association of Wales Trust tti daayirektara boorditi.

Amma Kaardif Yuunivarsiititti pirofeesara kan taate Laawuraa MakAlistar siyaasa Weelsittis ekspartii siyaasati. Bara kana namoota jaalattoota saala wal-fakkaataa (LGBTQ+) ta'an ambasaaddara ta'uun bakka buutee Waancaa Kubbaa Miilaa Kaatar irratti hirmaattetti.

Miilii

Miilii, Taayilaand

Artistii Raap

Artistiifi barreessituu walaloo kan taate Daanufaa Khaanateerakul kan maqaa waltajjii ishee Miilii jedhuun caalaatti beekamtu, sirboota ishee falmisoosuu ta'aniin sadarkaawwan midhagina dhugaa hin taaneefi saal-qunnamtii ilaalchisuun waliigaltee irratti sirbiteetti. Afaanotaa baayyeefi loqodawwan , akkasumas jechoota garee hawaasa Taayilaand -saala makaa ta'an itti makuun muuziqaa 'raap' jedhamu hojjetteetti. Dhiyeenya kana ammoo albama ishee BAAB BUM BUM jedhamu beeksifteetti.

Dubartiin kun bara kana festivaala Coachella jedhamurratti ilaalcha warra Taayiifi mootummaa dura dhaabbachuudhaan, akkasumas nyaata aadaa warra Taay ruuza mangoo walharkisaa waltajjiirratti nyaachuu isheetiin ijoo dubbii taateetti. Bara darbe deebii mootummaan Taay Covid-19 ilaalchisuun kenne qeequu isheetiif himannaawwan maqa-balleessiin irratti dhiyaatee ture. Sababa kanaan, hadhtag #Svemilli kan jedhu baayyee nanaannawaa ture.

Ritaa Moreenoo

Ritaa Moreenoo, Puerto Rico/US

Taatoo Fiilmii

Taatoowwan baayyee muraasatu sadarkaa EGOT irra gaha -- Kun milkaa'ina guddaa badhaasawwan EMMY, Grammy, OScar fi Tony Award' jechuudha. Riitaa Moreenoon garuu kan milkeessiteetti. Taatoon, weellistuufi shubbistuun Puerto Rica taate kun karaa kana kan jalqabde yeroo umurii waggaa 13 jirturraa kaaseeti.

Singin’ in the Rain fi The King and I jedhu keessatti hojjetteetti, garuu Anita ishee kan West Side Story jalqabaa keessatti Laatina jalqabaa Oskaar injifatte ishee taasise. Steven Spielberg nama guutummaatti haaraa ta'e tokko irra deebi'ee hojjechuu isaa isa dinqisiifamaa ta'e keessatti barreeffame qaba ture keessumaa Moreno, amma umuriin ishee waggaa 90 keessa jira.

Saliimaa Rhadiyaa Mukansangaa

Saliimaa Rhadiyaa Mukansangaa, Ruwaandaa

Haadha-murtii

Kubbaa miilaa addunyaaf yeroo seena-qabeessa ta'etti, Saliimaa Rhadiyaa Mukansangaan tapha Waancaa Addunyaa dhiirotaa Qaataar 2022 haadhotii murtii sadii FIFAn filate keessaa tokkodha. Seenaa waggaa 92 keessatti yeroo jalqabaatiif dorgommiin addunyaa guddaa kun dubartoota murtii keessatti hirmaachiseera.

Amajji darbe, dorgommii Waancaa Afrikaa kan dhiirotaa irratti haadha murtii ta'uun dubartii jalqabaa taateetti. Akkasumas, Taphawwan Olompikaa Tookiyoos taphachiisteetti. Kubbaa miilaa dubartootaa addunyaa irrattis taphoota sadarkaa gurguddaatti hogganteetti. Osoo ispoortii keessa hin hojjetiin, deessisuu baratteetti.

Allaa Pugachevaa

Allaa Pugachevaa, Raashiyaa

Weellistuu

Shibbistuufi qindeessituu muuziqaa kan taate Allaa Pugachevaa kaaseta miliyoona 250 ol gurgurteetti. Yeroo ammaa sorrma baatulleen, sirboota 500 ol ta'aniifi albeemota 100 ol qabaachuun Giiftiin Pooppii warra Raashiyaa kun faajjii aadaa sagalee ishee kiiloleefi akka barbaadde gootuun beekamti.

Muuziqaasheetiif irra deddeebiin Raashiyaa irraa badhaasa kabajaa argatteetti, akks ta'ees garuu yeroo gara garaatti ifatti mootummaa mirmuun dubbachuun beekamti. Dhiyeenyuma kana waraana Yukireen mormuun fuula Instadram hordoftoota miliyoona 3.6 waburratti kan barreessite yoo ta'u, ergaashee kanaaf ammoo dinqisiifannaatii hanga biyya ganuutti himatmatetti.

Addunyaan dubartoonni barnoota akka argataniifi maallaqaan of danda'an gochuudhaan waan gaarii hojjeteera. Haata'u malee, miidhaan mana keessaa dubartootarra gahu biyyooota hedduu keessatti ammallee dhimma guddaa ta'eera.

Allaa Pugachevaa

Elnaaz Rekaabi

Elnaaz Rekaabi, Iraan

Kortuu (climber)

Shaampiyoonaa Eshiyaa Kooriyaa Kibbaatti ji'a Onkoloolessaa keessa gaggeeffame irratti Elnaaz Rekaabi hijaaba mataatti osoo hin maratin hirmaattee. Yeroo kana gootu Iraan keessatti namoonni hedduun seera hijaaba godhachuu akka dirqamaatti kaa'u mormaa turan. Dorgommichaan afraffaa baatu illee sababa hijaaba osoo hin godhatin dorgomteef namoota Iraan mormii gaggeessa heddu biratti fudhatama guddaa argatte. Yeroo isheen gara biyyaa deebitu buufata xayyara Tehraanitti namoota heddutu ishee simate, miidiyaa hawaasaa gubbaatti akka malee jajamte.

Boodarra TV iratti gaaffif deebif dhiyaattee dorgommii irratti hijaaba malee hirmaachun ishee tasa hijaabni waan irraa bu'eef malee itti yaaddee akka hin taane ibssun dhiifama gaafatte. Haa ta'u garuu BBC Pershiyaan odeeffannoo akka argatetti dirqiisiifamtee TV irratti dhiifama akka gaafattu godhamte.

Yulimaar Roojas

Yulimaar Roojas, Venezuweelaa

Atileetii

Meedaalistii Olompikaa (warqeefi meetii), akkasumas si'a sadii shaampiyoonaa addunyaa kan taate Yulimaar Roojaas Bitootessa keessa wayita meetira 15.7 ulaatletti dubartii jalqabaa utaalchoo lafarraatiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Mana-keessaarratti rikkoordii haaraa qabatte taateetti. Kana caalaa meetira 16 utaaluuf kaayyoo qabdis.

Yeroon barattuu turetti, fakkeenya LGBTQ+ kamiyyu hun beekun ture. Ani amma nama fakkeenya isaa ta'u malee guddachuudhaan dhaloota dhumaan ta'a jedheen abdadha.

Nuti dubartoonni hacuucamuu hin qabnu. Nuuf wantonni hin danda'amne hin jiran, akka tuffatamni ni beekna garuu akka cimana addaatiin mul'annee danda'uu keenya agarsiisaa jirra.

Yulimaar Roojas

Sally Scales

Sally Scales, Austitaaliyaa

Artistii

Bara 2022 keessa, gorsituu artii kan taate Sally Scales rifaraandamii 'Voice to Paarliament' jedhamuun beekamu dursee mootummaa Awustiraaliyaa waliin hojjechuun muudamteetti. Mariin seena qabeessi kun milkaa'ee jennaan namoonni ganamaa dhaabbataadhaan adeemsa paarlaamaa keessatti bakka bu'ummaa argatu.

Hoggantuu aadaafi artistii beekamtuu kan taate Scales dubartii kabajamtu Pitjantjatjara irraa dhuftedha. Pipalyatjara bakka fagoo Awustiraaliyaa Kibbaa keessatti argamudha. Gita kanatti muudmatee hojjechuudhaaf, jedhuun dursituu APY ta'uun, akkasumas dhaabbileen daldalaa kan namoota gamaa ta'an APY Art Centre Collective jedhamuufis dubbi-himtuudha.

Julia Gillard

Nama siyaasaa Yuliyaa Gillard kan 100 Dubartoota bara 2018 looret taateen kaadhimamte.

“Sally dubartii artii miidhagaa ta'e uumtuufi nama hubachuu dandeessudha. Warra kaan barsiisuufi kakaasuun ilaalchaawwan badaa dachaa sanyummaafi dubartummaarra jiru akka dhaabbatuuf jijjiiramni barbaachisu akka dhufu giiteetti.”

Nana Darkoa Sekyiamah

Nana Darkoa Sekyiamah, Gaanaa

Barreessituu

Kitaabni ishee 'The Sex Lives of African Women' jedhu akka "walabummaa saal-qunnamtiirratti gabaasa ajaa'ibaa" ta'etti ibsama. 'The Economist' kitaabashee kana kitaabota waggaa keessaa hunda caalaa filatame jedheera. Kitaabishi sagalee gara garaa guutummaa ardittiirraa hanga daayaasporaa addunyaatti waan jiru agarsiiseera.

Barreessituufi aktivistii/rogeettiin dhimma dubartootaa Nana Darkoa Sekyiamah, weebsaayitii, podcast festivaala Adventures from the Bedroom of African Women' jedhau kan qabiyyeewwan muuxannoo dubartoonni Afrikaa dhimma saal-qunnamtii, saal-qunnamtiin walqabataniifi saal-qunnamtii garaa nama gahuufi gammachiisu muuxannoo isaanii irratti qoodan hundeessiteetti.

