Dubartoota BBC100 kan 2023: Bara kana eenyutu tarree kana keessa jira?

Suurawwan sagantaa Dubartoota 100 BBC World Sarvis kan 2023 irratti hirmaatan.

BBCn tarreeffama dubartoota dhiibbaa uuman guutummaa addunyaarraa bara 2023f filate ifa godheera.

Isaan keessaa quuqamtuu mirgoota namoomaa kan taate Amaal Kilunii, bakkalcha Holiiwuud Ameerikaa Fereeraa, falmituu mirgoota dubartootaa Gilooriyaa Siteeyinam, Giifti-duree duraanii US Misheel Obaamaa, haadha-qabeenyaa biizinasii miidhaginaa Hudaa Kattan, akkasumas taphattuu kubbaa-miilaa Ballon d'Or mo'atte Ayitaan Bonmaatii keessatti argamu.

Addunyaa balaawwan akka ho'a hamaa, balaa ibidda saafaa, lolaafi balaawwan uumamaa biroo mata-duree oduu ta'an keessatti, tarreeffama kana keessatti dubartoonni jijjiirama qilleensaa hir'suuf hojjetaniifi dhiibbaa inni qabaatu akkaataa dandamachuun danda'amurratti tarkaanfii fudhatan akka bahanii mul'atan godheera.

Dubartoota BBC 100 keessaa dubartoota Jijjiirama Qilleensaan Adda-duree ta'an 28 filanneerra, Konferansii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Jijjiirama Qilleensaa, COP28 dursinee.

Maqaawwan akkasumaan kan tarreeffamanidha.

Aadaa fi Barnoota

Afiroozii-Numaa

Afiroozii-Numaa, Paakistaan

Tiksee

Tiksee hawaasa Waakiih dhumaa ta'an keessaa tokko kan turte Afriroozii-Numaa, waggoota soddomaaf re'ootaafi hoolota tiksiteetti.

Ogummaa daldalaa kana haadhaafi akkayyaa isheerraa barachuun, ammatti haadha ogummaa jaarraa tokkoo garuu Paakistaan keessatti badaa jiruu taateetti.

Tiksitoonni waggaa hunda loonsaanii lafa galaanaan meetira 4800 ol ta'e keessa qabatanii tikfachuuf deemu. Achittis bu'aawwan horii qopheessuunis gabaaf dhiyeessu.

Galiinsaanii gandichaaf darbee gaheera. Ijoolleesaaniis barsiisuu danda'aniiru. Afiroozii-Nuumaa hawaasashee keessatti dubartii jalqaba kophee godhatte taateetti.

Hosaanii Ahimaadiizii

Hosaanii Ahimaadiizii, Afigaanistaan

Dhiyeessituu saganyaa TV

Taaliinaan deebiisee Afrigaansitaan bara 2021tti yoo qabatu, Hosaanii, dubartoota biyyattii keessatti dhiyeessitoota sagantaa turan keessaa tokkodha.

Isheenis nageenyaaf yaaddoon jiraatuufi dubaroota miidiyaa keessaarratti didaan hawaasaa jiraatulleen, TV Shaamshaad waliin hojjachuu itti fufte.

Dursiitoota Taaliibaan heddu waliinis af-gaaffii gooteetti. Ta'u garuu gochaasaanii ilaalchisee gaaffiileen isaan gaafachu dandeessuu kan baayyee murtaa'an qofaadha.

Ka'umsi ishee seeraafi siyaasaa yoo ta'u, miidiyaalee keessa waggaa torbaaf hojjatteeti. Barnoota Taaliibaaniin daangaan irra kaa'ames xiyyeeffannaashee isa guddaadha.

Isii Bobbaasaa

Isii Bobbaasaa, Gaanaa

Daldaltuu qurxummii

Isii Bobbaasaa Gaanaa ganda Fuveemee jedhamtutti dhalatte. Miidhaa jiijjiiramni haala qilleensaa qaqqabsiisu argiteetti.

Galaanni yeroo dabalaa deemu laftisaanii bishaaniin yeroo liqimfamutti abbaa-warraasheefi ijoolleeshee shanan waliin baqatteetti.

Mandarashee keessatti qurxummii gurguruudhaan adda-dureedha. Miidhaan naannoosaaniitti mudate galiisaaniirran miidhaa waan geesiseef, namoota waliin hojjettu waliin waldaa dubartoota qurxummii qabanii hundeessiteetti.

Waldaan kun amma miseensota 100 qaba. Dubartoonni daldala kana keessa jiran rakkoosaan mudaturratti mari'achuuf torban torbaniin walgahu. Maatii deeggarsa barbaadaniifis gargaarsa taasisu.

Wayita danbaliin galaanaa dhufu mara ni yaaddofna. Duuti nuufi dhaloota dhufuu dhiyaachaa jira.

Isii Bobbaasaa

Chiilaa Kumaarii Burmaan

Chiilaa Kumaarii Burmaan, UK

Artistii

Maxxansa, fakkii, bocuufi hojiiwwan fiilmiisheetiin beekamti. Hojiishee bakka bu'immaa kaasuu, eenyummaa aadaa hubachuuf oolchiti.

UK kan jiru bara 1879 irraa kaasee kan itti fufe agarsiisni ibsaa 'Blackpool Illuminations' jedhurratti hojiishee mul'ateera.Hojiishee kan dhiyeessite Lollies in Love With Light' kan jedhuun ture. Maatiinshee hojii daldala ayiskireemirratti hundaa'e ture.

Bara 2020 keessa Chiilaan 'Brave New World' ka'umsa godhachuun seenessa Indiyaa waliin walqabsiisuun waa'ee cimina dubartootaa kan mul'isu dhiyeessiteetti.

Bara darbe badhaasa MBE argatteetti.

Paawuliinaa Chizaanee

Paawuliinaa Chizaanee, Mozaambiik

Barreessituu

Ballad of Love in the Win' kan jedhu kitaaba isheen baroota 1990 keessa barreessite jalqabaasheeti.Mozaambiik keessatti dubartii asoosa maxxansiiste jalqabaati.

Maapputootti kan guddatte. Poorchugaalitti mana-barumsaa Kaatolikiitti baratteetti.Yunivarsiitii Ediwaardoo Mondaaliinitti afaan barattus hin eebbifamne.

Hojiinshee afaan Ingiliiz, Jarman fi Ispaanishitti hiikameera. Kitaabashee 'The First Wife: A Tale of Polygamy' jedhuun badhaasa Hoozee Kiraavaarinii mo'atteetti

Badhaasa Kaamos kan argatte yeroo dhiyoo keessa. Kun ammoo Poorchugaal keessatti badhaasa guddaadha.

Suzaan Ettii

Suzaan Ettii, Awustiraaliyaa

Ogeettii turiizimii walitti fufinsa qabu

Saayintistoota haala qilleensaa indaastirii imalaafi turizimii tokkottii jiru keessaa tokko kan taate Suuzaan Eetti, indaastiricha gara egeree itti fufiinsa qabuutti geessuuf quuqama guddaa qabdi.

Akka Intrepid Trave kessatti hoggantuun dhiibbaa naannoo addunyaa tatetti, hojiin ishee daldala imala gammachiisaa garee xixiqqaa, dhaabbatichi galma kaarboonii hir'isuu saayinsii irratti hundaa'e mirkanaa'e kan qabu daawwannaa jalqabaa akka ta'u taasiseera.

Suuzaan Etti dhaabbileen turizimii daawwachiisan Kaarbonii gadhiifamu waliin walqabsiisee brsiisuu barbaadaniif marsariitiirratti kitaaba qajeelfamaa barreesiteetti. Kunisdhaabbileen daawwachiisanifi ogeessonni 400 fedhii isaaniitiin jijjiirama haala qilleensaa qolachuudhaaf kan itti jalqaban sochii 'Tourism Declares' kan ta'edha.

Jijjiirama haala qilleensaarratti hojjechuun hangam akka fayyadu amma dhaabbileen hubachaa dhufaniiru. Galma kunuunsa naannoo kaa'uudhaan, annisaa haara'urratti inasti gochuun Karbonii gadhiifamurratti galma dheeraa kaa'uun bobba'aa jiru.

Suzaan Ettii

Jaantaawul Farduus

Jaantaawul Farduus, Baangilaadish

Gubachuurraa kan hafte

Balaa gubachuu qaamashee dhibba keessaa 60 miidherraa hafte. Fiilmii kan hojjettu, kan barreessituufi qaama-miidhamtootaaf kan falmitudha.

Dhaabbata mirga namoomaaf kan hoojjetu 'Voice & Views' kan jedhu qabdi. Mirga dubartoonni gubachuurraa hafanirratti xiyyeeffachuun hojjeta.

Fiilmiiwwan gaggabaaboo shan kan qabdu yoo ta'u, asoosama sadii maxxansiteetti. Seenaa dabarsituun waan qaama miidhamtoota mudatu agarsiisteetti.

Og-barruu Ingiliffaatiin digirii lamaffaa, develooppimantaal Istadiistiin ammoo digirii jalqabaa qabdi.

Liisiiyaa Feerzi

Liisiiyaa Feerzi, Xaaliyaanii

Moodeeliifi dhiibaa taasiftuu

Nama umuriin aggaa 93 kan Instaagiraami irratti hordoftoota kuma 235 ol qabu argachuun baayyee miti. Garuu maanguddoo qaamaaf ilaalacha gaarii ummurratti dhiibaa uumtuu kan taateef kun jalqabbiidha.

Isheenis Waraana Addunyaa Lammaaffaa keessa jiraatte. Du'a intalashee kan waggaa 28 dandamachuun, du'a abbaa warrashees agarteetti.

Garuu yoo ilim akkooshee ishee gammachiisuuf Instaagirama banuuf, jireenyishee ni jijjirame. Uffata haalluu bareedaa uffachuun miidiyaa hawaasaarratti urjii taate.

Ishenis umurii waggaa 89tti seenaa dhunfaa barreessuufi qullaashee haguuggii barruu Qooliing Istoon jedhamuuf modeelii taatee hojjatteti.

Isheenis falmiituu dulumaa, sochii feminizimii fi LGBTQ+, waa'ee gaarummaa qamaa fi attamiin akka qaama dulloome fi maanguddoota itti hubannuurratti sochii taasifti.

Maachaa Foorn-in

Maachaa Foorn-in, Taayilaand

Falmituu mirga hawaasa ganamaafi jaallattoota saal walfakkaataati

Bakka dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaafi walitti bu'insi itti hammaatu daangaa Taayilaandiifi Miyaanmaaritti kan dhalatte Maachaan, mira hawaasa ganamaa loogiin irra gahuuti.

Pirojektii mosoomaa Sangsan Anakot Yawachon jedhamu hundeessiteetti. Namoota bakka jireenyaa ykn biyya hin qabne kumaan lakkaa'aman barsiisuuf dhaabbata hundaa'edha. dubartoonni, ijoolleen durbaa hawaasa ganamaafi dargaggoonni saal walfakkaataa jaallatanii keessatti argamu.

Maachaan hawaasa ganamaa muraasa ta'an keessaa kan dhalatteefi femenistii saal walfakkaataa jaallatanidha. Naannicha keessatti haleellaawwan saalarratti hundaa'an akka dhaabbatuuf hojjetti. Abbaan lafummaa akka kabajamuu, haqni eegumsa naannoo akka jiraatu, akkasumas mirgi hawaasa loogiin irratti taafiamee akka kabajamuuf hojjetti.

Hirmaannaan hawaasa ganamaa malee, saala walfakkkaataa warra jaalatan malee akkasumas dubartootaafi ijoollee durbaa malee kunuunsi naannoo waaraa hin milkaa'u.

Maachaa Foorn-in

Naataaliyaa Idiriisoovaa

Naataaliyaa Idiriisoovaa, Taajaakistaan

Gorsituu annisaa magariisaa

Baadiyyaa Taajaakistaan keessa dubartoonni jiraatan qoraanirraas ta'e humna elektirkaarraa argachuuf ni rakkatu.Qindeessituu hojii tajaajilaa tola-ooltummaa naannoo kan taate Naataaliyaan, furmaata qilleensa naannoorratti hundaa'e barbaaddi. Annisaa uumamaafi tekinooloojiiwwan annisaa qusatan dubartoota barsiisti.