Warri dhimma dubartiif quuqamaan hojjetan dubartoonni hunduu akka of ta'aniif haala mijeessuu keessatti milkaa'aniiru. Haata'u malee, deebii hin malletu nu mudataa jira. Kun ammoo bu'aa wanta arganneeti. Deebiin akkasii kun ammoo addatti garaa garummaa koornayaafi namoota koorniyaan walii hin gallefaa miidha.

Nana Darkoa Sekyiamah

Geetaanjaalii Shiree

Geetaanjaalii Shiree, Indiyaa

Barreessituu

Haadha asoosamaafi barreessituu Geenjilii Shiree bara kana kitaabashee 'Tomb of the Sand' jedhu kasoosamashee Ret Samadhi Ingiliffatti hiikameen barreessituu Hindi Badhaasa Kitaabaa Idil-addunyaa mo'atte ta'uun seenaa hojjetteetti. Kitaabni kun afaan Firenshiitti hiikamees badhaasa the Emile Guimet Prize'f kaadhimameera.

Shireen asoosa gabaabaa Hindiitiin barreessiti, asoosama gababaafi kan asoosma hin taane ammoo Hindiifi Ingiliffaan barreessiti.Kitaabonni ishee afaaniifi caasaa baayyee ogummaa gaarii qabuun barreessitu afaanota Indiyaafi afaanota alaa hedduutti jijjiirameera. Garee tiyaatiraa Vivadi jedhamu kan warra hundeessan keessaa tokko taate waliin ta'uunis iskiriiptii tiyaatiraas ni barreessiti.

Dubartoonni yeroo hunda bakkawwan isaanii dabarsanii kennaniiru. Haata'u malee, yeroo keenya kana keessa, aadaawwaniifi sadarkaawwan gara garaatti walqixxaataa ta'uu baatus jireenya hundumaa keessatti jijjiiramni argameera.

Geetaanjaalii Shiree

Aleksaadraa Sikochilenkoo

Aleksaadraa Sikochilenkoo, Raashiyaa

Artistii

Artistiin St. Piitersbarg Aleksaandraa Sikochilenkoo odeeffannoo lakkoofsa guddaa namoota Maariyoopool mana tiyaatiraa keessatti halleellaa xiyyaaraa Raashiyaan gaggeessituun ajjeefamuu malan dabalatee ergaawwan waa'ee waraana Yukreen gatii shaqaxoota supparmaarketiitii bakka buusuusheetiif hidhamteettii ture. Nama supparmaarketicha keessaa bitachaa ture tokkoon gabaafamtee booda, seera 'odeeffannoo burjajessu' gadhiisuu jedhuun himatamtee humnoota Raashiyaatiin qabamte.

Yeroo ammaakana wiirtuu mana-murtiitti osoo hin dhiyaatiin keessa turuun eeggatan keessa akka sababa ilaalcha isheetiin hidhaan hanga waggaa 10 ishee eeggata.

Sikolchilenkoon Hubannoo Dhiphinaafi Maaniyaa Jechuun Maal kan jedhan dabalatee fayyaa samuurratti kitaaba baacoo barreessiteetti. Hiriyyaan ishee dubaraa mana hidhaa keessatti fayyaa Sikochilenkootiif yaaddoo akka qabdu gabaasteetti.

Veliyaa Vidaal

Veliyaa Vidaal, Kolombiyaa

Barreessituu

Seenessituufi guddistuu aadaa naannoo Kolombiyaa El Choco irraa kan taate Veliyaa Viidaal, dubbisawwan waloo jaallatti. Dhaabbata aadaa dubbisuufi barumsaa, akkasumas aadaa Addaa Choco jajjabeessu Motete jedhamu kan hundeessitedhas.

Kitaabni ishee dhiyeenya kanaa, Aguas de Estuario, jedhamu n badhaasa maxxansaa barreessitoota Afiroo-Kolombiyaan kan Ministeerri Aadaa Kolombiyaa kennu mo'ateera. Pirojektii Afluents kan Muuziyeemii Biriitish waliin gaggeeffamuf keessattis qorattuu tokkodha.

Amma miidhaa seenaa keessatti dubartootarra gahaa turre caalaa hubannee qajeelchuun akka nurra jiru barree jirra, gatuu hangam sanyummaan ammoo miidhaa kana akka warra Afiroo fi uummata ganamaa irratti daran hammaatu garuu hubachuu dadhabneerra.

Veliyaa Vidaal

Esraa Waardaa

Esraa Waardaa, Aljeeriyaa/US

Shubbistuu

Dhala Aljeeriyaa daayaasporaa kan taate Esraa Waardaan shubbisa aadaa Aljeeriya kutaa jireenyaa keessa hanga kutaa barnootaatti akka beekamu kan gootedha. Aadaan shibbisaadubartootaa Kaaba Afrikaatti bramaa ta'e akka hin bandeef irratti hojjehcaa jirti.

Daayaasporaa keessatti dubartoota muraasa aadaa ra'i jedhamu keessaa tokko kant tae Cheikha Rabia keessaa tokkodha. Waardaan artist biyya tokkorraa gara biyya biraatti deemtuufi barsiisuu, akkasumas shubbisniisheef woorkishooppiin ishee Waashingitan irraa hanag Landanitti addunyaa bal'aarratti beekamaadha.

Rogeessummaafi Sagalee Ta'uu

Linaa Abuu Akleeh

Linaa Abuu Akleeh, Daangaawwan Palastaayin

Falmituu mirgoota namoomaa

Lammii Palastaayin-Ameerikaa kan taate Linaa Abuu Akleeh intala obboleessa gaazexxeessituu Palastaayin-Ameerikaa Shireen Abuu Akleeh kan Caamsaa darbe wayita humnoonni Israa'el West Baanklafa humnaan qabatamerraa namoota adamsaa jiran Al Jazeera irratti gabaasaa jirtuu ajjeefamteeti. Waraanni Israa'el akkajedhetti loltoota isaa keessa tokko "dogoggoraan" ajjeesuu akka malu "carraan agarsiisu guddaan" jira jedheera.

Linaan amma ajjeechaa adaadaa ishee kanaatiif haqniifi itti-gaafatamummaan akka jiraatuuf baatee falmaa jirti. Mirgoota namoomaa irratti xiyyeeffachuun qorannoowwan idil-addunyaatiin Maastersii baratteetti. Hojii sagalee ta'uu hojjettuun TIME 100 Next keessatti gaggeessituu jalaandhufaa jirti jedhamuun bara 2022 keessa moggaafamteetti.

Bakka adaadaan kiyya Shireen Abuu Akleeh keessaa godaantee kaasnee gama ilaalcha dubartootaatiin itti fufsiisuu qabna. Kana gochuudhaan ammoo oduu nuti himnuufi odeeffannoo nuti walitti qabnu walqixa, sirriifi guutuu ta'uu isaa mirkaneeffachuu dandeenya. Dubartoota malee kun hin danda'amu.

Linaa Abuu Akleeh

Velmaariirii Bambaarii

Velmaariirii Bambaarii, Indoneeshiyaa

Aktivistii/Rogeettii

Indoneeshiyaa keessa bakka fegeenyarra ta'e keessa kan hojjettu Velmaariirii Bambaariin Giddu-galeessa Sulawesii keessatti warra miidhaan saala irratti hundaa'e irra gahuuf falmaa turte. Miseensota mana-maree naannaa jiraattuu sana amansiisuudhaan seera aadaa ture akka badu gochuudhaan dubartoonni miidhaan saala irratti hundaa'e irra gahe akka hin adabbamne goteetti.

Akka seeraa aadaa "Washing the village" kaa'utti namoonni duudhaafi safuu jiru faale adabamuu qaba jedha. Seerri kun ammoowarra miidhaan irratti raawwatameerrattis kan hojjetudha.Sababa duula gaggeessiteen, Bambaariin yeroo yakki dubartoota irraan miidhaan geessisuu mudatutti poolisiin ishee dubbisa. Bara kana dhimmoota hedduu qoratteettis.

Ani har'ina qaamaa qabaadhullee carraawwan akka dubartoonni maallaqaan of danda'an taasisu dubartoota naannawaa koo jiraniif uumuudhaaf humna koo cimsadheen isaan aangessuu barbaada.

Velmaariirii Bambaarii

Taranaa Burkee

Taranaa Burkee, US

Aktivistii/Rogeettii

Duulli #MeToo jedhu waggaa shan dura baayyee babbalatee ture, yeroo sanattis namoonni guutummaa addunyaarra jiran muuxannii miidhaa saalaa isaanirra gahu qaban qoodaniiru. Sochiin kun garuu kan jalqabame dubartiin miidhaa walfakkaatu keessa dabarteefi aktivistii taate Taraanaa Burkeetiin bara 2006 keessa jalqabame. Hacuuccaafi miidhaa dubartootarra gahu irratti hubannoo cimsuuf jettee jecha kana uumte.

Yeroo tiwiitiin 2017 taatoo fiilmii Aliisaa Milaanoon gadhiifte duula #MeToo sana akka malee ol kaasetti, akkamitti akka dubartoonni qabaman ilaalchisee ijoo dubbii addunyaa ta'uun warra miidhaa akkasii keessa darbaniif ammoo sagalee guddaa ta'eef. Burkeen jijjiirama aadaafi caaseffamaaf qabsaa'uu akkuma itti fuftee jirtuun dubartoota miidhaa irra gaheef sagalee ta'aa jirti.

Sanjiidaa Islaam Choyaa

Sanjiidaa Islaam Choyaa, Baangilaadish

Barattuu

Baanglaadeesh addunyaa irratti gaa'ela daa'immanii baay'inaan raawwatamu keessaa tokko yoo taatu, Sanjiidaa Islaam Choyaan garuu sana jijjiiruuf yaalaa jirti. Haatishee ofiishee umurii dargaggummaatti kan heerumte yoo ta'u, Choyaan garuu bu'aa gaa'ela daa'immanii ilaalchisee mana barumsaattti waan dhiyaateen kaka'uudhaan gaheeshee ba'achuuf murteessite.

Isheefi hiriyyoonnishee, barsiisonniifi warri ishee tumsan garee Kuruphisa (Grasshopers) jedhanii of waamu, taateewwan gaa'ela daa'immanii poolisiitti gabaasu. Amma yunivarsiitii keessa jirti, hojiin Choyaan Kuruphisa waliin hojjettu hin dhaabne, miseensota garee haaraa gorsiti. Hanga ammaatti gaa'ela daa'immanii 50 raawwatamuuf ture dhorkuu isaaniitu himama.

Sandiyaa Eknaligodaa

Sandiyaa Eknaligodaa, Siri Laankaa

Rogeettii mirgoota namoomaa

Rogeettii mirgoota namoomaafi duultuu kan taate, Saandiyaa Eknaligodaa yeroo walwaraansa Siri Laanka haadhotiifi haadhotii kamaatamaan lakkaa'aman maatii isaanii dhaban gargaaraa jirti. gaazexeessaafi kaaartunistii beekamaa kan ta'e abbaan warraa ishee Piraageez Ekinaligodaa, Amajji 2010 keessa chi buuteen isaa dhabame. Mootummaa cimsee qeequun kan beekamuufi miidhaawwan garee Tamil Tiger foxxoquuf qabsaa'an irratti gaggeeffameera jedhames qoratee ture.

Erga achi buuteen isaa dhabamee, haati warraa isaa haadha ijoollee lamaa haqa barbaadaa jirti. Butamuu abbaa warraashee kanaaf ammoo deeggartoota pirezidantii duraanii Siri Laankaa Maahinda Rajapaaksaa himatti. Shakkamtoonni adda bahanillee, hundi isaanii bilisaan gadhiifamaniiru.

Ani carraa kam keessattiyyu dubartii bakka warra kaanii bu'ee loludha , qabsoo haalaa duukaa deemuttin hirmaadha, akkasumas haarsaafi of kennuutiin yeroo arrabsoofi maqa-balleessiin jirutti dura dhaabbadhee nama keessa darbudha.

Sandiyaa Eknaligodaa

Gohar Eshghi

Gohar Eshghi, Iraan

Aktivistii sivilii

Gohar Eshghi Iraan keessatti mallattoo ciminaa fi rakkoo dandamachuu taatetti. Ilmi ishee Saatar Beheshti biloogara kan turee fi waggoota kudhan dura mana hidhaa keessatti du'e. Ergasii Gohar Eshghi haqni akka argamu gaafachaa kan turte yoo ta'u mootummaa Iraan ammoo nama gidirsuu fi ajjeechadhaan himatti.

Iraan keessatti garee Haadholii Komii Qaban jedhamanii yoo taatu namooni kun ijoollee isaanii jalaa ajjeefamaniif haqa gaafataniidha. Ayatolah Ali Hameenii du'a ilma isheef kallattiidhan itti gaafatama fudhachuu qaba kan jettu Gohar Eshghi akka aangoo irraa bu'uuf namoota bara 2019 xalayaa mallatteessan keessaa ishee tokkoodha. Bara kana du'aatii Mahsaa Amiinii hordofee mormii mudateen falmii hijaaba mataa ishee irraa fuudhun aantummaa ishee agarsiiftetti.

Ceci Flores

Ceci Flores, Meksiikoo

Aktiivistii/Rogeettii

Namoonni hidhatan ilma Ceci Flores umuriin isaa waggaa 21 Alejaandiroo bara 2015 keessa fudhatan. Waggaa afur boodas ilmaan ishee afur keessaa tokko kan ta'e Maarkoo Antooniyoo kan umuriin isaa waggaa 31 ta'e garee shiftootaatiin butame. Ceci Flores hojii rogeessummaa ishee keessatti osoon maaltu akka ijoolleekoorra gaheefi namoota Meksiikoo keessatti dirqamaan butamaniif haqa hin argiin nan hin ajjeesiin jetti.

Bara kana keessa, biyyattiin namoota dirqamaan butamaniin akka malee itti hammaachuun namoonni 100,000 akka achi-buuteen isaanii hin beekamne UN waan hamaafi gaddisiisaadha jedhee baaseera. Gaggeessumaa Ceci Flores jalatti dhaabbanni Madrs Buscadoras de Sonora jedhamu namoonni achi-buuteen isaanii dhabame 1,000 ta'an akka argaman gargaareera.

Geraldina Guerra Garces

Geraldina Guerra Garces, Ikkuwaadoor

Falmituu ajjeechaa dhiirotaan dubartootaarra gahuu

Waggoota 17 oliif mirgoota dubartootaaf falmaa kan turte Geraldina, Guerra Garces, Ikkuwaadoor keessatti dubartoota haleellaan miidhamaniif eegumsa gochuurratti hojjetti. Ajjeechaa dhiironni dubartoota irratti raawwatan akka inni bahee mul'atu gochuutiin odeeffannoo funaanuun beekamti.

Dubartiin kun dubartoota miidhaan irra gahe "life maps" akka ilaalcha aadaa isanaii jijjiiruuf waan yaadatan tursiisan gochuuf uumuuf yaadamee sosochii Cartographies of Memory duuba turte. Guerra dhaabbata dubartoota miidhaan irrra gahe gargaaru 'Feminist Alliance and the Latina America Network Against Gender Violcence' jedhamuuf dhimmoota dubartoota iaallatan hordoftee bakka isaa adda baasuun hojjetti. Akkasumas Faawondeeshinii Aldiyaa fi neetiwoorkii dahoo dubartootaa biyyattii bakka buuti.

Ajjeechaa dhiirotaan dubartootarratti raawwatamu ittisuudhaaf tarkaanfiin cimaan hin jiru taanaan, nama kamiifiyyu jijjiiramni hin jiraatu. Seerri haaraan hojiirra olellee, ammallee ajjeefamaa jirra waan ta'eef kun jijjiiramuudhuma qaba.

Geraldina Guerra Garces

Moud Goba

Moud Goba, UK

Aktivistii LGBTQ+

Ofii isheetii baqattuu taatee osoo jirtuu hawaasni baqataan uuammata naannichaatti makamee akka jiraatu gochuu irratti waggoota digdamman darban dhaabbilee garaa garaa waliin baay'ee hojjatte. Yeroo ammaa kana dhaabbata baqattoota saala wal-fakkaataa jaalatan LGBTQ+ jedhamaniif deeggarsa godhu Micro Rainbow jedhamu gaggeessiti. Namoota mana hin qabneef iddoo bultii kan dhiyeessu fi waggaatti siree iddoo bulmaataa 25,000 kan dhiyeessu pirojektii ijaarsa mana jireenyaa gaggeessaa jirti.

Dhiyeenya kana namoota Afgaanistaan irraa baqatanii dhufan adeemsa LGBTQ+ hawaasatti makuu gaggeessiteetti. Namoota UK Black Pride hundeessan keessas tokkoodha.

Gehaad Hamdi

Gehaad Hamdi, Masirii

Hakima ilkaanifi hojjattuu namoomaa

Gehaad Hamdi ogeettii fayyaa ilkaani yoo taatu dhaabbata dubartootaf karaa miidiyaa hawaasaa dubbatu Speak Up jedhu kan hundeessitee fi gaggeessituudha. Miidhaa fi haleellaa saal-qunnamtii dubartoota irra gahu saaxiluu irratti hojjatti. Bara 2022 keessa Masiriitti yakkoota garaa garaa dubartoota irratti raawwatan akka xiyyeeffannoo argatan gootetti.

Dhaabbatichi dubartoonni waa'ee miidhaa isaanirra ga'uu akka dubbatan jajjabeessa, deeggarsa seera fi hamilees ni taasisa. Duulli isheen taasiftu yeroo garaa garaatti ni mul'ta. World Justice Forum 2022 irratti badhaasa mirgoota wal-qixxummaa fi loogii irraa bilisa ta'uu mo'atte.

Daandii dheeratu nu hafa, dhiyeenyatti waanti dhumu hin jiru.

Gehaad Hamdi

Judith Heumann

Judith Heumann, US

Falmituu mirgoota warra hir'ina qaamaa qabanii

Judith Heumann umuriishee mirgoota namoota hir'ina qaamaa qabaniif dubartii kenitedha. Ijoollummaasheetti erga pooliyoon ishee qabatee booda dubartii Magaalaa Niiwu Yoork keessatti Wiilcheriin deemtee barsiisu taate.

Dubartiin kun sosochii mirgoota namoota hir'ina qaabaa qabaniin gaggeessituu idil-addunyaarratti beekamtudha. Sochii isheen taasiftu ammoo ijaarsawwan federaalaa US akka mijataa ta'an gochuu yeroo dheeraadhaaf qabsaa'amaa ture keessatti gahee olaanaa qabdi. Kana keessatti seeraan akka deeggaramu gochuuf waan gaarii gumaachiteetti. Dubariin kun bulchiinsa Kilintan fi Obaamaa keessa hojjechuunis muuxannoo waggaa 20 qabdi.

Regeettii namoota hanqina qaamaa qaban kan taateefi bara 2020 100 Dubartoota looretii taate Shanii Dhandaatiin kaadhimamte.

“Ani dhugaadhumatti Juudii ilaalee hamilee guddaan horadhe. Isheen waggoota 30 ol mirgoota namoota hir'ina qaamaa qabaniif akka addunyaatti falmaa turteetti. Sochii mirgoota namoota hir'ina qaamaa qabaniif keessa dadhabe osoo hin jedhiin hojjechuun akka addaatti yaadatamti.”