Leenjisuu cinaatti meeshaaleen annisaa qusatanis dhaabbata hundeessiteen rabsiti. Meeshaan itti bilcheeffatan humna aduun hojjetan keessatti argamu. Isaan kun dubartoonni akka yeroosaanii qusatan, garaa garummaa saalaa kan dhiphisan, akkasumas filannnoowwan nananoo hin faalledha.

Dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa keessumaa qaama miidhamtootarraan geessisurratti leenjii ni kenniti. Sagaleen isaaniis marii siyaasaa keessatti akka dhaga'amaniif hojjetti.

Taateewwan hamoo addunyaarratti mul'atan akeekkachiisa namootaaf ergamanidha. Callisuudhaan uumama mancaasuun rakkoo fida.

Naataaliyaa Idiriisoovaa

Vii Kaativuu

Vii Kaativuu, Zimbaabuwee/UK

Qopheessituu qabiyyeefi Yuurubara

Yeroo boqannaatti Maakdoonaal keessa hojjataa yunivarsitoota Oksifordii fi Haarvaardiitti baratte digrii argatte. Milkaa'inni barnootaan argattee kun addunyaarratti kummatamaaf kakaa'umsa ta'eera.

Osoo yunivarsitii barataa jirtuus Yuutuubii banuudhaan attamiin hawaas-diinagdee gadaannaarraa dhufte barataa akka jirtu muuxannoo qooduun, gorsaafi deeggarsa barnootaa kan ishee fakkaataniif kennuu eegalte.

Ergasiin Kaativhuun marsariitii Impaawoord baay Vee jedhamu eegaluun kanneen deeggarsa hin qabnee ykn addunyaa guutuutti barattoota bakka bu'insa hin qabnef barnoonni sadarkaa olaanaa akka qaqabuuf gaaffataa turte.

Isheenis dargaggootaaf kitaaba of gargaarsaa kan barreessite yoo ta'u, ammattis Barnoota Hooggansaatiin PhD barataa jirti.

Hudaa Kattaan

Hudaa Kattaan, US

Haadha-qabeenyaa biizinasii miidhaginaa

Maatii baqattoota Iraaq irraa US'tti kan dhalatte Hudaa Kattaan, Oklahomaatti dhalattee hawwii bara jireenyashee kan ta'e waa'ee miidhaginaa hojjechuudhaaf hojii qacaramanii hojjechuu dhiiste.

Mana leenjii miidhaginaa beekamaa magaalaa Losaanjalasitti argamutti erga baratteen booda, hanga maamiltoota namoota bebbeekamoofi miseensota maatii mootota Baha Giddu-galeessaa horachuurra geesseetti.

Erga sanaa Instagram irratti hordoftoota miliyoona 50 ol qabaachuun biraandii miidhaginaa hunca caalaa namni hordofu taateetti.

Kattaan bara 2013 keessa Hudaa Biyuutii kan jedhamu biraandii miidhaginaa hundeessuun, nyaara nam-tolchee qabattee gabaatti dhiyaachuun jalqabde. Har'a biizinasiii dolaara biliyoonaan lakkaa'amu meeshaalee miidhaginaa gosa 140 guutummaa addunyaarratti man-kuusawwan 1,500 ol ta'an keessatti gurguramu.

Soofiyaa Kiyaanii

Soofiyaa Kiyaanii, US

Barattuufi sooshaal interpireenar

Erga firootashee Iraan jiran waliin dubbattee booda, afaan isaaniitiin waa'ee jijjiirama haala qilleensaarratti hubannoon gahaan akka hin jirre hubatte Soofiyaa Kiyaaniii. Kanarraa ka'uun odeeffannoo gara afaan Faarsiitti hiikuu eegalte.

Pirojektii 'Climate Cardinals' jedhu jalqabdee hojiinshee babal'ateef. Pirojektii idil-addunyaa dargaggootaan durfamuufi bu'aadhaaf hinhojjennedha. Namoota afaan Ingilizii hin dandeenye afaan isaaniitiin waa'ee jijjiirama haala qilleensaa hubachiisuurratti hojjeta.

Ammattis biyyoota 80 keessatti barattoota tola oltoota kuma 10 kan qaba. Isaanis, afaanota 100n jechoota jijjirama qilleensaa miliyoona tokko hiikaniiru.

Abjuunshees gufuu afaanii darbuun beekumsa saayinsawaa ta'e babal'isuudha.

Dargaggoonni mirgaaf falman jijjiirama haala qilleensaa dhaabuudhaafi boba'aa uumanaa fayyadamuu morman hariiroo uumaniiru. Maallaqa milyoonaan lakkaa'amu walitti qabaniiru. Rakkoon addunyaa baayyee waan ta'eef umuriin ykn muuxannoof daangessinee taa'uu hin qanu.

Soofiyaa Kiyaanii

Araatii Kumar-Raawoo

Araatii Kumar-Raawoo, Indiyaa

Ogeettii suura kaasuu

Guutummaa Kibba Eeshiyaatti suura kaasuufi barreessuun beekamti. Abuurtuu Naashinaal Ji'oogiraafii kan taate Araatii Kumar-Raawoo, jijjirama haalli qilleensaa uume ragaa walitti sassaabdi.

Hojiiwwan hojjettuun dhiibbaa bishaan lafa jalaa hir'achuu, mancaatii naannoofi idustiriiwwan baal'achuu qabu agarsiifti. Baayoodaayivarsiitiin dhumaa deemu, lafti waloo xiqqachaa deemuun miliyoonotaa akaakuu lubbu-qabeeyyii buqqaasaa deemuun akka sanyiin isaanii lafarraa badan taasisaa waan jiruuf hojiishee kanaan kanarratti xiyyeeffattee hojjetti.

Waggoota kudhanii oliif Indiyaa keessa kan hojjatte yoo ta'u, barreeffamashee keessatti mancaatiin naannoo akkamitti akka jireenyaafi baayoodaayivarsiitii miidhu mul'iste.

Kitaabnishee 'Marginlands: India's Landscape on the Brink' jedhu muuxannoo Indoota naannoo baayyee hamaa ta'e keessa jiraatanii ibsa.

Ka'umsi rakkoo jijjiirama qilleensaa hariiroo sirrii ganamaa lafa, bishaan fi qilleensa waliin qabdu qajeelaa dhabuu keenyadha. Hariiroo gaarii uumama kanneen waliin qabnu deebifachuun fala.

Araatii Kumar-Raawoo

Maariiyeetaa Mooyaaseeviichi

Maariiyeetaa Mooyaaseeviichi, Moonteenegiroo

Falmiituu qaama miidhamtootaa

Wayita baratuu sadarkaa lammaffaa turteetti yeroo lama istirookiin mudateera. Kunis jireenyashee haalaan jijjire.

Dhiibbaa qaamaafi xin-sammuu akkuma jiruutti ta'e, dargaggoota waliin hojjachuurraa ishee hin dhaabne. Gorsituu dargaggootaafi falimituu qaama miidhamtootaati.

Ilaalichawwan rakkkina sammuutiin wal qabatanii hawaasa keessa jiran jijjiruuf sagaleeshee ni dhageessifti.

Warkishooppii mata duree Laayiiv With Disaabilitii jedhun qopheessiteeti. Kanaanis muuxannoo mataasheerraa ka'uun loogii jiru dura dhaabbachuufiidha.

Akkasumas Ambaasaadara dhaabbata fayyaa hawaasaarratti addunyaarratti hojjatuu 'OneNeurology' jedhamuuti.

Saaraa Otaa

Saaraa Otaa, US

Barsiistuu Mana-barumsaa

Haleellaa shororkeessaa US 9/11 booda Isteetii Filooridaatti barsiistuu sadarkaa giddu-galeessaa kan turte Saaraan, miidhaa odeeffannoo sobaaf saaxilamuun irra gahee ture.

Saayinsii barattullee jijjiiramni haala qilleensaa jiraachuu isaa shakkii qabdi ture.

Sirrii akka hin taane amanuun ishee carraaqqii dhugaa barbaachuuf taasiftu keessatti isa jalqabaati.Imalli jireenyashee ambaasaaddar wiirtuu barnootasaayinsii biyyaalessaa akka taatu ishee godheera.

Amma isteetii Joorijiyaatti bu'ureeffachuun, saayinsii Fiiziksii barsiisuudhaaf jijjiirama haala qilleensaa fayyadamti. Akkasumas, hawaasa keessa jiraattu keessatti kunuunsa uumamaarratti hojii hubannoo cimsuu hojjechaa jirti.

Jijjiiramni haala qilleensaa hirmaannaa hundaa kan gaafatu waan ta'eef, hundi keenya waan dandeenyu gochuu qabna. Hawaasa dammaqsuun yeroo beekuu gaafata. Yeroocha kabajuus, fakkaachuus qabna.

Saaraa Otaa

Laalaa Paasquunilii

Laalaa Paasquunilii, Arjantiinaa

Aartistii

Kaayyoon Laalaa duraa dubartoota haguuggii barruuleerratti hin baane beeksiisuudha. Bara 2015tti dhaabbata bareedinnii maaliidha ilaalcha jedhu gaafatuufi bakka bu'insi jiraatee dubartonni miidiyaa keessatti beekkamtii akka argatan hojjatu hundeessite.

Pirojaktichis dhimmoota qaamaa, dulluma, sirna nyaataa fi kaan kaasa. Duula miidiyaa #HermanaSoltaLaPanza jedhu gaggeessite jirti. Kunis dubartoonni garaa guddaadhaan akka hin qaanoofne gochuufi yoo ulfaatiina qaamaa garaagaraa qabaatanis bareeda ta'u beeksiisuufidha.

Abookaatoo, walaleessituu, femenistii fi leelliiftuu jaalala saala walfakkaataa, Laalaan hawaasa keessatti bareedina jechuun maala akka ta'e hawaasa keessatti jijjirama fiduuf hojjatti. Loogii saalaa fi adeemsa sanyii sirreessuuf hojjatti.

Jees Peeper

Jees Peeper, UK

Hundeessituu Kilaayimeet Kaaffeeti

Kilaayimeet Kaaffeen bakka hawaasni itti walgahee dhugaa, waa'ee jijjiirama haala qilleensaarratti dubbatuufi socho'udha. Innis jalqabaa Jees Peepariin magaalaa xiqqoo Iskootlaand keessa jirtu tokko keessatti bara 2015 hundaa'e.

Bakkawwan kana fakkaatan hariiroo idil-addunyaa qaban biroon akka uumamaniif deeggarsa taasisti.

Waa'ee jijjiirama haala qilleensaa sodaafi yaaddoo qaban bakka bilisaan itti dubbatan akka ta'e fayyadamtoonni ni dubbatu.

Miseensa Rooyaal Sikootish Ji'ogiraafikaal Sosaayitiifi Royaal Sosaayitii oof Artis dubartii taatedha.

Sochiin jijjiirama haala qilleensaa baayyinaan dubartootaan hooganamu hawaasa keessatti dhalachaa jira. Hariiroon jiran jijjiirama kakaasaa carraawwan uumaa jiraachuun isaa abdii naaf kenna.

Jees Peeper

Kaarolinaa Diiyaaz Pimentel

Kaarolinaa Diiyaaz Pimentel, Peeruu

Gaazexeessituu

Dhuma umurii waggaa 20rratti ture akka ootiziimii qabdu kan barte. Oduu kanas keekii tolchitee haala gaariitti fudhatte.

Amma waggaa 30 keessatti kan argamtuufi gaazexessituu ''otiiziistii boontuun'' tun gabaasaalee fayyaa sammuufi 'neurodiverence' irratti xiyyeefachuun hojjataa jirti.

Isheenis looguu namoota rakkoo gudina sammuutiin hanqina qaban mudatu ni falmiti. Pirojaktootaafi dhaabbilee bu'aaf hin hojjannee garaagaraa qabdi. 'Maas Qu Baayipoolaar' (kan Baayipolaarii caalu) , 'Gamtaa Lammilee Peeruu Niiyurodaayivarjant fi kan biraa hundeessiteeti.

Ishenis Wiirtuuwwan Pulitazar fi Wiirtuu Roozaaliin keessatti miseensa.

Jatuusuumaa Teenziin Poolmoo

Jatuusuumaa Teenziin Poolmoo, Indiyaa

Monoksee Buudiisti

Bara 1940moota keessaa Ingliziitti dhalatte. Wayita dargaggoo turte kan Budizimii hordofu eegalte.

Umurii waggaa 20tti Indiyaatti imaltee, gadaamii Tibeetiin Budistummaan dibamuuf dubartii warra lixaa kan jalqaa taate.