Jabina Yasmin Islaam

Jabina Yasmin Islaam, UK

Duula gaggeessituu

Jabina Yasmin Islaam dubartoonni yeroo daandii deeman nageenyi isaanii akka eegamuuf duula gaggeessun beekamti. Obboleettin barsiiftuu turte Sabina Nessa bara 2021 tti London keessatti ajjeefamte. Kanarraa ka'uun namni himatame mana murtiitti akka dhiyaatuf seera irratti jijjiiramni akka dhufuuf duula gaggeessa turte.

Obboleettin ishee erga duuten booda, mootummaan UK dhiirota yakka hojjatan irratti tarkaanfin fudhatu laafaa akka ta'ee fi loogii gaggeeffamu ilaalchisee qeeqa dhiyeessiti.

"Addunyaa kana irraa eenyi caalaa of jaaladhu."

Sabina Nessa

Ergaa joornaalii Sabiina Nessa irraa, obboleettin ishee Jebinan kan qoodde

Heyidii Kirawuter

Heyidii Kirawuter, UK

Warra Hir'ina qaamaa qabaniif kan falmitu

Heyidii Kirawuter ilaalcha namoota hanqina guddina sammuu qaban jijjiiraadhuuf falmaa turteetti. Seera ulfa garaa jiru hanqina sammuu qaba jedhame akka baasan hayyamurratti kan loogii uumudha jechuun mootummaa manamurtiitti dhiyeessiteetti. Dhiima kana irratti jalqaba mana murtiitti mo'achuu baattus hanga ijibbaattutti akka duuba hin deebine himuun garee ijaarrachuu hanga Mana-Murtii Olaanaatti akka deemtu ejjennoo qabdu ibsatteetti.

Rakkoo hir'ina sammuu ilaalchisuun adda-duree kan taate dubartiin kun, hundeessituu 'National Down Syndrome Policy Group' jedha dhimma kanarratti hojjetuuti. Kitaabni ishee 'I'm Just Heidi' jedhu Hagayya keessa maxxanfame.

Waa'ee hanqina guddina sammuu -Down Syndrome' jedhamuu ilaalchisuun dubartoonni ulfaa odeeffannoo sirrii akka qabaatan nan barbaada.

Heyidii Kirawuter

Laayilii

Laayilii, Iraan

Mormituu

Mormii Iraan keessatti gaggeeffamaa jiruun waanti baay'ee qalbii namaa hawwate dubartii rifeenssa mataa ishee dudduubatti hidhattee dugdarra gadi lakkistee osoo mormii gaggeessituu duuban suurri ishee ka'ee mul'atuudha. Suurii ishee kun mallattoo diddaa ta'ee fudhatame. Boodarra garuu isheedha jechuudhan dubartii biraa ganna 22 kan taate Najafin ajjeefamte.

BBC Pershiyaatti kan dubbatte Laayiliin (maqaa ishee isa dhugaa mit) namoota akka Hadis Najaa fi Mahsaa Amiinif falmuu akka barbaaddu dubbatte. Mootummaan Iraan, "Ajeechadhaan nu sodaachisuu hin danda'u. Bilisummaa Iraanif abdii qabna," jette.

Narges Mahammadi

Narges Mahammadi, Iraan

Falmituu miirgoota namoomaa

Gaazexeessituu fi kaadhimamtuu Badhaasa Nobeelii Nagaa kan taate Narges Mohammadi Iraan keessattu itaantuu pirezidaantii Giddu Gala Mirgoota Namoomaa yoo taatu murteen du'ee akka hafuuf dadhabe osoo hin jedhin falmiteetti. Dhiyeenya kana yeroo mormiin Iraan keessatti gaggeeffamaa ture, mana hidhaa Evin keessa teessee mootummaan Iraan mormitoota irratti murtii du'aa dabarsuu akka dhaabuf UN tti xalayaa barreessiteetti.

Bara 2010 Narges Mohammaditti hidhaan waggaa 10 itti murtaa'ee tur booe- boodarra wabiin baatee waa'ee qabiinsa mana hidhaa Evin keessa jiruu haasaa qeeqaa taasifteen hidhaan isheetti murtaa'e waggaa 16 tti ol guddate. Dokumentariin ishee White Torture jedhu namoota 16 duraan mana hidhaa keessa turan gaafachuun hammeenya fi gidiraa achi keessa ture ibsa. Ijoollen ishee lamaan fi abbaan manaa ishee aktivistii siyaasaa Taaghii Rahmaanii biyya baqaa jiraatu.

Hadizatuu Manii

Hadizatuu Manii, Niijer

Falmituu farra-garbummaa

Waggaa 12tti haadha warraa shanaffaa akka taatuuf kan gurguramte Hadizaatuu Maniin, barmaatii Wahayaa jedhamu kan namni beekamaan tokko haadha warraa seera qabeessa hin taane dabalataan fuudhuun haadhotii warraa isaa afran tajaajiltu ittiin garbummaa jala tursiisudha. Erga bara 2005 seeraan bilisa baateen booda, Maaniin irra deebiin heerumtee turte, garuu gooftaan ishee duraanii sun abbaa warraa osoo qabduu heerumte jechuun ishee himate. Kanaanis yakkamtuu taatee ji'a ja'aaf hidhaaan itti murtaa'e.

Maaniin sirna bulchiinsaafi Mana-murtii Olaanaa Niger dura dhaabbachuun murtoo irratti darbe bara 2019 keessa galagalchuun sababa kanaan akka barmaatiin wahayaa jedhu akka dhaabbatu taasisteetti. Dubartiin kun yeroo ammaa falmituu farra garbummaa yoo taatu, carraa qabduun dubartoonni biroon akka jireenya garbummaa jalaa baqataniifis ni gargaarti.

Oleksandra Matviichuk

Oleksandra Matviichuk, Yukireen

Haadha seeraa mirgoota namoomaa

Waggoota 15f Oleksandra Matviichuk dhaabbatayakkawwan waraanaa Raashiyaa weerara Yukireen booda uumame keessatti ragaa qindeessuun hojjeteef waloodhaan Noobelii Nagaa 2022 mo'ate 'The Center for Civil Liberies (CCL) hogganteetti.

Mirgoota namoomaarratti xiyyeeffachuun CCL, Yukireenota baroota 1960 keessa bakkaa bakkatti deeman seenaa isaan dabarsuuf hojjeta. Bara 2014 keessa, Wiirtuun kun gara Kireemiyaa, Luhaansik fi Doontesk deemuudhaan yakkawwan waraanaa galmeessee qabachuudhaan dhaabbata mirgoota namoomaa jalqabaati. Yeroo ammaa kana ammoo sarbamoota mirgoota namoomaa Raashiyaan chichiiniyaa, Moldovaa, Joorjiyaa, Siiriyaa, Maalii fi Yukireen keessatti raawwatte akka dhaddacha addunyaarratti qoratamuuf gaafachaa jiru.

Gootummaan koorniyaa hin qabu.

Oleksandra Matviichuk

Aliis Paataksoo

Aliis Paataksoo, Biraazil

Rogeettii/aktivistii warra ganamaa

Duultuu jijjiirama qilleensaa, gaazexeessituufi dhiibbaa uumuun kan beekamtu Aliis Paataksoo waa'ee imaammatawan naannoofi qonnaa mootummaan Biraazil mirgoota lafaa namoota ganamaa lafa isaaniirra jiran yaaddessurratti hubannoo cimsuuf kaayyeeffattee hojjetti. Uumata Paataksoof sagalee akka taatetti, hawaasa ganamaa ilaalchisuun ilaalchawwan sirna kolonii dura dhaabbachuun hojjetti.

Kolaboraatiif gaazexeessituu yoo taatu chaanaalii YouTube ishee Nuhe jedhuuf sagantaan qopheessiti. Jechu Nuhe jedhu ammoo dandeettii dandamachuu hawaasa ganamaa Biraazil agarsiisa.

Malala Yousafzai

Regoottee barnootaa Malaalaa Yusaafza'i kan bara 2021 mo'atteen kaadhimamte.

“Aliis Paatarksootiin tarreeffama BBC 100 Dubartoota keessatti kaadhimookootti nan boona. Aliis ejjennoo hin mittiiqneen of kennitee waa'ee jijjiirama qilleensaarratti, walqixxummaa saalaa fi mirgoota namoota ganaarratti yeroo hojjettu oggaan argu addunyaan waaraafi walqixxummaan kan bira gahamu ta'uu isaa abdii naaf kenna.”

Tamaanaa Zaryaab Paryaanii

Tamaanaa Zaryaab Paryaanii, Afgaanistaan

Aktivistii/Rogeettii

Erga hiriira mormii Amajji keessa mirga barnootaafi hojii gaafaturratti hirmmaatteen mooda Tamaanaa Zaaryaab Paryaaniifi obbolaan ishee durbaa yeroo dhiirota hidhataniin humnaan mana isaaniitii fudhataman argamanii ture. Gocha kana ilaalchisuun balaaleffannaaffi akka gadhiifamaniif waamichi addunyaarraa dhaga'amus Talibaan wanta kana keessatti akka hin hirmaanne haaleera.

Yeroo qabamtutti deebii kennite waraabuun oonlaayin maxxansuu dandeesseetti. Viidyoon Paryaanii sun akkaan waan vaayiraal ta'ee tureef dubartoonni aktivistoota ta'an achi-buuteen isaanii dhabamaa ture akka xiyyeeffannaa argatan taasiseera. Osoo hin gadhiifamiin dura torban sadiif to'annoo jala turteetti. Yeroo ammaa kana Jarman jiraachaa kan jirtu yoo ta'u, dubartoota Iraan cinaa dhaabbachuun, fooxaa mormaashee gubdeetti. Gochi ishee kunis dubartoota Afgaan baayyee biratti akka waan falmisiisaa ta'eetti ilaalameera.