Eddoo dubartoonni qaban cimsuufaadha, garee manoksootaa 'Doongyuu Gaatiwii Liing Naanarii Piraadash'' jedhamu Indiyaatti dhaabdeen, manokseewwan 120 ol mana akka argatan taasifte.

Isheenis gaarreen Hiimaaliiyaa keessa tasgabbiin waggaa 12'f jiraachun caalaa beekti. Bara 2008tti ammoo kabaja baayyee hin kennamne Jitsunmaa jedhamu kennameefiira.

Shaayirbuu Saagniibeevaa

Shaayirbuu Saagniibeevaa, Kiriigistaan

Suuqii hodhaa kaan waliin kan hundeessite

Erga wallaansa kaansarii sadarkaa arfaffaa walitti fufiinsaan waggaa sadiif fudhateen booda, qorichasheef kanfalachu rakkaataa turte. Amma bayyanataa jirti.

Dhukkubsattoota kaansarii afur waliin ta'un, suuqii dhodhaa 'Foor Laayiif'' jedhu hundeessan. Faayyaawwanitti gargaaramuun boorsaawwan hojjatanii galiisaa hundaan wallaansa dhukkuba kaansarii deeggaru.

Hanga ammaattiis doolaara 33,000 ol waliitti qabuun, dubartoonni 34 baasii wallaansaaf barbaachisu gargaaraniiru.

Dhukkuubsattoonni dhaabbilee wallaansaa irraa fagaatanii argaman akka wallaansa argatan gochuufis, hosteel bu'aaf hin hojjannee hundeessuun akka dhiheenya wiirtuu walaansaatti keessa turan taasifte.

Daariyaa Seerineekoo

Daariyaa Seerineekoo, Raashiyaa

Walaleessituu

Barreessituu Daariyaan gareewwan dubartootaa weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee morman keessaa tokko keessatti argamti.

Waa'ee miidhaa saal-quunnamtii Raashiyaa keessa jiru waggoota sagaliif barreessite jirti. Akkasumas kitaaba lama farra -waraanaafi dhimma dubartootaa irratti barreessite jirti.

Seerenkoon hundeessituu garee aartii 'Quyet Piikeet' yoo taatu, isheenis namoonni dhimmicha rratti haalaan akka hirmaatan gochuuf ergaa uffattee sochii gooti.

Osoo Raashiyaan weerara guutuu Yukireen irratti hin baniin torban lama dura, Seerenkoon ergaa ''harbeessuummaa'' tamsaasaa jirti jedhamuun aanga'otaan hidhamte. Battaluma Joorgiyaatti baqatteen booda hanga ammaatti aanga'oota raashiyaan akka ''ergamtuu alaatti'' farajamte.

Keeraa Sherwuud-Oregaan

Keeraa Sherwuud-Oregaan, Niw Ziilaand

Falmituu mirga hawaasa ganamaafi qaama- miidhamtootaa

Dhalattuu hawaasa ganamaa Niw Ziiland keessatti argamu Te Waaponaamuu jedhanii yoo taatu, mirga hawaasa ganamaafi qaama-miidhamtootaaf falmiti.

Dhaabbata haqa kunuunsa naannoofi haqa hawaasaarratti hojjechuun beekamu 'Activate' jedhamu kaan waliin hundeessiteetti.

Hawaasa Maayirooy akkamitti akka lafa kunnunsaniifi aadaa akaakayyuufi abaabileerratti hundaa'uun hojjetti. Hnaga dhiyoo kanaa jijjiiramnihaala qilleensaa miidiyaa hawaasaan himamutti aadaan kun dagatamee ture.

Ministirootaafi aanga'oota waliin akkasumas waldaalee sivilii waliin waliin ta'uun hojjetti. Dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hawaasashee beeksisuuf hojjetti. Mirgi hawaasa ganamaa akka eegamuuf, qaama-miidhamtoonni qaama marii jijjiirama haala qilleensaa akka ta'aniif hojjetti.

Adeemsa leellisummaa dhiisnee bakka keenya argachaa jirra. Hawaasa waliin gaggeeffamna. Bu'a qabeessa ta'aas jirra. Walabummaan hawaasa ganamaa rakkoo jijjiiramni qilleensaa fiduuf furmaata ta'aa akka jiru namni baayyeen baraa jira.

Keeraa Sherwuud-Oregaan

Saagirikaa Siriraam

Saagirikaa Siriraam, Yunaayitid Arab Emiratis

Barsiistuufi falmituu eegumsa naannoo

Ol-adeentuu kan taate Saagirikaa Siriraam, barnoonni jijjiirama haala qilleensaa manneen-barnootaa hunda keessatti akka kennamuuf qabsoofti.

Dandeettii Kooding qabdu fayyadamuun marsariitii Kids4abetterworld jedhamu qopheessuun sochii taasifti. Ijoolleen waa'ee addunyaa akka beekaniifi hawaasa isaanii walitti fufinsaan akka gargaaran barsiisti.

Karaa marsariitiifi qaamaan sochii eegumsa naannoos taasifti. Ijoolleen akkamitti akka naannoosaaniiti waan gaariin dhiibbaa uumuu danda'anis ni barsiifti.

Dubaay keessatti barattuu qabxii guddaa galmeessitudha. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti miseensa Koree Mirgoota Daa'imanii ta'uun waa'ee nananoorratti gorsiti.

Yeroonsaa kan itti sodaachisan miti, garuu kan itti tarkaanfii fudhatan waan ta'eef ijoolleen hundi waa'ee jireenya walitti fufiinsa qabu baratanii jijjirama argu barbaannu addunyaarratti akka mul'atuuf deeggaru qabu.

Saagirikaa Siriraam

Kilaaraa Elizaabeet Firagosoo Ugaartee

Kilaaraa Elizaabeet Firagosoo Ugaartee, Meksiikoo

Shofeera konkolaataa guddaa

Shofeera konkolaataa guddaa kan taate Kilaaraa Elizaabeet Firagosoo Ugaartee, industirii dhiirotaan gar-malee dhuunfatame keessa waggoota 17 dabarsite. Meksiikoo biyya daandiiwwan baayyee balaafamoo ta'an osoo hin hafiin bakka baayyee keessa oofaa turte.

Duraangootti kan dhalatte Kilaaraa Elizaabeet Firagosoo Ugaartee, Waggaa 17tti eerumuun, haadha ijoollee afuriifi akkoo ijoollee torbati.

Meksiikoo fi Ameerikaa gidduu meeshaalee deddebbisuun ture jireenyashee kan dabarsite.

Shofeerota haaraa ta'an ni leenjisti. Konkolaataawwan gurguddoo oofuu keessatti walqixxummaan saalaa akka jiraatuuf dubartoonni akka gara hojii kanaatti makamaniif hojjattetti.

Liiwiiz Maabuloo

Liiwiiz Maabuloo, Fiiliippiins

Qonnaan bultuufi daldalatuu

Obomboleettii bara 2016tti Kaamaariinas, Suur fi Filippiinsiitti lafa qonnaa parsantaa 80 ta'urraa miidhaa qaqabsiiseera.

Liiwiiz Pirojaktii 'Z Kaakaawo' jedhamu hundeessuun dhaabbanni ishen hundeessite rakkoo kana dura dhaabbate. Kaayyoonshees sirna nyaataa biyya keessaa qonnaa fi eegumsa bosonaa walitti fufaan hammayyeessuudha.

Liwiiz qonnaan-bultoota gahoomsuudhaan sirna nyaataa badii qaqqabsiisu akka dhaabbatuuf hojjetti.Dinadgeen magariisaa akka babal'atu gochuuf itti gaafatamummaa isaa qonnaan-bultootaaf kennuun hojjechuu jaallatti.

Gorsituu jijjiirama haala qilleensaa idil-addunyaati.Seenaawwaniifi beekumsa baadiyyaa jiran akka dhaga'amaniif hojjetti. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dameen kunuunsa naannoo 'Yaang Shaampiyoon oof Ze Herz' ittiin jedheera.

Warra akka kiyya addunyaan gara fuula duraatti magariisa akka taatu barbaadaniifi namoota hawaasa walitti fidaniin sochiin jiraachuun abdii naaf kenna. Sooranni keenya walitti fufinsa kan qabaatu, dinagdeen keenya marsaa akka qabaatu, akkasumas haqaafi walqixxummaa akka hordofuuf ni hojjenna.

Liiwiiz Maabuloo

Okaasaanaa Zaabuzikoo

Okaasaanaa Zaabuzikoo, Yukireen

Barreessituu

Asoosama, walaloo, fi asoosama kan hin taane dabalatee, hojiiwwan 20 ol barreessite jirti. Isheenis Yukireen keessaa barreesitota fi hayyoota beekamoo keessaa akka tokkootti ilaalamti.

Addunyaarratti, hojiiwan akka 'Fiildi wark in Yukireeniyaan Seeksi' fi Z Muziiyeem Abaandandi Sakireetsi'' jedhamaniin beekamti.

Isheenis Yunivarsitii Kiiyiiv Shevicheenkoo irraa Filosofiin kan eebbifamte yoo ta'u, Aartii Filosoofitiin diigrii sadaffaa (doktarummaa) qabdi

Kitaaboonni ishee afaanoota 20ti hiikamuun, Badhaasa Angilas Sentaraal Yuroppiyaan Liitirarii Piraayiiz, Yukireen Shevichenkoo Nashinaal Piraayiz fi badhaasa biyyaaleessa Faransaa Ordar of Za Leejiiyoonsi Of Onar' jedhaman dabalate, badhaasoota biyyaaleessaafi idil-addunyaa hedduu ittiin badhaafamteti.

Bashannanaa fi Ispoortii

Aniitaa Bonmaatii

Aniitaa Bonmaatii, Iseen

Taphattuu kubbaa miilaa

Kaataalooniiyaatti dhalatte. Taphattuun kuphaa miilaa dirree wallakkaa tunis Liigii Ispeenii fi Liigii Shaampiyeeniitiin Baarselonaaf taphachuun Aitaanaa Bonmaatii injifatteeti.

Yeroo Waancaa Addunyaa guutummaa addunyaarratti beekamte. Ispeen waancicha akka mo'attuuf goolii sadii lakkoofisteetti. Taphattuu cimtuu taphichaas jedhamteetti. Umuriishee waggaa 25ttis taphattuu cimtuu barichaa jedhamteetti.

Kubbaa miilaa keessatti walqixxummaan dubartootaa akka jiraatuuf ni qabsoofti.Dirree keessaafi alattis mirgasheetiif falmuutiin beekamti.

Biyyishee Waancaa Addunyaa yeroo mo'attetti oduun isaa Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ispeen Jenii Hermoossoo kan jedhamtu hidhii keessa dhungachuu isaarraa kan ka'een qabbanaa'ee ture. Ta'us garuu taphattuu cimtuu baranaa jedhamuun yeroo badhaafamtu rakkoo walfakkaatu dubartoota mudatu haasaashee keessatti kaasteetti.

Andreezaa Deelgaadoo

Andreezaa Deelgaadoo, Biraaziil

Manaajera Kiwureetaraafi aadaa

Agarsiisa kitaaba kofalchiisoo ta'an Saahoo Pooloo keessatti qopheessaniin beekamti. Qophii kana PerifaCon jetteetti.

Kitaabonni kofalchiisoo ta'an qophii bilisaa barreessitoonniifi artistoonni irratti argamanidha. Hojiiwwan qabiyyeen isaanii aadaa ta'e baayyee xiyyeeffannaa hin arganne bifa foyyaa'een akka beekamaniif hojjetti.

Kitaabonni komiik ta'an viidiyoo geemotaafi konsartii qopheessuun beekamti. Bara 2023 keessa namoonni kuma 15 qophii kanarratti argamaniiru.

Qopheessituu YouTube fi Poodkastidha. Biraazil keessatti hojiiwwan aadaa argachuu akka danda'amuufi artistoonni sanyiin isaanii gur'aacha ta'an beekamtii akka argatan sochii taasisfti.

Ameeriikaa Feereeraa

Ameeriikaa Feereeraa, US

Taatoo

Taatoo, qopheessituufi pirodusarri Ameerikaa tun, filiiwwan akka Baarbii, Riil Wumann Haav Karviis fi Agilii Beetii jedhaman irratti siriin beekamti. Hojiiwwan isheetiin badhaasawwanis argatteeti.