Yeroo dubartoonni addunyaa dabalaafi foyyaa'aa jiranitti, dubartoonni Afgaanistaan keessa jiran garu waggppta 20 duubatti deebifamaniiru. Milkaa'inni dubartootaa waggoota 20 isaanirraa fudhatameera.

Tamaanaa Zaryaab Paryaanii

Roya Piraei

Roya Piraei, Iran

Aktivistii

Ji'a Fulbaana keessa suuran Roya Piraei baay'ee beekamee ture. Haati ishee Minoo Majidi namni ganna 62 magaala Kurdoonni Iraan baay'inaan keessa jiraatanitti mormii irratti hirmaachaa turte. Osoo mormiirra jirtuu rasaasan rukutamtee duute. Piraei awwaala haadha ishee cinaa rifeensa addattee rifeemsa aadde sanammoo ammoo harkatti qabattee mul'atti.

Mormiin Iraanitti erga eegalee kaasee fuula miidiyaa gubbaatti baay'inaan mul'atan keessaa tokko taate. Ergasii Piraei mormii gaggeeffamaa jiruuf deeggarsa idila addunyaa argachuuf pirezidaanti Faransaayi Imaanu'eel Maakron waliin wal argite turte.

Yuuliyaa Saashuuk

Yuuliyaa Saashuuk, Yukreen

Gaggeessituu warra hir'ina qaamaa qabanii

Quuqlmtuu mirgoota namoomaa Yukreen kan taate Yuuliyaa Saashuluk, hoggantuu dhaabbata Fight for Right jedhau dubartoota hir'ana qaamaa qabaniin gaggeeffamuuti. Yeroo waraan Yukireen kanatti garee balaa atattamaaf deebii kennu hundeessuun Yukireenota kumaatamaan lakkaa'aman hir'ina qaama aqaban haala ittiin baafamuu/baqachiifamuu qaban mijeessuuf dhaabbilee idil-addunyaa waliin ta'uun guyyaa guutuu hojjetaa turaniiru.

Saashuun ijoolleen durbaafi dubartoonni hir'ina qaamaa qaban murtee kennuu keessatti akka hirmaataniif aangessuurratti fedhii guddaadhaan hojjetti. Faawondeeshinii Obaamaa sagantaa Gaggeessitoota Awurooppaa irratti hirmaatteetti, Badhaasa Biyyaalessaa Huumaan Raayits 202 irratti looretii turte, akkasumas Koree UN Mirgoota Namoota Hir'ana qaamaa qabanirratti Yukireeniif kaadhimamtuu turte.

Suvaadaa Selimoovich

Suvaadaa Selimoovich, Bosiiniyaa fi herzegoviiniyaa

Nagaaf kan qabsooftu

Amma erga waraanni Bosiiniyaafi Herzegoviinaa, akkasumas Suvaadaa Selimoovich barbadoofteen booda ganda dubartoota buqqa'anii booda qe'eetti deebiyuun ganda ijaaran keessa jiraachaa jirti. Haadha iyyeessaafi haadha daa'ima xiqqoo kan taateSuvaadaa Selimoovich dhaabbata nagaafi dubartoota aangessuurratti hojjetu Anima jedhamu hundeessiteetti.

Erga reeffi abbaa warraashee awaala jumlaa keessatti bara 2008 argameen booda,mana-mrtii yakkawwan waraanaa irratti dhiyaattee dhugaa ba'uun dubartooni warri kaanis akkumashee kana akka godhan jajjabeessaa turteetti. Dhaabbannishee Anima har'a dubartoota sababa waraanaa dhiphina samuu horatan leenjisuun omishaawwan qabaniif carraa gabaa akka argatan gargaaraa jira.

Efraat Tilmaa

Efraat Tilmaa, Irsaa'el

Tola-ooltuu

Poolisii Irsaa'el keessatti nama Saal-lamee taatee fedhiin hojjatu kan jalqabaa ta'uun Efrat Tilmaa waamicha hatattamaa taasifamu deebisuu fi walitti dhufeenya humnoota nageenya fi namoota LGBTQ+ gidduu jiru fooyyessuuf hojjatti. Efraat Tilmaa maatii isheetin erga jibbamtee dararri poolisii irra gahee booda gara Awurooppaa deemte. Bara 1969 tti Kaasaacilaankatti baqaqsanii hodhuutin saal-lammee taate. Yeroo sana saala jijjiirrachuu Awurooppattuu qaanii ture.

Boodarra Barlinitti deebi'uun keessummeessituu balalii xayyaaraa taatee hojjachuu eegalte, heerumtes. Baa 2005 Israa'elitti deebitee namootaa saal-lamee ykn saala wal fakkaataa ta'aniif dhaabachuun falmuu eegalte.

Zhou Xiaoxuan

Zhou Xiaoxuan, Chaayinaa

Aktvisitii/Rogeettii dhimma dubartii

Fuula sochii MeToo Chaayinaa kan bakka buute ta'uun, dhimmi Zhou Xiaoxuan Chaayinaa keessatti warra dubartootaaf quuqamaniifi hordoftoota addunyaatiin duukaa bu'amaa tureera. Bara 2018 keessa, CCTV biroodkaster qabeenyummaan isaa mootummaa ta'e irratti dhiyeessuudhaan kan beekamu Zhu Jun yeroo shaakala hojiif (internship) achi keessa turte bara 2014 tuttuqqaa fedhii saalaafi dirqamaan dhungachuu anarraa gaheera jechuun himatte. Inni ammoo himannaa ishee kana haaluun maqaa na balleessiteetti jechuun ishee himate.

Dhimmi ishee ragaa quubsaa ta'e hin qabu jedhamuun kufaa ta'ee iyyanni ishee fudhatama dhabeera. Kana ammoo miidiyaaleen alaa sochii MeToo Chaayinaa keessatti kufuu isaa agarsiisa jedhan. Zhou Xiaon yeroo ammaa kana dubartoota saal-qunnamtii waliin walqabsiisuun miidhaan irra gahe gargaaraa jirti. Kana malees, dhimmoota dubartootarraan miidhaa geessisan Chaayinaa keessatti baastee agarsiisaa jirtu.

Dubartii rifeensa mataa ishee murtu

Dubartii rifeensa mataa ishee murtu, Iraan

Mormituu

Iraan keessatti du'uu dubartii ganna 22 Mahsaa Amiinii hordofee mormiin guddaan ka'ee ture. Dubartiin Kurdii taate kun seera uffannaa hijaabaa hin hordofne jedhamuun Fulbaana 13 hidhamte.

Bara kana shoora dubattoonni mormiiwwan keessatti, mirga isaanif falmachuu fi hijaaba dirqiin uffachuu mormuu keessatti bahataniif beekamtii kennuu barbaanne.

Mataa ofirraa muruun mallattoo diddaa ta'ee namoota bebbeekamoo, angawoota siyaasafi namoota duula garaa garaa gaggeessan biratti godhamaa ture. Hawaasa Iraan tokko tokko birratti rifeensa ofirraa muruun akka mallattoo gaddaatti ilaalama.

Fayyaafi Saayinsii

Aye Nyein Thu

Aye Nyein Thu, Miyaanmaar

Doktara fayyaa

Miyaanmaar keessa bakka rakkoon jiru keessatti Aye Nyein Thu hojii tola-ooltummaatiin adda dureedha. Kutaa Chin baayyee fagoofi iyyeeyyii ta'anirratti xiyyeeffachuunis hojjetti. Bara 2021 keessa hospitaala yeroodhaaf ta'e humna xiqqaadhaan tajajaila kennuu danda;u hundeessuudhaan namoota dhukkubstaaniifi madaa'an gargaaraa turteetti.

Yeroo boqonnaasheetti ammoo, naannolee biroo wallaansi fayyaa hin jirre deemuun namoota qe'ee isaaniirra buqqa'an dabalatee dhukkubsattoota gargaarti. Hojiishee keessatti ammoo missensota milishaa Miyaanmaar milishoota mootummaa morman deeggarti jechuun ishee himatanis dura dhaabbachuun beekamti.

Sirishaa Baandilaa

Sirishaa Baandilaa, Indiyaa

Injinara Aeronautical

Sirishaa Baandilaa qaama ergama bara 2022 seena-qabeessa ta'ee Virgin Galactic ta'uun fiixee hawaatti baateetti. Kun ammoo dubartii Indiyaatti dhalattee gara hawaa deemte lamaffaa ishee taasiseera.

Umurii gamaatti fedhii hawaa kan horatte Baandilaan, US deemtee injiinarummaa aeronautical baratte. Yeroo ammaa kana Virgin Galactic Dhimmoota Mootummaafi Oppereeshinii Qorannootti pirezidantii Itti-aantuudha. Gita kanarratti ammoo maamiltoota qorannoo saayinsii balali'uufi qorannoo tekinooloojii imala hawaa VG's SpacesShip waliin hojjechuu dabalata.

Sunny Leone

Looreetii 100 Dubartootaa 2016, taatoo fiilmii Saanii Li'ooneetiin kaadhimamte

“Industirri dhiirotaan dhuunfatame kana keessatti, Sirishaan waan hudna dandeessee cimtee hojjechuufii of keennuutiin wanti irra geesse kun anaaf hamilee guddaadha, hunda caalaa ammoo, ijoollee shamarranii abjuu kana fakkaatu qabaniif fakkeenyaafi hamilee gaariidha.”

Viktooriyaa Baptiste

Viktooriyaa Baptiste, US

Barsiiftuu Narsii fi talaallii

US, Isteeta Meeriland keessatti narsii kan taate Viktooriyaa Baptiste waa'ee talaallii namoota barsiifti. Hawaasni gurraachi maalif waldhaansa fayyaa akka shakku ni hubatti. Viktooriyaa hidda sanyii dubartii gurraattii fedhii isheen ala seelin ishee fuudhamee laaboraatoorii keessa kaa'amee fi bara 1951tti kaansarii gadameessan duuteti. Maqaan dubartii sanaa Henirita Laaks jedhama.