Agilii Beetii fiilmii TV walitti fufinsaan dhiyaaturratti erga taatee taphatteen booda Eemii taatoo umuriidhaan ishee xiqqoodha. Laatiinii jalqabaatis. Iskiriiniirratti bakka bu'ummaan akka jiraatu taasisuudhaan mirga dubartootaaf qabsaa'uudhaan waggootaaf kan beekamtudha.

Kan dhalatte maatii baqattoota Honduraa irraati. Ameerikaatti jireenyi warra Laatiinotaa akka foyyaa'u gochuuf dhaabbata miti-mootummaa 'Poodestaas' jedhu hundeessiteetti.

Aan Giraal

Aan Giraal, Faransaay

Komeediyaanii

Giriinwaashing Komedii Kilab dhaabbanni jedhamu jira. Eegumsi naannoo, femeniizim, nageenyi qaama miidhamtootaafi mirgijaallattoota saala walfakkaataa akka eegamurratti kan xiyyeeffatedha.

Kan hundeessite Aan Giraal yoo taatu, baacoodhaan nama qaama jijjiiramaa taasisuufi samuuisaaniifi waan baratan jijjiiruun akka danda'mu ni amanti.

Hawaasichi bashannanuu waan jaallatuuf ergaawwan gaggabaaboo fudhatama qabu. Qoosaan jijjiirama haala qilleensaa hubachiisuuf filannoo akka ta'e Aan ni amanti.

Giriinwaashing Komedii Kilab milkaa'aa ta'uun isaa nama gammachiisa. Namoonni baayyeen waa'ee jijjiirama haala qilleensaa akka dhimmaman nama agarsiisa!

Aan Giraal

Jiiyoorjiiyaa Hariisan

Jiiyoorjiiyaa Hariisan, UK

Dhiyeessituu TV

Erga miidhaan saalaa irra gaheen booda seenaashee miidhaa walfakkaatu dubartoota irra gahu barsiisuufi halla warri UK hayyama itti hubatan jijjiruuf oolchite jirti.

Sagantaalee TV kan akka Love Island fi The only Way is Essex jedhamaniin beekamtu tunis, UKtti seera nageenya online irratti fooyya'insii akka taasisamuufi kan duraan hiryaan 'haaloo bahuuf' jecha suuraa qabiyye quunnamtii saalaa qabu gadi dhiisuu irratti fooyya'insii to'annoo akka taasifamu taasifte jirti.

Nammoonni hayyamasaanii malee yoo suuraan ykn viidiyoon gadhiifamu himachu akka danda'aniif seera intarneetii cimaana akka jiraatuuf hojjataa jirti.

Harmaanpeet Kaawur

Harmaanpeet Kaawur, Indiyaa

Taphattuu Kirikeet

Tarree taphattoota Kirikeetii shan keessa galuun bara kana dubartii Indiyaa jalqabaa taateetti.

Amballii garee Kirikeetii biyyaalessaa Indiyaadha. Taphoota biyya keessaafi alaatti colleedha. gareeshee qabattee bara darbe gara Commonwealth Games' deemuun madaaliyaa birrii argatteetti.

Gareen Kirikeetii dubartoota Indootaa warra Mumbaay Piriimer Liigii akka mo'atan gooteetti.

Bara 2017 yeroo ogummaasheetiin itti beekamte ture. Tapha xumura walakkaa dubartootaa idil-addunyaa Awustiraaliyaa morkachuun Indiyaaf 171 raan oof kan itti argamsiiste ture. Gareeshee gara tapha xumra waancaatti dabarsiteetti.

Diyoon Lii

Diyoon Lii, Kooriyaa Kibbaa

Hundeessituu Kpop4Planet

Diyoon Lii karaa Kpop4Planet rakkoo jijjiiramni haala qilleensaa uume ittisuudhaaf yaalti.

Bara 2021 keessa erga hundeessitee booda Kooriyaa Kibbaa keessatti warri dhiibbaa uuman, sabaa-himaaleefi ogeessonni tarkaanfii akka fudhataniifi gara annisaa haaromuutti akka deebiyan gochuuf hojjetti.

Koppiin albamii yeroo gadhiifametti naannoo faaluu keessatti dhiibbaa inni qaqabsiisu ilaalchisuun hubannoon akka uumamu taasifameera. Kpop4Planet muuziqaawwan marsariitiin akka gadi dhiifamu taasiseera.

Diyoon muuziqaan alatti Kpop4Planet dhaabbileen faashinii gurguddoo weellistoota waliin hojjetan waliinis hojjechaa jirti.

Haqa hawaasummaaf yeroo qabsoofnutti jijjiirama osoo hin fiduun hin dhaabnu. Kanas ammoo argineerra. Qabsoo jijjiirama haala qilleensaarratti taasifnu itti fufna.

Diyoon Lii

Jastiinaa Miils

Jastiinaa Miils, US

Afaan mallattoonni bohaartii dhiyyeessiti

Qophii ispoortii Guraandhala keessa addunyaarratti daawwattoota hedduu qabu 'Super Bowl LVII' irratti Jastiinaan seenaa hojjatteeti.

Qopheessituun bohaartii namoota rakkoo dhageettii qaban, Jastiinaanwalaloo sirba Riihaanaa afaan mallatootiin dhaggeeffattootaaf dhiyeessuun beekamtuudha.

Sa'aatii boqannaa tapha 'Supar Bowl' irratti muziiqaa afaan mallattoo Ameerikaa dhiyeessuudhaan adda duree taatetti. Faaruu biyyaaleessaa 'Lift Every Voice and Sing' jedhamuunis beekkamtii argattee jirti.

Kaayyoonshee namoota rakkoo dhaggeettii qabaniif bakka bu'insa agarsiisuudha. Narsoota rakkoo dhaggeettii qaban leenjiisuuf dhaabbata mataashee hundeessuu hawiti.

Dihaa Miirzaa

Dihaa Miirzaa, Indiyaa

Taatoo

Dihaa Miirzaa badhaasawwan hedduun kan kennamaniif fiilmiiwwan Indiyaa baayyee keessattitaatoo beekamtuu taatee hojjechuusheetiif qofa miti, pirojektoota dhimma naannoofi namoomaa baayyee keessatti hirmaannaa gooteenidha.

Sagantaa Naannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddar Maqaa-gaarii waan taateef, Miirzaa ergaa dhimmoota akka jijjiirama haala qilleensaa, qilleensa qulqulluu, akkasumas eegumsa bineensa bosonaarratti dabarsaa turteetti.

Mirzaan kampaanii seenaa namoonni akka dhaabbatanii yaadan dandeessisa jettu 'One India Stories' jedhamu hundeessiteetti.

Seev ze Children, Internaashinaal Fand for Animaal Walfer dhaabbileen jedhamaniif ambaasaaddara, akkasumas miseensa boordii Sankchuwarii Nachar Faawondeeshiniti.

Zandiillee Nidaalovuu

Zandiillee Nidaalovuu, Afriikaa Kibbaa

Barsiistuu gurdumsoo galaanaa

Afrikaa Kibbaatti dubartii sanyii warra gurraachaa gurdumsoo galaanaa barsiiftu kan jalqabaati. Isheenis carraan galaanaa argachuu akka caalaa hunda hammachuu qaburratti hojjetti.

Dhaabbata Blak Mermaid Foundation, kan dargaggootaafi hawaasa galaana waliin walbarsiisuf hojjatu hundeessite. Garichis qarqarawwan galaanatti gargaaramuun kalaqwwan bashannanaafi ispoortiin akka babal'atuuf hojjeta.

Zaandilleen bishaan galanaa abuuruufi fiilmii hojjechuun beekamti. Ogummaashee gargaaramuun dargaggoonni wa'ee faalama bishaan garbaafi galaanni guutaa deemuu akka beekan gochuun, naannoon caalaa karaa foyya'een akka kunuunfamu taasifti.

Waa'ee rakkoo jijjirama qilleensaa yeroon yaadu, dargaggoonni jijjiirama barbaadan baayyachuusaanii arguun abdii natti uuma.

Zandiillee Nidaalovuu

Aliis Osimaan

Aliis Osimaan, UK

Barreessituu

Baarreessituu badhaafamtuufi oggeessittii fakkii kaasuuti. Asoosamni ijoolleedhaaf barreessite, Hartistoppar, baayyee beekamaadha. Barreeffamni ishee ijoollee leeliftoota saala walfakkaataa irratti xiyyeeffates filmii kan karaa Neetifleksiin darbaa jiru yoo ta'u, badhaasa Emmy jedhamu badhaafameera.

Barreeffam filmichaatiin, Aliis taatoo filachuufi muziqaadhaan hirmaatte.

Ijooleedhaaf kitaaba gara biraas barreessite jirti. 'Radio Silence, Loveless and Solitaire' kan jedhama n kan maxxansiifte ammoo wayita umurii 19 turteedha.

Kitaaboonni ishees badhaasa 'YA Book Pirze', Z Inkii Awaards, Z karingee Medal, fi Guudriids Chooyiz kan jedhaman dabalatee, badhaatoota hedduu injifachuun kaaniif kaadhimamaa ta'u danda'aniiru.

Paraamiidaa

Paraamiidaa, Jarmanii

DJ fi qopheessituu muuziqaa

Bara darbe osoo mormiin Iraan keessatti hin eegaliin dura DJ Paraamiidaa, dhorkaa aadaa dubartoota dhalattoota Iraan ta'anirra turte mormaa turte.

Amma kan hojjechaa jirtu Barliin keessatti. Jaalala muuziqaaf qabdu Tahiraan fi Firaankifart yeroo jirtu bara dardarummaasheettidha.

Albamashee 'Love On The Rocks' jedhu ka'umsi isaa seenaa muuziqaa shubbisaa ta'e, aadaa shubbisaa alaa har'aas beeksifteetti.

Baarii Barliin, Panaroomaa keessatti DJn kun sadarkaa idil-addunyaatti piroduusara muuziqaa milkoofte taateetti. Addunyaa muuziqaa olaantummaa dhiirotaatiin qabatame keessatti qabsaa'uudhaanbeekamti.

Kamiilaa Pireelii

Kamiilaa Pireelii, Paaraaguwaay

Atileetii

Kamiilaan fiigicha meetira 100n ture Tookiyoo Olompik irratti kan mo'atte.

Maqaa masoo Guraarii Paanter jedhamuun beekamti. Rikkardiiwwan biyyaa keessaa kan qabdu yoo ta'u, barsiistuu Ingiliffaafi ispoortiidhas,

Paraaguyaa magaalaa xiqqoo hawaasa eegumsa naannootiif xiyyeeffannoo kennu keessatti guddatte. Jijjiirama qilleensaa itti dhiyeenyaan arguu ni dandeessi.

Shaampiyoonaa ECO Athlete taateetti. Waltajjii ispoortiishee fayyadamuun jijjiiramni haala qilleensaafi akkaataanittii Kaarbonii gadhiifamu hir'isuun danda'amurratti akka dubbatamu jajjabeessiti.

Magaalaa guyyaa guyyaan bineensota bosanaa argaa oollu keessattan guddadhe. Bineensonni kunneen sababa jijjiirama haala qilleensaatiin rakkachaa jiraachuusaanii beekuun akkan isaan gargaaru na kakaasa.

Kamiilaa Pireelii

Desaak Meedii Riittaa

Desaak Meedii Riittaa, Indoneezhiyaa

Saffisaan gaara koruu

Deesikaa Maadee Riitaa, yeroo Baaliitti barattuu sadarkaa tokkooffaa turte, erha keenyaarra akka baatuuf gaafatamteen booda saffiisaan gaara bahuuf jaalala kan horatte.

Osoo mucaa jirtu turte dorgommii dargaggootaarratti injifachu kan eegalte. Bara 2023tti saffiisa riikardii ta'e sakandii 6.49n Shaampiyoonshippii Addunyaa Saffiisaan bahuu IFSC injifachuun warqee fudhattee moggaasa ''giiftii Indooneeshiyaa saffiisaa gaara baatu'' jedhu argatte.

Inijifannoon ishee kunis Olompikii Paariis 2024 kan yeroo jalqabaatiif dorgomtoonni saffiisa gaara bahan irratti argaman hirmaachuuf carraa argatte.

Hanga ammaattis waltajjii Olompiikiin Baadmintaniin meedaaliyaa ulfina kaasuufi xiyya darbachuun meedaaliyaa argattee Indoneshiyaaf seenaa haaraa biraa galmeessuu dandeessi ta'a.