Seelii HeLa jedhamuun kan beekamuu ergasii yaalii qorannoo meedikaalaf kan dhimma itti bahamuudha. Viktooriyaa Baptiste amma Henritta Lacks Foundation waliin kan hojjatti yoo ta'u Dhaabbata Fayyaa Addunyaatifis ambasaaddara kaansarii gadameessaa ta'uun hojjataa jirti.

Nilohufaar Bayaanii

Nilohufaar Bayaanii, Iraan

Ikkooloojistii

Kunuunsituun uumamaa Nilohufaar Bayaanii sanyii lubbu-qabeeyyii baduurra gahan hordofuudhaaf bara 2018 keessa kaameraa fayyadamuu hordofee quuqamtoota naannoo Iraan keessatti hidhaman keessaa tokkodha. Wantota tarsiimoof of eeggannoon qabaman ilaalchisuun odeeffannoo adda baafamanii eegaman sassaabuun himatamanii kan turan yoo ta'u, Bayaaniin hidhaa waggaa kudhaniitiin adabamte.

Bayaaniin manaajar sagantaa Waayildilaayif Heriitaj Faawondeeshin kan amaaketa Eeshiyaafi sanyii biroo kunuunsuudhaaf hundaa'eeti. Akka ragaa BBC Persian argatettuLotoonni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan "mhiraarsa sammuu, hamileefi qaamaa baayyisee hamaa ta'eefi doorsisa miidhaa saalaa yoo xiqqaate sa'aatii 1,200 irraan gahuu" himatti Aanga'oonni Iraan himannaawwan irratti dhiyaate kana haalaniiru.

Saamiraawwit Fiqiruu

Saamiraawwit Fiqiruu, Itoophiyaa

Interpurunara Tekinooloojii

Hanga umuriin ishee waggaa 17 guututti kompiitara fayyadamatee kan hin beekne taatus, Pirograamar Saamiraawwit Fiqiruun hundeessituu saxaxa dizaayinaa hundeessiteetti. Kun ammoo kampaniiwwan app taaksii RIDE duuba jiran keessaa tokkodha.

Mudannoo yeroo hojiidhaa galtu taaksii qabattee deemuun sodaa itti uumeefi fajoo konkolaachistoota darbaa kaffalchiisan ishee mudatu akka app kana hudeessituuf ishee kakaase. Hojii kanas maallaqa $2,000 hin caalleen jalqabde. Kampaniin dubartii kanaa amma hojjetoota garri caalan dubartoota ta'an bobbaasee jira. Industirii tekinooloojii Itoophiyaa keessa dubartoota lakkoofsaan muraasa ta'anitu jira kan jettu Saamiraawwit Fiqiruu, dhaloota itti aanu shamarran ol adeemoo interpurunara akka ta'an kakaasuun fedha jetti.

Biizinasoonni abbaan qabeenyummaa isaanii dubartoota ta'an amma lakkoofsaan dabalaa jira; amma ijoollee durbaa ol adeemoo ta'an carraa maallaqaa argachuun kalaqa yaada mataa isaanii milkeeffatan dabalataa barbaadna.

Saamiraawwit Fiqiruu

Wagaahtaa Gabreyohaannis Abarraa

Wagaahtaa Gabreyohaannis Abarraa, Tigraay, Itoophiyaa

Hojjettuu gargaarsa namoomaa

Hojjettuu gargaarsa namoomaa kan taate Wagaahtaa Gabreyoaannis Abarraa dhaabbata bu'aaf hin hojjenne hanqina nyaataa sababa waraan Tigraay keessa tureen uumame balleessuuf kaayyeffate Hdrina jedhamus hundeessiteetti. Hdrina sagantaa nyaata attatamaa namoota qe'ee keessatti buqqa'anii kaampii jiran (IDP) fi pirojektii qonna magaalaa dabalatee pirojektoota dubartootaafi daa'imman waraanaan miidhaman gargaaruu kaayyeffate qaba.

Kana malees dhaabbatichi pirojektii dubartoota miidhaa saal-qunnamtii waraanaan wal qabate irra gahe aangessuu, akkasumas dubartoota warra sababa waraanaa hiyyummaa keessatti kufanii hojii daldala saal-qunnamtii keessaseenanis ni gargaara.

Dileek Gursoorii

Dileek Gursoorii, Jarman

Ogeettii Onnee baqaqsanii wallaanuu

Jarman keessatti maatii Turk irraa godaananirraa kan dhalatte Dr. Dileek Gursoorii ogeessii onnee baqaqsanii wallaanuu adda-dureefi ispeeshaalistii onnee nam-tocheeti. Jarman keessa Awurooppaa keessa dubartii jalqabaa onnee nam-tolchee wallaansa baqaqsanii wallaanuutiin namaa jirjjiite jechuun barruun Forbes barreessee jajamaa turteetti.

Waggoota kudhanii oliif qorannoo onnee nam-tolcheerratt adda-duree ta'uun, qaama keessoo dubartootaarratti hojjechuun jijjiirra onnee haala argamuu danda'urratti hojjechaa turteetti. Seenaa jireenyaa barreessitee yeroo ammaa kana ammoo kilinika onnee kan ofiishee banachuuf adeemsarra jirti.

Soofiyaa Heyinoonen

Soofiyaa Heyinoonen, Arjentiinaa

Kunuunsituu uumamaa

Ogummaan ishee baayoloojii kan ta'e Soofiyaan qabeenya uumamaa kunuunsuuf of kenniteetti. Ameerikaa kibbaa keessatti qabeenyawwan uumamaa badan deebisuudhaaf hojjetaa turteetti. Bakkawwan eegumsi taasifamuuf akka jiraatu gochuudhaaf waggooa 30 ola dhimma kanarratti hojjechuun dabarsiteetti.

Gaggeessummaa ishee jalatti projektiin Rewilding Argentina dhimmoota naannoo kunuunsuu ijoo ta'an afur keessatti dammaqinsaan hojjeta.

Kimikoo Hirataa

Kimikoo Hirataa, Jappaan

Jijjiirama haala qilleensaaf duula kan taasistu

Annisaa cilee cimsitee kan mormitu Kimikoo Hirataa, walakkaa umuriishee jijjiirama haala qilleensaatiif hunda caalaa gahee kan qabu boba'aa uumamaa irratti hirkachuu akka xiqqeessituuf qabsaa'aa turteetti - Duula isheen sadarkaa gadiirra taasiftu ammoo warshaawwan humna cilee 17 karoorfaman akka haqaman taasiseera. Badhaasa Goldman Environmental Prize mo'achuudhaan dubartii Jappaan jalqabaati.

Baroota 1990oota keessa erga kitaaba Al Gore 'Earth in the Balance jedhu dubbisteen booda hojii mana maxxansaa keessa hojjettu dhaabdee dubartii dhimma jijjiirama haala qilleensaatiif qabsooftu taate. Yeroo ammaa kana ammoo daarektara olaantuu dhaabbata walabaa Climate Integrate kan Amajji 2022 hundeeffamuun diikaarbonaayizaationii dhabamsiisuuf hojjetuudha.

Saandii Kabreera Are'agaa

Saandii Kabreera Are'agaa , Honduraas

Falmituu mirgoota Walhormaataa

Barattuu Falaasamaa, barreessituuffi falmituu dubartummaa, Saandii Kabreeraa Are'agaa falmituu mirgoota dhimma saalaafi walhormaataati. waa'ee kininii battalumatti fudhatamtu ulfa ittistuu woorkshooppiirratti kan barsiistuufi 'Habelmos lo que es' (mee maal akka ta'e irratti haa dubbannu) - waa'ee mala ulfa ittisuu atattamaa duula barsiisuufi waltajjii dijitaalaa.

waa'ee mirgoota namoomaa, saal-qunnamtiifi walhormaataa nmoota ol adeemoo ta'aniiratti xiyyeeffatu Akshin Jooven (Yuuz Akshin) kan jedhamuufis ni hojjetti. Afaan mallattoo onduraans sirriitti kan beektuufi akka haadha daa'ima dubbachuu hin dandeenyee tokko qofaa guddistuutti, guddisa hammataafi kunuunsaan guddisuu isheetti ni boonti.

Juudii Kihumbaa

Juudii Kihumbaa, Keeniyaa

Hiiktuu afaan mallattoo

Akka quuqamtuu fayyaa samuu haadhotiifi haadhotii hoosisan rakkoo dubbachuu qabaniitti, Juudii Kihumbaa hospitaalonni Keeniyaa tokko tokko nama afaan mallttoo hiiku akka hin qabne hubachuun odeeffannoon kunuunsa fayyaa dubartoota hundaaf jiraachuu akka qabu irratti hojjette.

Dubartiin kun hundeessituu dhaabbata Dhiphina Dahumsaan Boodaarratti Harkawwan Dubbatan, Ijawwan Dhaggeeffatan (THLEP) yoo taatu, karaa dhaabbata kanaatiin dubartoota rakkoo dhageettii qaban adeemsa haadhummaa keessatti gargaarti. Kihumbaa ofii ishee rakkoo dhiphina dahumsaan booda bara 2019 keessa ishee mudateen booda dhaabbata kana hundeessite. Dhaabbanni kun bara kana keessa haadhotii 78 ta'an kunuunsa fayyaa barbaadan ogeessotaafi gorsitoota fayyaa waliin walitti fideera.

Maariyee Kiristiinaa Koloo

Maariyee Kiristiinaa Koloo, Maadagaaskaar

Interpireenara jijjiirama qilleensaa

Sooshaal interpireenara magariisaafi ikkoofemenist kan taate Maariyee Chiritiinaa Koloo COP27 irratti qaama jila Maadagaaskaar turte. Biyyishee walitti aansuun hongeen miidhamee namoonni miliyoonaan lakkaa'aman nyaata argachuu waan dhabaniif, jijjiirama qilleensaa ilaalchisuun mirgoota namoomaafi dhimma koorniyaa irratti sagalee ta'uun hojjetteetti.