Aziizaa Sabaatii

Aziizaa Sabaatii, Libaanos

Fiigicha fageenya gabaabaa

Libaanos keessatti dubartittii saffistuu jedhamuun beekamti. Kun ammoo erga fiigicha meetira 100n rikkardii biyyattii cabsiteen boodadha.Eeshiyaa Bhaafi Araba keessatti shaampiyoonshippiirratti biyyasheef warqee argamsiisuun atileetii sanyii gur'aachaa jalqabaati.

Haadha lammii Laayibeeriyaa taateefi abbaa Libaanos ta'erraa kan dhalatte Aziizaan gara Libaanos kan deemte yeroo waggaa 11 jirtudha.Loogiin sanyiifi gulataa irratti hundaa'e isheerra gaheera.

Of argachuufi of gootomsuuf kan ishee fayyade atileetiksiifi mirgaaf qabsaa'uudha.

Bakka deemtu gargaaramuun waa'ee sanyummaa dubbachuun hirmaachisuufi walqixxummaaf ni qabsoofti. Manneen-barnootaafi yunivarsiitiiwwan waliin ta'uun dargaggoota Libaanos kakaasuun hojjetti.

Antiniiskaa Seenchii

Antiniiskaa Seenchii, Xaaliyaanii

Ogeettii dugda fardaarratti akirobaatii hojjechuuti

Antiiniskaa Senchii yeroo umuriinshee waggaa 30 turedha dugda fardaarratti akirobaatii agarsiisuu kan jalqabde. Waggaa kudhan booda garuu garee jiminaastikaa dugda fardaatti akka makamtu hin yaadne ture.

Kaaba Xaaliyaan, La Fiins keessatti dhalatte. Jireenyi salphaas hin dabarsiine ture. Haatishee da'umsarratti rakkoon mudatee tureen ni jiraatti jedhamee hin yaadamne ture.

Seenchii Waldaa Maatiiwwaniifi Miidhamtoota Qaamaatu gara waldaa ANFFAS galtee ogummaa ittiin beekamtu kana akka horattu ishee taasise.

Shaampiyoonaa addunyaa kan Annaa Kavalaaroofi leenjisaa Neelsen waliin Vidoonii waliin leenji'aa jirti.

Kaahiin Haan Waayi

Kaahiin Haan Waayi, Miiyaanmaar

Taatoo

Gara waggaa 25 dura Maayaanmaar keessatti taatoo ta'un kan eegalte, Kaahiin gahee dursaa filmii Saan Ye jedhu keessatti taphateen beekkamtii argatte. Itti fufuudhaanis siiniimaa Burmaa keessatti taatoo milkooftuu keessaa tokko taate.

Haata'u malee, amma hojii tola oltummaasheetiin caalaa beekmti. Bara 2014 keessa, Faawundeshinii Kaahiin Haan Waayii jedhamuufi ijoollee maatii hin qabneefi kanneen gatama kunuunsuu dabalatee, deeggarsa garaagaraa taasisu hundeessite.

Ammattis ijoollee 100 ta'aniif kunuunsa taasiifti. Ijoolleen kunnneenis kan maatiinsaanii sababii adda addaan isaan guddisuu hin dandeenyeedha.

Isheenis dadabarsa daa'immanii ittisuu keessatti ambaasaadar ta'un tajaajilaa jirti.

Biiyaanikaa Wiiliiyaams

Biiyaanikaa Wiiliiyaams, UK

Atileetii

Isheenis atileetii dorgommoo Awurooppaafi Komanwoolzii meetira 100n yeroo 4 warqee argattedha. Shaampiyeensii Awurooppaatti 2023tti kaapteenii Biriteen Guddiitiifi Ayirlaandi Kaabaa turte.

Adooleessa keessa, atileetiksii shaampieensii UK meetira 200n lammaffaa baate xumurte. Kanaanis atiletiksii addunyaa Budaapeesti tureef garee Ingiliz waliin deemuu dandeesse.

Isheefii atileetiin jaalalleeshee Riikaardoo Doos Saantoos, Adooleessa 2020 keessa qondaaltoota poolisiin dhaabsiifamuun sakkatta'amanii turan.

Wiiliyaamsiifi Doos Saantoos poolisiin sanyiidhaan adda nu baasee jechuun iyyata ifaa dhiyeeffatan. Sababii kanaanis miseensoonni poolisii lama hojiirraa hari'ataman.

Siyaasaa fi Hojii Dadammaqsuu

Maariyaam Al-Kaahwaajaa

Maariyaam Al-Kaahwaajaa, Baahireen/Deenmaark

Falmituu mirga namomaa

Falmiituun mirga namaa lammii Daanishi-Baahireen tunis, Bahireeniifi Galoo Galaanaa keessatti riiformiin siyaasaa akka dhufuuf sagalee ta'aa jirti.

Sarbama mirgaa saaxiluun beekamti. Abbaanshee Abdullaahiin Al-Kaahiwaajaa sochii #FreeAlKhawaja jedhu gaggeessuun akka mana hidhaatii bahaniif taasifteen beekamti. Falmiituu mirga namoomaa beekamtuu yoo taatuu, bara 2011tti Baahireeniitti hiriira nagaa dimookiraasii deeggaru gochuun hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.

Al-Khawajaan komishinoota mirga namoomaa idil-addunyaa keessa hojjatteetti. Dhaabbata fenemiziim kan ta'e FRIDA fi Fizishiyaan for Humaan Raayitis keessa hojjatteeti.

Shaamsaa Arweeloo

Shaamsaa Arweeloo, Somaaliyaa/UK

Duula gaggeessituu farra dhaqna qabaa

Shaamsaan dhaqna qabaa dubartootaa dhaabuuf kutattee kan kaateedha. Kanarratti karaa interneetiin barnootaa kennuu fi hubannoo cimsuun beekamti.

Shaamsaan Somaaliyaatti dhalattee amma UK keess ajiraatti. Yeroo mucaa waggaa jahaa turte dhaqana qabamne.

Hordoftoota TikTok miiliyoona 70 oliitiin, namni kamuu osoo odeeffannoo hin argatiin akka hin hafne barbaaddi.

Ammattis lammiilee Biritsh maatiisaanii 'kabajuuf' jecha miidhaan irra gahu ittisuuf hojjataa jirti. Akkasumas Poolisii magaala Landaniif dhaqana qabaarraatti gorsa kenniti. Dhaabbata gargaarsaa mataashee 'Gaardan of piis' jedhamu hundeessite.

Yaa'eel Baraa'udo- Baahaat

Yaa'eel Baraa'udo- Baahaat, Israa'el

Oggeettii seeraa

Oggeettii seeraa kan taatee Yaa'eel, dhaabbata Womeen Weej Piis (WWP) kan miseensoota 50,000 ol qabuufi furmaata nagaa fiduuf socha'utti daareektara.

Dhaabbanni WWP kan bara 2014 keessa hundaa'es, adeemsa nagaa keessatti gahee dubartootaa cimsuun, waldhabdeen Israa'el- Filisxeem karaa marii nagaatiin akka furamuuf hojjataa ture.

Waggoota lamaan darbaniif, WWPn sochii obboolaa Filisxeemootaa, Wuuman of z San waliin hojjataa ture.

Isheen dubartii hundeessitoota WWP keessaa tokko taateefi lallabduu nageenyaa Viiviyaan Silvar olmaa guddaa akka oolteef himti. Viviyaan Israa'elootaafi Filisxeemoota jidduutti wal qixxummaa fi wal hubannoo cimsuuf kan of kenniiteedha. Viviyaanis haleellaa Hamaas Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti baneen ajjeeffamte.

Yaazimiinaa Beensiilmaan

Yaazimiinaa Beensiilmaan, Moorookkoo

Hundeessituu Politics4Her

Yaasiimiinaan walqixummaa koorniyaa cimsuuf Politics4Her, dhaabbata hirmaannaa dubara ijoolleeffi shamarran siyaasaafi adeemsa murtee dabarsuu keessatti qaban jajjabeessuu hundeessite.

Yeroo Fulbaana keessa balaan kirkira lafaa hamaa biyyashee Morookkoo mudateetti, isheefii dhaabbannishee deebii deeggarsa koorniyaa xiyyeeffannaa keessa galcheef waamicha taasisan.

Rakkoolee dubartootaafi shamarranii qofarratti addatti balaadhaan ciman, kan akka hiyyummaa yeroo laguu fi heerumma dirqiin raawwatamurratti maanifestoo maxxansiteetti.

Dhaabbilee miti-mootummaa hedduuf akka gorsituu, leenjiftuu fi miseensa boordiitti, shamarran ogummaa hooggansaa akka horatan deeggarti. Hojiinshee kun badhaasa nagaa-buusuu Dubartoota UN akka argattu taasiseera.

Aliisiyaa Chaahuyyaa

Aliisiyaa Chaahuyyaa, Ekuwaadoor

Falmituu mirga hawaasa ganamaa

Qabsoo bosona Amaazoon Ekuwaadoor oolchuudhaaf taasifamu keessatti kan hirmaattu Aliisiyaan barana milkoofteetti.

Hagayya keessawarri Ekuwaadoor Paarkii Biyyaalessaa Yaasunii keessatti boba'aaf lafa haaraa qotuun akka hin taasifamne murteen akka darbu taasifameera. Naannoo lubbu-qabeeyyii hedduu qabaachuun beekamu kanatti dhaabbanni boba'aa qotu hojiisaa akka dhaabu taasifameera. Bakki kun baayoodaayivarsiitii isaatiin addunyaarratti beekamaadha. Bakka kana ammoo hawaasa ganamaatu jiraatas.

Yaasunii keessatti kan dhalatte Aliisiyaan naannichatti murteen ummataa akka gaggeeffamu waggootaaf qabsoofteetti.

Konfedereeshinii hawaasa ganamaa Ekuwaadoor keessatti damee dubartootaatti hooggantuudha.

Jijjiiramni haala qilleensaa wantonni akka ulfaatan taasiseera. Midhaan keenya lolaatiin badaa jira. Ho'i yeroo dabalutti hongeen ni uumama. Nyaata keenya gara caalu ni dhabna. Miidhaan itti dadhabne yeroo badu ammoo nama gaddisiisa.

Aliisiyaa Chaahuyyaa

Dehenaanaa Deeviisan

Dehenaanaa Deeviisan, UK

Miseensa Paarlaamaa

Bara 2019 keessa Dehenaanaan dubartii warra leellisan keessaa yeroo jalqabaaf miseensa paarlaamaataatedha. Kunis erga heerri mootummaa bara 1888 raggaasifamee as isa jlqabaati. Bara 2022 keessa ammoo hawaasaarratti sochii taasisuun ministira taate.

Bara 2023 ammoo sababa maayigireeniitiin hojiishee gadhiiste.

Umuriinshee waggaa 13 yeroo jirutti abbaanshee ajjeefamuun jireenyashee jijjiireera. Sababa du'a abbaasheetiin UK keessatti haqaaf kan hojjetu paartii 'All-Party Parliamentary Group on One Punch Assaults' jedhamu hundeessiteetti.

Maayigireeniin (bowwuu mataa hamaa) hamaa wallaansa akka argatuuf hojjetteetti. Qorannoon kaanserii harmaarratti taasifamu maallaqa akka argatuufis sochii taasifteetti.

Kiristiyaanaa Fiigureez

Kiristiyaanaa Fiigureez, Koostaa Riikaa

Dippilomaatiifi mari'attuu imaamata qilleensaa

Yeroo bara 2009tti Yaa'ii haala jilleensaa UN Kooppanhaaganiitti mariidha eegalamuutti, Kiristiyaanaan rakkinichaaf fala kennuuf argamte turte.

UN'tti barreessituu olaantuu jijjirama qilleensaa ta'unwaggoota jahaaf adeemsi biyyoonni irratti waliigalan akka hojiirra ooluuf hojjatteetti.

Hojii isheetiinis qaamooleen gahee qaban gara 200tti siqan, waliigaltee Paariis 2015 mallatteessaniiru. Waliigalteen kunis ho'i addunyaa gara babal'achuu industiriin duraatti deebii'ee siisheelisii 2.0 gadii akka bu'ufiidha.

Dhaabbata Gilobaal Otimizim, kan furmaata jijjirama qilleensaa fiduuf bizinasa waliin hojjattu, waahillanshee waliin hundeessiteetti.

Yeroo tokko tokkoo miira keessa waanan seenuuf hojjachun natti ulfaata. Yeroo tokko tokkos nan aara. Garuu ammoo gaddaafi aarii kana hojiittan jijjira. Addunyaa fooyyooftuu uumun ijoollee keenyatti dabarsuu akka dandeenyuu yaaduun ciminaafi onnannaa, jaalalaafi abdiinan hojjadha.

Kiristiyaanaa Fiigureez

Beellaa Gaaloos

Beellaa Gaaloos, Tiimoor-Leestoo

Roggeettii siyaasaa

Tiimoor -Leestoo osoo Indooneeshiyaa irraa bilisa hin bahiin duraafi boodas Beellaan falmitu mirga namoomaati.

Osoo barra jirtuu ummanni akka of bulchuu danda'uuf sochii taasisaa turte. Erga gara biyyasheetti deebiiteen boodas badii waraanaan barootaan qaqabe keessaa bayyanachuu deebiisannii ijaaruufi iyyummaa ummata wallakkaa qabate keessaa baasuuf hojjatte jirti.

Bara 2015tti mana barnooraa magariisa banuudhaan guddiinni waliitti fufiinsa qabu akka babal'atuu cimsuuf ijoollleen qaama jijjiramaa akka ta'aniif hojjattee jirti.

Ammatti gorsituu pirezidantii Tiimoor- Leesitooti. Gama leelliiftoota saala walfakakatuufi dubartoota diinagdeen gahumsa akka qabaatan gochuun beekamti.

Riinaa Gonbii

Riinaa Gonbii, Jaappaan

Loltuu duraanii

Kirkira lafaa hamaa fi Sunaamii bara 2011tti mudateen booda lolttoonni dubartii yeroo Riinaan mucaa waggaa 11 turte oolchaniin. Yeroos kaaftee ture kan humnoota waraanaa Jaappaan keessa hojjachuu hawwuu eegalte.

Miseensa waraanaa taates, garuu wayita achiitti ''guyyaa guyyaan'' qoccoollaan saalaa ishee mudati hawwiin ijoolluummaashee suun dukkanaa'e.

Bara 2022tti waraana dhiiste baate. Duula ummataa eegaluunis hawaasa olaantummaan dhiiraan qabame keessatti haqniifi gaafatamummaan akka jiraatuu qabsaa'aa jirti. Dubartoonni miidhaa saalaa irra gahee ifatti yoo dubbatan hawaasni irratti xiyyeeffata.

Dhimmishees waraanni qorannoo keessoo akka gaggeessuuf dhiibbaa taasisuun komiiwwan qoccollaa 100 ol biraas dhiyaatan. Boodarra Ministeerri ittisaa dhiifama ishee gaafate.

Soniiyaa Gujaajaaraa

Soniiyaa Gujaajaaraa, Biraazil

Deetaa ministiraa

Biraaziliitti sochii mirga ummata ganamaatiin adda durummaan beekkamti. bara 2023tti Soniiyaa Biraaziliitti ministira hawaasa ganamaa jalqabaati. Pirezidanti Lulaa Daa Siilvaan itti gaafatamummaa kennunsaanii gaariidha jedhameera.

Hojiinshee inni ijoon yakkoota eegumsa naannoo dura dhaabbachu ta'u himti.

Amaazoon, maatii hin baratiin bakka Ariibiiyoowaa jedhamu keessatti argaman irraa dhalatte. Dhiibbaa jijjiramni qiilleensaa sirnakkoorraan gahu hubachu dandeessee jirti.

Erga ogbarruu barrateen booda akka narsii booda barsiisuu taa'ee hojjachuun achiin aktiviziimii eegalte. Achinis gara falmitii migaatti galte. 2022tti ammoo Saa'o Poolootti dubartii miseesna paarlaamaa ummata ganamaa kan jalqabaa taate.

Haqa haala qilleensaa attamiin jajabeessuun akka dandeenyuufi sanyummaa eegumsa naannootiin walqabatan attamiin dura dhaabbachun akka danda'amu yaadu qabna. Naannoo eeguu kan danda'an yaaduu qabna. Namoota adda durummaan naannoo eeguu dada'anitu badii qaqabuunis caalaa miidhama. Haraasni ganamaa baayoodaayivarsitii eeguuf adda dureedha.

Soniiyaa Gujaajaaraa

Reniitaa Hooms

Reniitaa Hooms, US

Mirga mana-jireenyaa qabaachuuf falmiti

Aadde Reniitaa Hooms Maayaamii jiraatti. Dhaabbata OUR Homes jedhamu daareektaraafi hundeessitudha. Filooriidaa keessatti tajaajila biizaniifi gorsaa dhiyeessa.

Hawaasni loogiin irratti taasifame abbaa-qabeenyaa manaa akka ta'aniif sochii taasifti. Yeroo galaanni guutee namoonni qarqara jiraatan luugiin irratti taasifamu buqqa'an akka mana argatan qabsooftiif.

Qaama miidhamtuu yoo taatu, haadha ijoollee 11 qabduti ishee guddise.

Inistiyuutii Seelootti sagantaa 'Empowering Resilient Women' jedhu keessa jirti. Dhaabbanni kun barnoota saayinisiirratti hundaa'een tarkaanfiin haalaqilleensaa akka fudhatamurratti hojjeta. Dhimmoota dubartoota Afrikaa-Ameerikaa ta'aniifi dubartoota magaalaa humna hin qabne rakkatan ilaallatanirratti ejensiiwwan manneen jireenyaa deeggarti.

Dubartoonni hariiroo Dachee waliin qabnu beekuun abdii namaaf kenna. Nuti namoota jajjaboo, cimoo, magarsanidha. Nuti tarkaanfii ni fudhanna, nuti ni kunuunsinas.

Reniitaa Hooms

Barnaandeti Ismiiz

Barnaandeti Ismiiz, Odola Tartiil/Kaanaadaa

Falmituu maatii namni jalaa badeeti

Obbooleettiin ishee bara 2008tti baduu hordofuun, Barnaandeti Ismiiz deebii argachuuf boqonnaa malee barbaadde.

Isheenis maatiiwwan firri jalaa bade, ajjeechaa dubartootaafi shamarran hawaasa ganamaa Kaanaadaa guutuu falmiituu dursaa ta'un, tarkaanfii qindoomaan akka jiraatuufi deebii barbaachaaf gamtaa hundeessite.

Akkasumas sochii 'Diraag Z Reed' jedhamufi kan reeffa ykn odeeffannoo namoota badanii Laga Diimaa Wiinpeg barbaadu, warra kaan waliin hundeessite.

Yeroo sadaffaadhaaf Gumii Seera tumtootaa Maanaatobiiyaa keessatti filatamteetti. Naannichatti ministira kaabinee Dubartoota Biyyaaleessaa Jalqabaa ta'un midamuun dubrtoota jalqabaa lama keessaa tokkodha. Ammattis akka ministira manneen, araadaa fi mana-maleeyyiitti hijjataa jirti.

Iriinaa Istavaachuk

Iriinaa Istavaachuk, Yukireen

Gorsituu imaammata jijjirama haala qileessaa

Imaammata jijjirama haala qilleensaatti gahee hooggansaa qabdi. Iriinaan Gamtaa Awurooppaatti Faawundeshiinii jijjirama qilleensaaa keessatti dursitu sagantaa Yukireenidha. Galmishee guddaan waraanaan booda furmaata Magariisaafi haala qilleensaa jijjirama dandamatu qopheessuudha.

Kana dura, 2019 fi 2022tti Ministeera Eegumsa Naannoo Yukireen keessatti bulchiitu ittaantuu taatee hojjatteetti. Imaammatawwan jijjirama qilleensaatiif Awurooppaa wal taasisuun, walitti dhufeenya idil-addunyaafi baayoodaayivarsitiin beekamti.

Iriinaan dhaabbilee mit-mootummaa haala qileennaa lama; 'Ecoaction fi Kyiv Cyclists' Association (U-Cycle)' kaan waliinhundeessiteetti. Waltajjiiwwan neetiwarkii naannichaafi hojiiwwan garee siviilii waltaasisuun beekamti.

Bakkaafi haala keessa jiruun waan nu danda'ame gochuu qabna. Jedha Seen Firaansiis ''Waan barbaachisu hojjachuun eegalaa, achiin kan dandeessan hojjachaatii, achiin kan hin danda'amne hojjatta'' jedhuun hordofa.

Iriinaa Istavaachuk

Nataashaa Kaandiik

Nataashaa Kaandiik, Sarbiyaa

Ogeettii seeraafi falmituu mirgoota namoomaa

Baroota 1990oota keessa erga Yugoozilaaviyaatti lolli jalqabamee, Nataashaa Kaandiik gudeeddii, ajjeechaafi humnaan butanii dhabamsiisuu dabalatee yakkawwan yeroo waraanaa sana raawwataman ragaa galmeessaa turte.

Mana-murtii yakka waraanaa Beelgireeditti namoota gosa gara garaarraa dhalatan bakka bu'uudhaan falmiteetti. Sababa kanaaf mootummaa Sarbiyaa Silobodaan Miloosovich waa'ee uummata Kosoovoo imaammatan inni qabu akka qoratamu taasiseera.

Wiirtuu Seeraa Namoomaa hundeessiteetti. Dhaabbanni kun ammoo yakkawwan waraanaa osoo loogii hin taasisiin qarachuun maqaa gaarii qaba.

Isheenis dhabbannii RECOM Reconciliation Network jedhamu, kan waa'ee waraana Baalkaan kan namoonni 130,000tti tilmaaman ittiin ajjeeffaman irratti dhugaa baasuuf hojjatu akka hunddeeffamu gargaarte.

Rukshaanaa Kappaalii

Rukshaanaa Kappaalii, Neeppaal

Falmiituu abbaa qabeenyaa manaa

Miseensa hawaasa ganamaa Neeppaal Neewaa fi falmiituun mirga namoota saalasaanii jijjiranii Rukshaanaa Kaalaappii yeroo guddatuutti waa'ee eenyummaashee irratti rakkoo odeeffanoo qabdi turte.

Isheenis waa'ee daneesummaa koornaayaa fi saal-qunnamtii irratti of barsiisuuf daandii mataashee hordofte. Dardara taatee miidiyaa hawaasaatti bahuun dhimmicharratti sagalee dhageessisuu eegalte.

Barrattuu seeraa digrii sadaffaati. Neeppaaliitti jaalattoonni saala walfakkaataa gorsa seeraa akka argatan taasisuun beekkamti.

Hawaasa seenaadhaan qoollifame keessaa baate. Ta'u garuu hawaasni Jugii bakka mana aadaasaanitii akka hin buqqaaneef falmiti.

Amaal Kiluunii

Amaal Kiluunii, UK/Libaanos

Falmituu mirgoota namoomaa

Amaal Kiluunii ogeettii seeraa mirgoota namoomaaf dhaabbattu waggoota digdama darban keessa warra haqa dhabaniif falmuudhaan badhaasa mo'atedha.

Hojii beekamtii isheef argamsiise keessaa duguuggaa sanyii Armeeniyaafi Maayinmaar, miidhaa saal-qunnamtii Maalaawwii fi Keeniyaa keessa tureefi yakkawwan Yukireen keessatti dhala namaarratti raawwataman irratti hojjettedha.

Milkaa'inni dhiyeenya warra loltoota IS fi garee waraanaa Daarfur miidhaa irraan gahe bakka bu'uudhaan falmitee bu'aa argamsiistedha. Gaazexeessitoota abbootiin irraa ilkaan itti ciniinnataniifi hidhamtoota siyaasaa akka bilisa bahan gargaarteetti.

Mana-barumsaa Seeraa Kolombiyaatti barsiistuu yoo taatu, namoota biyyoota 40 keessatti miidhaan mirgoota namoomaa irra gaheef tajaajila seeraa kan kennu Kilunii Faawondeeshiin warra hudeessan keessaa tokkodha.

Soofiyaa Kosaachivaa

Soofiyaa Kosaachivaa, Raashiyaa

Ittisa balaa abiddaa keessa hojjetti

Weellistuu Oppeeraafi barsiistuu kan turte Soofiyaan bara 2010 ture kan isheen ittisa balaa abiddaa keessa hojjechuu jalqabde.

Tola-ooltota leenjisuudhaan Raashiyaa keessatti abidda saafaa ittisuun akka danda'amuuf hojjetteetti. Guutummaa biyyattii keessatti garee tola-ooltotaa 25 ol hundeessiteetti.