Koloon dhaabbata miti-mootummaa naannoo 'People Power Inclusion' jedhamu kan dinagdee magariisaa baballisuun iyyummaa dhabamsiisuun hojjeturratti daarektaradha. Hojiin hawaasummaa ishee, 'Green'N'Kool' jedhamu waltajjii biyyaalessaa haqa jijjiirama qilleensaa adda dureedha. Akka dubartii miidhaa saala irratti hundaa'e keessa darbe tokkootti, sochii 'Women Break the Silence' jedhamu kan aadaa dirqamaan gudeeduu dhabamsiisuuf hojjetu hudeessiteetti.

Miidhamtoota dhiibbaa jijjirama haala qilleensaa, olaantummaa dhiirotaafi haleellaawwanii oomaa gochuu hin dandeenye qofa ta'uu hin barbaadnu. Rakkoo kanneen hunda keessatti nuti dubartoonni dandamachuu danda'uu keenya yeroon argu abdiifi sabboonumaatu natti dhaga'ama.

Maariyee Kiristiinaa Koloo

Iriinaa Kondiraatovaa

Iriinaa Kondiraatovaa, Yukireen

Ogeettii kunuunsa haadhotiifi daa'immanii

Haleellaa gurguddaa jala taatee, Dr. Iriinaa Kondiraatovaafi gareen ishee dadhabne osoo hin jedhiin dubartoota ulfaa, ijoollee reefuu dhalataniifi haadhotiif Wiirtuu Pirinaataal Riijinaal Kharkiiv keessatti osoo addaan hin kutiin kunuunsa dhieessaa turte. Hospitaalicha keessatti kutaa hawwan ciniinsuun qabe keessa turan hundeessuun, lubbuu isaanii haarsaa gochuudhaan haleellaa qilleensarraa jala taa'uun haadhotii da'umsarra jiraniifi daa'imman kunuunsa cimaa barbaadan gargaaraa turte. Yeroo kana gootu maratti xiyyaarri waraanaa saatii hunda mtaarra marsuun gurra duuchaa ture.

Akka dursituu wiirtuu kanaatti, Dr. Kondiraavotaa Bitootessa keessa Instagram Daavid Beekam fudhachuun rakkoo isaan muadachaa jiru mullisuuf itti fayyadaman. Gareen ishee dubartoota 3,00 ol ta'an bara 2014 irraa kaasanii gara Luhanisk fi Dontesk dhufan deeggarsa fayyaafi hamilee taasisaniiruuf.

Kan manca'e manneen, daandiiwwan, buufataaleen humna ibsaa, hospitaalotaafi jireenya keenyadha. Haata'u malee hawwiin keenya, abdiin keenyaafi amantiin keenya lubbuun kan jiruufi yeroo kamirrayyu caalaa jabaateera.

Iriinaa Kondiraatovaa

Asonele Kootu

Asonele Kootu, Afrikaa Kibbaa

Intarpirunarii barsiifti

Asonele Kootu waa'ee biizinasii yaaduu kan eegalte mala karoora maatii erga baasiftee nama ishee gargaru dhabdee boodha. Dhaabbata FemConnet jedhu hudeessun teknolojii laguu to'achuu fi ulfa umurii malee ittisuu gargaaru dhiyeessuu irratti hojjachuu eegalte.

Dhaabbanni isheen hundeessite namoonni osoo yaaddoo malee telemedicine wal-hormaataa akka argatan gargaare. Akkasumas wantoota qulqullina dubartootaf gargaaran, ittisa ulfaa ulfaa karaa onlaayinii ajajaman irratti deeggarsa ni dhiyeessa.

Dahalloonni itti aanu rakkoo fi dhamaatii maatin keenya argan akka hin argineef dargaggoota rakkoo furuudhaf kutannoo isaan qaban arguun baay'ee nama gammachiisa.

Asonele Kootu

Naajaa Liiberz

Naajaa Liiberz, Giriinlaand

Saayikoloojistii

Ogummaa namoota dhiphatan wallaanuu kan qabdu Naajaa Liiberz, yeroo umurii waggaa 13 jirtu mala ulfa ittisuu IUD jedhamu fehda ishee malee akka fayyadamtu taasifamteetti. Malli ulfa ittisuu kanas akka qaama duula doktoroonni Daanish baroota 1960taafi 1970oota keessa gaggeessaa turaniiti. Gocha dubartootaafi ijoollee durbaa 4,500 ta'anirra miidhaa geessise jedhame kan Denmaakiifi Gireenlaand qorannoon ifatti akka irratti gaggeeffamu waliigalaniiru.

Malli ulfa ittisuu kun dhimma maseenuu isaanii waliin walqabata jedhamee warra shakkaman dabalatee, Liiberz dubartoota kana gargaaruuf duula taasisti. Dubartoonni akka walitti dhufanii wal gargaaraniifis garee Facebook tokkos hundeessiteetti.

Dubartoonni miidhama irraa oolan caalaatti bahanii dubartoota birootiif fakkeenya gaarii ta'aa jiru. Yeroo baayyee baasanii dubbachuun ammoo sodaan akka namarraa badu taasisa. Kanaaf, sodaa keenyaan ukaamamuu hin qabnu.

Naajaa Liiberz

Erik Liriniyaanoo

Erik Liriniyaanoo, Dominikan Rippaabilik

Intarpiruunarii kaaka'oo

Hidhata dhiyeessii kaaka'oo fooyyessuuf Doominikaan Rippaabilik keessatti dhaabbata al-argii bufaa dhaabbate hundeessite. Obboleettii ishee, Jaanet jedhamtu waliin dhaabbata INARU jedhu omisha fi raabsa kaaka'oo irratti hirmaachuf hundeessite.

Industiriin kaaka'oo yeroo hundumaa humnaa fi dafqa omishtoota kaaka'oo kan nyaatu ture, garuu dhaabbanni isheen hundeessite omishtoota Dominikaanotaatif bu'aa fi carraa gaarii uume. Obboloonni kun lamaan US tti kan dhalatan yoo ta'u, maatin isaanii qote bultoota Dominikaan Rippaabilikiidha. Amma dhaabbilee dubartootan gaggeeffaman fi dhiyeessitoota guutuu biyyattii keessa jiran waliin hojjatu.

Namni kamiyyuu daandii mataa isaa irra adeemu akka argatu carraan kennamuufii qaba, kunis dubartiin jireenya mataa ishee murteeffachuu akka qabdu filachuu danda'uu of keessatti kan qabatuudha.

Erik Liriniyaanoo

Nigaar Maarf

Nigaar Maarf, Iraaq

Narsii

Iraaq Kurdistaan keessatti akka dursituu narsii kutaa balaa ibiddaatti, hojiin Nigaar Maarf dubartoota ofiin miidhaa ofirra geessisan, of guban wallaanuu dabalata. Akka mormiitti ilaalamuun gochi akkasii kun kutaa addunyaa sanatti gocha baramedha.

Maarf gara waggoota 25tti siqaniif hospitaala keessa akka ogeettii fayyaa daa'immaniifi dubartootaa balaan gubanna irra gaheetti, akkasumas kutaa kunuunsa ddaatti hojjetteetti. Dubartoota isheen wallaante baayyeen of ibiddaan of hin gubiin dura miidhaa sammuufi qaamaa kan irra gahaa ture akka ta'edha. Isaan keessaa ammoo umuriin isaanii hanga waggaa 16 ijoollummaa kan qabnidha.

Moonikaa Musondaa

Moonikaa Musondaa, Zaambiyaa

Dubartii Biizinasii

Ogeettii seeraa kan turtee interpurunara kan taate Moonikaa Musandaa,hundeessituufi CEO Java Foods ti. Kampaniin nyaata qopheessu buufanni isaa Zaambiyaa ta'e kun naanoo Afrikaa Kibbaa keessatti nyaata dafanii qaqqaban akka paastaa omishuun dhiyeessa. Mul'annishee carraa omisha qamadii bal'aa Zaambiyaatti argamu fayyadamuun nyaata gatiin isaa kan namoonni kaffalachuu danda'an gochuuf, akkasumas fedhii nyaataa haala mijataa ta'een qophaa'eefi haala soorataa jijjiiramaa jiru guutuufidha.

Dhimma nyaataarratti dubbachuun, dubartoota biroo interpurunara ta'an gorsuufi wantota biizinasii dubartootaa miidhan irratti ifatti dubbattee qabsaa'uun beekamti Musondaan. Badhaasawwan baayyee kan mo'atte dubartiin kun, qonnaafi sirnawwan nyaataa Afrikaa jejjabeessuuf hojii hojjeteenis beekamtii argatteetti.

Ifeoma Ozomaa

Ifeoma Ozomaa, US

Ogeettii imaammata uummataa fi teeknolojii

Nama kanaan dura ishee hojjachiisaa ture dhimma haleellaa saala fi sanyummaa irratti himachuuf walii galtee icciitii eeguu (NDA) ofii ishee erga cabsitee booda dhiibbaa bakka hojiitti hojjattoota irra gahu dura dhaabbachuudhaf murteeffatte. Labsii Silenced No More Act jedhamu kan hojjattoonni Kaalifoorniyaa keeessatti argaman walii galtee icciitii eeguu (NDA) yoo mallatteessan illee dhiibbaa bakka hojiitti hojjattootarra gahu akka gabaasaniif jajjabeessu ispoonsara goote.