Raashiyaa keessatti balaa abiddasaafaa uumamandhibbaan lakkaa'aman dhaamsuu keessatti gaheebaateetti. Dhaabbata gargaarsaa 'Greenpeace' jedhamu waliin ta'uun hojjechaa turte. Mootummaan Raashiyaa garuu 'hin barbaachisu' jechuun cufeera.

Tola-ooltota balaa ibiddaa ittisan marsariitii walitti qabu qabdi. Abidda saafaa to'achuufi hordofuutiin Raashiyaa keessatti dhaabbata bu'a qabeessa ta'edha.

Jijjiiramni haala qilleensaa hangam hamaa ta'ullee mo'ichi gurguddaan hunduu mo'icha xixiqqaarraa jalqaba. waan idil-addunyaa jijjiiruun waan ulfaatu fakkaata. Garuu naannoo keenyatti jijjirama fiduu jalqabuu qabna.

Soofiyaa Kosaachivaa

Moniikaa Makiwiilyaams

Moniikaa Makiwiilyaams, UK

Nama siyaasaafi hirmaattuu marii nagaa duraanii

Kaaba Ayiraandi erga waliigaltee Guud Furaayideey mallatteessite waggaa 25 ta'eera. Mooniikaan marii kana keessatti gahee guddaa baate. Paartii sab-daneessa irratti xiyyeeffachuun marii nagaa taasifame waliigalteen akka gahamuuf hojjatteetti.

Gamtaa Dubartoota Ayirlaandi hundeessite jirti. Kunis qoodiinsa dhiisuun, paartii siyaasaa nagaarratti xiyyeeffatuudha.

Kaaba Ayiirlaani keessatti koomishinara olaantuu Komishinii Mirga Namoomaa ta'un filatamteetti. Wiixinee mirgoota Kaaba Ayiiralaandi qopheessuun beekamti.

Ammattis gareewwan hidhattootaa irratti hojjatuutti komishinara ta'un hojjataa kan jirtu yoo ta'u, miidhaa dubartoota irra gahu mormuunis barreeffama maxxansiiteetti.

Yulaandaa Mitambaa

Yulaandaa Mitambaa, Maalaawwii

Sochii eeruma umurii malee mormuu keessatti beekamti.

Yulaangaa Mitaambaan Maalaawwii hawaasa Liyoongaawwee jedhamu keessatti guddatte. Hawaasa kana keessatti barnoota dubartootaaf bakki hin kennamu ture. Dubartoonni barnoota addaan kutanii osoo umuriinsaanii waggaa 18 hin guutiin akka eeruman dirqisiifamu.

Yulaandaa Mitamabaan ilaalcha hawaasichaa cabsuudhaan yunivarsiitiirraa eebbifamuu qofa osoo hin taane digirii lammafaa hojjetteetti.

Dubartoonni umurii malee akka hin eerumsiifamne seeronni dhorkan akka hojiirra oolfaman sochii taasifti. Rakkoowwan fayyaa osoo umuriin hin ga'iin ulfaa'uu ilaalchisuunis ni hojjetti.

Yeroo ammaa dhaabbata dubartoonni ardittiirra jiran hundi carraa barnootaa sadarkaa lammafaa akka argatan gargaaru AGE Africa jedhu damee Maalaawwiitti daarektara taatee hojjechaa jirti.

Najiilaa Mohaammad-Lamiin

Najiilaa Mohaammad-Lamiin, Sahaaraa Lixaa

Falmituu mirga dubartootaafi eegumsa naannoo

Najiilaa Mohaamad-Lamiin 'Wiirtuu Mana-kitaabaa Almaas' jedhamu hundeessiteetti. Kibba baha Aljeeriyaatti kan argamtu Sahaaraawii keessa dahoo baqqattootaa keessa dubartonniifi daa'imman waa'ee fayyaafi eegumsa naannoo akka baratan gooteetti.

Bara 1975 keessa daangaa Morookoo keessa kn jiru Sahaaraa Lixaatti kan dhalatte yoo ta'u, maatiinshee ammoo walittibu'insa baqataniiru.

Najiilaa Mohaamad-Lamiin 'kaampii baqqattootaa keessatti kan guddatte. Dargaggeettii yeroo turtetti Ingiliffa barachuun jilawwan biyyoota alaaf hiikaa turte. Biyya alaa deemtee barachuufis maallaqa walitti qabdeetti.

Erga qorannoo misooma walitti fufinsa qabuufi dubartootaan eebbifamteen booda, gara kaampii baqattootaatti deebiteetti. Buqqaatota Sahaaraa kuma 200 ol ta'an gargaaruu fjecha deebite. Dhiibbaa sababa jijjiirama haala qilleensaatiin hanqina bishaaniifi nayaataa hammaachaa dhufe jala jiru.

Dhiibbaa jijjiiramni haalaqilleensaa uume hubachuu qabna. Manni keenya yeroo gara garaatti lolaafi obonboleettiidhaanfudhatama. Uummanni keenya ho'a guddaatiin rakkachaa jira. Balaa kana hunda hammeessuuf uumanni keenya itti gaafatamaa miti.

Najiilaa Mohaammad-Lamiin

Tamaar Muserdiiz

Tamaar Muserdiiz, Joorjiyaa

Gaazexeessituu

Umuriinshee waggaa 18 yoo jirutti ture sabaa-himaalaa Joorjiyaa keessatti kan qacaramte. Maqaa Taamunaa jedhamuun kan beekamtu Tamaar Muzerdiiz, jireenyishee kan jijjiirame umurii waggaa 31tti wayita intala guddifatamte ta'uushee bartettidha.

Maatii irraa dhalatte argachuudhaaf ni ijibbaatte. Osoo qorannoo gaggeessaa turtetti, Joorjiyaa keessatti bara 1950 irraa kaasee ijoolleen gabaa gurraachatti guddifachaaf baay'inaan gurguramu adda baafte.

Garee Feesbuukii 'I'm searching' jedhu hundeessuun, keessumaa daa'imman hospitaalota keessaa fudhataman irratti xiyyeeffachuun guddifachaa seeraan alaarratti biyya guutuun akka dubbatamu eegalchiifte.

Dhaabbanni isheen bantes maatiin dhiibbaan lakkaa'aman akka wal argan taasiseera. Isheen garuu hanga har'aa kan ishee barbaadaadhumatti jirti.

Neemaa Naamaadaamuu

Neemaa Naamaadaamuu, Dimokraatawa Rippabilika Koongoo

Falmiituu mirga qaama miidhamtootaa

Koongoo keessatti neetiworkii 'Heroo wumaan Raayiziing' jedhu jireenya dubartootaafi shamarranii fooyyeessuu irratti kiyyeeffachuun sochii gaggeessiti.

Falmiituun mirga qaama miidhamtootaa Neemaan dhaabbata barnootaafi teeknooloojiitti fayyadamee sagalee dubartootaa dhageessisuufi mirgasaaniif akka dhaabbatan barsisu hundeessiteeti.

Baadiyaa baha Koongoo keessatti kan dhalattee Neemaan, umurii waggaa lamaatti dhibee laamsheessaan qabamte. Isheenis saba ishee keessaa qaama miidhamtu yunivarsitii eebbiifamte kan jalqabaati.

Miseensa paarlaamaafi gorsituu Ministira dhimma Kornaayaa biyyatiiti.

Miishel Obaamaa

Miishel Obaamaa, US

Ogeettii Seeraa, barreessituufi falmituu

Giifti-dureen duraanii US Miishel Obaamaa guutummaa addunyaarratti dhaabbileen dubartootaaf carraa barnootaa kennan deeggaru Opporchuniitii Alliyaans jedhamu hundeessiteetti.

Giifti-dureen kun abbaa-warraashee Baraak Obaamaa waliin ta'uun ijoolleen durbaa addunyaa guutuurra jiran barnoota qulqullina qaba akka argataniif sochii 'Let Girls Learn' jedhu jalqabsiisteetti.

Giifti-duree taatee, sochiiwwan biroo sadii jalqabsiisteetti: 'Let's Move! kan akka maatiin ijoollee fayyaaleyyii guddisan gargaaru; Joining Forces, kan loltoota US soorma bahan, akkasumas maatii isaanii tumsu; Reach Higher-kan yeroo ammaallee hojjechaa jirtu dargaggoonni barnoota olaanoo ittiin argatan gaggeessiteetti.

Safiidaa Raahuun

Safiidaa Raahuun, Iraan

Barreessituufi barreessituu

Saafiidaa Raahuun Iraan keessa kan ittiin beekamte mormii ifatti seera hijaabaa dirqamaarratti dubbattuuniidha.

Erga dubartii atobisii keessatti hijaabni akka uffatamu raawwachiiftu waliin wal dhabuun mana hidhaa buute.

Mana hidhaa osoo jirtuus fuulashee reebameen TV mootummaa irratti dhiyaattee gochaa isheetiif 'dhiifama' gaaffate. Kun kan ta'e bara 2022tti yoo ta'u, innis osoo shamarreen waggaa 22 Maahsaa Amiin miseensoota poolisii naamusaatiin hin ajjeeffamiin torbaniin dura ture.

Jalqaba bara kaattis, Saafiidaan suuraa osoo mataasheetti hin aguuggatiin miidiyaa hawaasaa irratti qoodeen wal qabatee, himatamun mana murtiitti dhiyaatteeti. Sochii taasiftuuf jechas yunivarstii irraa ari'atamun dubbatti.

Amma mana hidhaatii baatee jirti. Haata'u malee seera hijaaba uffachu dirqiisiisu mormuu itti fufte jirti.

Gilooriyaa Siteeniim

Gilooriyaa Siteeniim, US

Gaggessituu feemenistii

Bara 1970 irraa kaastee akka gaggeessituu sochii feemenistii addunyaatti, feemeniizimiirratti gumaacha Gilooriyaa Siteeniim guutummaa addunyaarratti taasifte dhaloota biratti kan yaadatamudha.

Siteeniim aktivistii, gaazexeessituu, barreessituu, barsiistuufi dubbi-himtuu mootummaa taatee dhimmoota walqixxummaarratti hojjetteetti.

Barruu Ms. Magazine jedhamu kaan waliin hundeessiteetti. Barruun kun jalqaba bara 1971 kan maxxanfame yoo ta'u, hanaga ammaattis maxxanfamaa jira. Barruun kun sochii mirgoota dubartootaa akka bahee mul'atu gochuudhaaf US keessatti maxxansa jalaqabaati.

Gilooriyaa Siteeniim umurii waggaa 89 kanatti addunyaan haqa-qabeessa ta'e akka jiraatu hojjechuu itti fufteetti. Dhaabbileen gurguddoo akka Woman Miidiyaa Santar, ERA Kohaalizhin fi Ikuwaaliitii Naawoo jedhamu deeggarti.

Suumiiyaa Tooraa

Suumiiyaa Tooraa, Afgaanistaan

Mormituu mirga baqattootaa

Dhaabbannii Z Doosti Neetwark jedhamu dhaaba Afgaanistaanootaaf odeeffannoo gaarii kennuudha. Baqattoota Afgaanistaan keessaafi alatti argamaniif odeeffannoo kenna. Kan hundeeffames yeroo Taaliibaan bara 2021tti Afgaanistaan to'ateetti.

Suumiiyaan mataanshee baqattuu waan taateef rakkoolee nama bakka jireenyaatii buqqa'e mudatu ni hubbatti.

Hojiinshees baqqattoota deebiisanii dhaabuufi barattootaa waraanaan miidhaman barnoota akka argatan gochuurratti xiyyeeffata.

Dandeetii jijjirama barnootii qabu kan hubattuu Suumaayaan, UN, Baankii Addunyaa, Fandii Maalaal fi Shimiit Fiwuucha waliin hojjatteeti. Isheenis dubartoonniifi shamarran buqqaatoonni balaa keessatti argaman barnoota akka argataniif hojjatti.

Zhuu Zaawozaawo

Zhuu Zaawozaawo, Chaayinaa

Falmitii mirga hanqaaquu tursiisuu

Dubartoonni ulfa tursiisuuf hanqaaquu akka tursiisaniif gochuun kan beekamu 'Egg Freezing' kan jedhamu bara 2018 keessa yaalteetti. Haata'u malee, hanqaaquu tursiisuu kan danda'an namoota walfuudhan lamaan qofa akka ta'an hospitaala ummataatti itti himame. Isheen garuu hin eerumne ture.

Hospitaalicha mana-murtiitti dhiyeessite. Chaayinaa keessatti dubartoonni hanqaaquu tursiifachuu akka danda'an mana-murtiirratti famiif dhiyaate isa jalqabaa ture.