Ifeoma Ozomaa Barruu Hojjattoota Teknolojii (The Tech Worker Handbook) qopheessite- kunis ragaalee/odeeffannoowwan hojjattoonni dhiibbaa isaanirra gahu akka dubbatan isaan gargaarudha- akkasumas dhaabbata Earthseed kan dhaabbilee teknolojii keessatti wal-qixxummaa carraa irratti gorsa dhaabbileef kennu hundeessite.

Yuuliya Paayiviska

Yuuliya Paayiviska, Yukreen

Paaramedik

Parameedikii Yukireen beekamtuu fi Taira Angels kan hundeessiteedha. Dhaabbanni namoota nagaa fi loltoota dirree waraanatti miidhaman yaala. Yuuliya Paayiviska osoo namoonni nagaan magaala Maariyuppol keessaa akka bahan gargaaraa jirtuu humnoota Raashiyaan qabamte.

Hojii gareen ishee magaala marfamtee turte keessatti hojjatan galmeessuf kaameraa qaamatti godhatan fayyadamti turte waan ta'eef viidiyoon isaa miidiyaaf kenname. Erga ji'a sadi booda gadi lakkifamtee haala hamaa keessa turtee fi gidiraa isheerra gahe "si'oolidha" jechuun baastee dubbatte.

Jaanee Rigbii

Jaanee Rigbii, US

Astoroonoomeraafi astiroofiizistii

Astiroofiizistii Nasa kan taate Dr, Jaanee Rigbii akkamitti akka galaaksiin yeroo kosmik keessatti akka bahan qoratti. Garee saayintistootaa idil-addunyaa teleskooppii hawaa addunyaa guddicha kan ta'e James Webb jalqabsiisanii warra bobbsaan keessaa ishee tokko turte. Adoolessa keessa, suurri guutumaatti bifa halluu ta’e Webb tiin fudhatame hanga ar’aatti agarsiisa infiraareedii hawaa ibsaa ballaa qabu jedhameera.

Rigbiin waraqaawwan qorannoo saayinsii 100 ol ta'aan gareen maxxansuun qorannoosheetiifis badhaasawwan hedduu mo'atteetti. STEM (Saayinsii, Tekinooloojii, Ingiinaringiifi Heergni) walqixaafi hammataa akka ta'uuf dubartii qabsooftudha.

Yeroon barattuu turetti rool moodeelii LGBTQ kamiyyu hin hubanneen ture. Ani nama rool moodelii malee guddatu dhaloota isa dhumaan ta'a jedheen badadha.

Jaanee Rigbii

Ayinuura Saagin

Ayinuura Saagin, Kiirgistan

Injinara

Ayinuura Saagin injinara kompitaraa, ogeettii ecofeminizimii fi gaggeessituu dhabbataa kan taate rakkokoo kunuunsa naannotiif furmaata teknolojii irratti hundaa'e fiduuf ogummaa ishee gumaachuu hin qusanne. Appilikeeshinii Tazar jedhamu kan jiraattota dhuunfaa, warsgaalee, manneen nyaataa fi bakkeewwan ijaarsaa balfa omishan dhaabbilee balfa deebisanii hojiirra oolchan wajjin wal qunnamsiisu hojjatte.

.

Hojii jiijjiirama qilleensaa to'achuu har'a taasifamu keessatti hirmaanna fi gaggeessummaa dubartooatiin alatti rakkoo pilaaneetii kanaa fi wal-qixxummaa koorniyaa sirreessun waan danda'mu miti.

Ayinuura Saagin

Moonikaa Simpisan

Moonikaa Simpisan, US

Rogeettii haqa walhormaataa

Akka daarektara SisterSong, dhaabbata US isteetota kibbaa keessatti dubartoota bifa gara garaa qabaniif haqa walhormaataarratti hojjetuu, taateetti, Moonikaa Simpisan walabummaa saal-qunnamtiifi walhormaataarratti xiyyeeffachuun qabsoofti. Dhimmi isheen irratti qabsooftu kun ammoo bara kana erga seerri ulfa baasuu guutummaa biyyattii keessatti ture mana-murtii olaanaa USn dhorkamee dubbii ijoo ta'eera.

Simpisan weellistuufi artistiidha waan taateef hojii rogeessummaa ishee kanas daddeettii artii qabduun jabeeffatti. Warra dhaabbata Black Mamas Matter Alliance jedhamu kan fayyaa sammuu warra gurraachaa foyyeessuuf hojjetu hudeessan keessaas tokkodha.

Mariinaa Viyaazovaaskaa

Mariinaa Viyaazovaaskaa, Yukireen

Hayyuu Herregaa

Hayyuun Herregaa Yukireen kun bara kana keessa seenaa keessatti badhaasa guddaafi beekamaa Fields Medal jedhamu akka Nobel Prize herregaatti ilaalamuuf waggaa afur keessatti takkaa kennamu mo'achuun dubartii lamaffaa taateetti. Marinaa Viyaazovaaskaa badhaasa kana kan mo'attes hibboo baroota 400 ture hiidhaan.

Giddu-gala isaa Siwiiz kan godhate Federal Inistitute of Technology in Lausanne (EPFL) keessatti Viyaaza viiskaan piroofeesaraafi Inistitiyuutichatti dursitee Number Theoy ta'uun hojjechaa jirti.

Yaanaa Zinkeviich

Yaanaa Zinkeviich, Yukireen

Dubartii siyaasaafi tajaajila fayyaan tola-ooltuu adda-duree

Adda wraanaarratti lubbuu bararuutiin, dhaabbanni hojii tola-ooltummaaf gurmaa'e dubartii kanaan hogganama. Yaanaa Zinkeviich dhaabata kana hogganuun akkaataa namoonni dirree waraanaa keessaa itti baqachiifaman hojjetaa turan. Zinkeviixh erga mana barumsaatii baateen booda bara 2014 keessa garee kana hundeessuun yeroo wraanni Yukireen irratti banamee kaastee hojjechaa turteetti.

Akka dhuunfaasheettiyyu lolotoota madaa'an 200 ta'an gara lafa nagaa wallaansa argatan qaqqabsiisuu dandeesseetti. Gareen ishee ammoo loltootaafi namoota nagaa madaa'aniif gargaarsa duraa lubbuu baraaruu kennuu itti fufaniiru. Kana gochuun leenjii fayyaa gaggeessaniiru, namoota 6,000 ta'an ammoo baqachiisaniiru. Dubartiin umuriin ishee wagaa 27 taate kun paarlaamaa Yukireen keessatti miseensa umuriin xiqqoo taatedha. Achi keessattis, dura teessuu koree fayyaa loltootaati.

100 Dubartoota - BBC World Service

Dubartoota BBC 100 jechuun maalidha?

Dubartoota BBC 100 waggaa waggaadhan dubartoota addunyaa irratti dhiibbaa guddaa fidanii fi fakkeenya ta'an 100 filachuun tarreessa. Waa'ee jireenya isaanii waan dubartoota giddu galeessa godhate dokumentarii, fiicharii fi af-gaaffii ni hojjanna.

Dubartoota BBC 100 Instagiram, Facebook fi Twitter irratti hordofaa. #BBC100Women irratti marii taasifamutti dabalamaa.

Dubartoonni BBC 100 akkamitti filataman?

Gareen Dubartoota BBC 100 filatan eeruu argatanii fi gareewwan BBC Afaanota addaa addaa irraa karaa networkii BBC kanneen argatan irratti hundaa'un filatu. Kaadhimamtoota ji'oota 12 darban keessa mata duree oduu ta'anii fi dhiibbaa uuman, seenaa nama barsiisu kanneen qaban, ykn karaa dhiibbaa uumuu danda'uun hawaasa isaanii irratti jijjiirama kanneen fidan ilaalaa turre.

Mata dureewwan falmii kaasan kanneen akka mirga fayyaa wal-hormaataa kan guddinni dubartii tokkoo kan biraaf ammoo kufaatii ta'u ilaaluun dubartoota jijjiirama ofii isaanii fidan filanne. Sadarka xumuraa irratti maqaan isaanii osoo hin ibsamin dura naannoleen sirriitti bakka bu'uu isaani fi loogii irraa bilisa ta'uun ilaalameera.

Dubartoota ibsaman tokko tokko nageenya isaani fi maatii isaanif jecha maqaan isaanii hin dhahamne ykn maqaan akakayyuu hin barroofne. Kunis fedha isaani fi Immaata Editooriyaalii BBC hordofuudhani.

Ut et suscipit enim. Nam aliquam porttitor sapien elementum mollis. In quis turpis ante. Morbi et ex aliquam, ornare neque sit amet, porttitor est. Quisque eleifend consequat turpis. Curabitur ultrices luctus quam, et dapibus quam bibendum non. Praesent facilisis augue magna, eu volutpat nibh gravida et. Cras pulvinar, ligula vel consectetur molestie, lorem eros euismod arcu, sed condimentum leo metus efficitur ante. Duis eu diam semper, hendrerit est porta, tincidunt odio. Maecenas sagittis justo lacus, ac varius est dictum sit amet. Nam vitae turpis dignissim, tincidunt felis sit amet, dignissim sapien. Integer et iaculis ex. Sed rhoncus elit vitae massa facilisis venenatis.

Curabitur lorem ligula, aliquet id lorem ut, molestie consequat sem. Donec sit amet lacus sagittis, gravida nunc a, volutpat elit. Nullam elementum, leo sed gravida euismod, enim leo venenatis dolor, eget consequat nisi nisl vel tortor. Ut hendrerit non justo nec porttitor. Aenean et dolor laoreet augue vulputate commodo ac ut turpis. Morbi luctus lacinia felis at pellentesque. Interdum et malesuada fames ac ante ipsum primis in faucibus. Nullam tristique faucibus mauris, sed volutpat ante consequat nec. Proin fermentum vehicula tortor, sed bibendum lectus volutpat ac. Cras dignissim elit id aliquam consectetur.

Click here to test multiple includes on one page