Falmii mana-murtii bara 2019 keessa jalqabeen Chaayinaa keessatti carraa da'umsaa xiqqaa jiruun walqabatee ijoo dubbii ta'ee ture.

Manni-murtichaa murtoo hin kennine. Ta'us garuu Zhuu dhimmicha erga gara mana-murtiitti geessiteen booda dhimmi kun manneen-barnootaa seera, fayyaafi naamuusa keessatti kan ittiin barsiisan ta'eera. Zhuun mirga da'umsaafi qaamaa dubartoota hin eerumiiniif falmiti.

Saayinsii, Fayyaa fi Tekinooloojii

Basiimaa Abdulrahimaan

Basiimaa Abdulrahimaan, Iraaq

Interpireenara ijaarsa magariisaa

Bara 2014 yeroo gareen Islaamummaa jedhamu kun kutaalee gurguddoo biyya ishee Iraaq dhuunfate, Baasimaa Abdulrahmaan Yunivarsiitii Ameerikaa keessatti barachaa turte.

Magaalonni Iraaq hedduun sababa lolaatiin kan barbadaa'an yoo ta'u, Abdulrahmaan garuu maasters ishee Injinariingiin xumurtee booda gara biyyaatti yeroo deebitu karaa itti gargaartu argite.

Iraaq keessatti dhaabbata jalqabaa ijaarsa magariisaaf of kenne KESK jedhamu hundeessite. Caasaa magariisaa uumuun teeknooloojiiwwaniifi meeshaalee anniisaa qusatan kanneen haaraa ta'an mala ijaarsa aadaa Iraaq waliin walitti makuu jechuu akka ta'e argatteetti.

Hojiin ijaarsaa har'aa nageenya dhaloota dhufuu akka hin miidhamne gochuuf kutannoo qabdi.

Yeroo baayyee waa'ee rakkoo jijjiirama haala qilleensaa nan yaadda'a. Balaa isaa salphisuuf qaama furmaataa osoo hin taane, akkamitti namni kamiyyuu nagaa argachuu danda'a jedhee yaaduu dhiisuu hin danda'u.

Basiimaa Abdulrahimaan

Saaraa Al-Saaqaa

Saaraa Al-Saaqaa, Bulchiinsoota Filisxeem

Oggeessaa wallaansa baq. wallanuu waliigalaa

Dubartiin wallaansa baqaqsanii yaaluu Gaazaa keessatti kan jalqabaa taate, Dr Saaraan hospitaala guddicha Al-Shiisaa keessa hojjatti.

Isheen waraanaa jidduutti namoota wallaanuun maala akkafakkaatu muuxannoo Instaagraamii irratti galmeessiti. Israa'el haleellaashee Hamaas irratti raawwattuu wayita cimsiteetti hospitaalli Al-Shiifaa baayyee miidhame.

Dr Saaraan waa'ee hir'ina ibsaa, boba'aa, bishaaniifi nyaataa kanneen hospitaalichi akka dhukkubsattootta hin yaallee dhorkee maxxansiti. Osoo loltoonni Israa'el Al-Shiifaa, kan waraanni Israa'el duula qiyyeeffatamaa Hamaas irratti gaggeeffamu jedhaniin sakkata'iinsa hin eegaliin yeroo muraasa dura achi keessaa baate.

Dr Saaraan dhalattee kan guddattee Saawudi Arabiyaatti, garuu bara 2010tti Gaazaa dhaqxe. Yunivarsitii Islaamaa Gaazaatti barnoota hakiimummaa barachuun, Yunivarsitii Landoon Quun Meeriitti ammoo wallaansa baqaqsanii yaaluu baratte. Dubartoonni kaan ishee waan hordofaniif amma Gaazaatti dubartii wallaantuu baqaqsanii yaaluu amma ishee miti.

Amiinaa Al-biish

Amiinaa Al-biish, Siiriyaa

Hojjattuu baraarsa tola oltummaati

Waraannii wal waliin Siiriyaa bara 2017 yoo cimu, Amiinaan miseensoota raayyaa Siiriyaa tola ooltummaa jalqabaa keessa tokko turte. Kan socha'anis namoota miidhamaniif deeggarsaa fi wallaansa jalqabaa kennuuf ture.

Boodas Amiinaan miidhamtoota balaa kirikira lafaa Siisiyaa fi Tarkii Guraandhala 2023 mudatee baraaruuf tola oltummaaf deemte. Kirkirri lafaa kunis kan mandaroota barbadeessee fi miseensoota maatiishee jijjigaa jalaa danqe ture.

Kaaba Siriyaatti jireenya dubartoota kaanii kan fooyya'e gochuuf hojjataa jirti. Bizinas Adimistireshiniidhaan digrii barataa jirti. Hawwiinshee Siiriyaa keessatti nagaa buusuu akka ta'e dubbatti.

Liyaan Kulen Ansiwerz

Liyaan Kulen Ansiwerz, UK

Saayintistii Qaama bishaanii

Qaamoleen bishaanii jireenyaaf rakkisoo ta'uu isaaniin walqabatee Karbonii kuusuun hormaata qurxummiif qopheessuun beekamti.

Liyaan pirojektii Siigraas jedhamu hundeessituufi hooggantuudha. UK keessatti dirree hojii kanarratti adda-dureedha.

Meeshaa to'annoo roobootii hojjetu fayyadamuun sanyii facaasuuf pirojektii dandeessisudha. Biyyoonni biroos qabeenya bishaan keessa jiruuf itti gargaaramuu ni danda'u.

Qorannoo qaamolee bishaaniirratti muuxannoo waggaa 20 olii kan qabdu yoo ta'u, eegumsaafi deebisanii dandamachiisuu saayinsii bu'uura godhatanirratti hojjetti.

Hojiin isaa hedduu waan ta'eef qophaa isaa yoo hojjete hin dhumu. Namoonni beekumsa waliif qoodanii hojjechaa jiru. Anaaf gaheekoo bakkawwan uumamaa akka dandamatan gochuun biqiltootaafi hawaasaafan hojjedha.

Liyaan Kulen Ansiwerz

Baayaang

Baayaang, Chaayinaa

Gorsituu barreessaa oolmaa guyyaafi waara'uu

Baayaang bara 2018 irraa eegalee haala qilleensaa ilaalchisuun oolmaa guyyaa barreessiti. Biqiltuuwwan biiyya keessaa kunuunsuun qaamolee bishaanii eeguufi haala qilleensaa galmeessuu irratti kan xiyyeeffatanidha.

Chaayinaa, kutaa Qingaahii keessa jiraatti Bakki kun naannoo gaarreen Tiibeet keessatti argama. Bakki kun ho'i dabaluun, kattaan cabbii baquufi bosonni manca'uu dabalatee jijjiiramni haala qilleensaa miidhaa kan jedhudha.

Baayaang 'Saanjinaayum Wuuman Invaaronmentaalist Neetwoork' keessatti miseensadha. Hawwasa keessatti fayyaafi waara'uurratti hojjeta.

Omishaalee naannootiif mijatoo ta'an hojjetti. Isaanis dibata hidhii, saamunaafi borsaa dabalata. Kun bishaan kunuunsuudhaaf eegumsa baayoodaayivarsiitii irratti kakaasuufidha.

Suzaan Choombaa

Suzaan Choombaa, Keeniyaa

Saayintiistii

Suzaan daareektara Institiyuutii World Riisoosiis (WRI)tti. Ijoolluummaadhaan jireenyi iyyummaa jidduugala Keeniyaa kaawuntii Kiriinyaagaatti keessa dabarte ka'umsa akka ta'ef dubbatti. Daa'ummmaatti jireenya namootaa jijjiruuf akka yaaltu ka'umsa ta'eef.

Adda durummaadhaanis, bosoona kunuunsuu, lafti akka bayyanatu gochuufi sirna nyaataa Afriikaa haaromsuu irratti xyyeeffachuun hojjatti.

Bosona Koongoo keessatti, Gammoojjii Lixa Afriikaa Saahel fi Afriikaa Bahaatti keessattuu dubartootaafi dargaggoota akkasumas qonnaan bultoota muraasa waliin hojjatti. Lafasaanii haalaan akka itti fayyadamaman gochuun beekamte.

Bu'aa argamuufi beekumsa ishee mootummaafi qorattoota waliin qooduun, hawaasa cimaa jijjirama haala qilleensaa dandamachuu danda'u iuumuuf hojjatti.

Keessattuu biyyoonni kaarboonii baayyee samiitti gadhiisaniifi dureewwan biyyoota guddatanii tarkaanfii fudahcu dhiisuun isaanii na miidha. Tarkaanfii kan hin fudhannees asababii siyaasaaa, maallaqaa fi aangootiin. Miira kana kanan dandamadhuf dubartootaafi dargaggoota Afriikaa guutuu waliin hojjachuun. Hojiin keenyas umama eeguufi akka bayyanatu gochuu akkasumas sirna nyaataa fooyyeessuufi imaammata eeguudhaafiidha.

Suzaan Choombaa

Kaanaan Daagvariin

Kaanaan Daagvariin, Tarkii

Saayintiistiifi kalaqxuu

Gargaartuu Pirofeesara Institiyutii Teeknolojii Maasaachusetsi (MIT) US keessaati. Meeshaa waraanaa altiraasaawundii uffatamu hojjachuun, kaansariin harmaa durfamee akka qoratamu taasifte jirti.

Adaadaan ishee waggaa 49tti ture kaanseriin akka qabateefi sadarkaa dhumaarra akka jirtu kan itti himame. Yeroosaatti qorannoo taasisanis dhukkubnisaa osoo hin bekamiin ji'a ja'atti duute.

Qabsiistuu harmaa keessa galee kaanserii harmaa yeroo yerootti meeshaa qorachuu danda'u hojjechuudhaaf kan kakaateef du'a adaadaasheetiin boodadha. Warra kaanserii harmaatiif saaxilamoo ta'an baraaruudhaaf tekinooloojii gargaaru lubbuu dubartoota miliyoonaan lakkaa'amu oolcheera.

Izaabeellaa Dulziik

Izaabeellaa Dulziik, Poolaand

Oggeettii sagalee

Izaabeellaan waraabduu sagalee qabatteeti kan deemti. Boson Biilowiizaa bosonoota Awurooppaa umurii dheeraa keessa tokko ta'efi Poolaandiitti haalaan eegame keessaa sagalee waraabdi.

Oggummaan dhiirootaan kan guutame ta'unsaa oggummaa intala kanaa adda taasisa. Qaroo dhabduu ta'unshee dhimma adda ishee taasisu biraati.

Dulziik yeroo maatiinshee waggaa 12tti waraabduu sagalee kennaniifii kaasee, sagalee simbiraaf xiyyeeffanna addaa qabdi. Sagalee qofaadhaan garaagarummaa sanyiin adda baasuu dandeessi.

Sagaleewwan bareedaa umama qaban garagarummaa qabu, namoota hundaaf qooduun danda'un carraadha jetti.

Maarsellaa Fernaandeez

Maarsellaa Fernaandeez, Kolombiyaa

Daawwachiistuu Imaltootaa

Bishaan qulqulluu Kolombiyaa keessaa dhabamaa jiru hawaasaaf dhiyeessuun hojjetti.

Maarsellaan dhaabbata miti-mootummaa 'Kumbars Bilaankis' jedhamu kan hundeessite yoo ta'u, isheefi waahellan ishee biroo 14 akkamiin yeroo tokko akka kattaa cabbii uumamee turerraa itti oolanirratti hubannoo uumuurratti hojjetu.

Qorannoo saayinsaawaaf, warra tulluu koraniif, suura kaastota, saayintistootaafi artistoota walitti qabuun hojjetti. Kattaan cabbii akka hin badne hojjechaa jirti.

Pirojektii biroo Paazaaboord jedhamu kan qabdu yoo ta'u, walitti bu'insa waraanaa waggoota 50 Kolombiyaa keessa tureen warra miidhame waliinis hojjechaa jirti.

Kattaan cabbii gaddaafi dhabakoo akkan dagadhu na barsiiseera. Kattaa cabbii dhabuun rakkisaadha. Amma garuu gaheekeenya ba'achuu ni dandeenya.

Maarsellaa Fernaandeez

Tiraan Gaam

Tiraan Gaam, Veetinaam

Haadha-qabeenyaa biizinasii baayoogaazii

Bara 2012 keessa Tiraan maddawwan annisaa naannoo hin faalle qonnaan-bultoota Veetinaamitti beeksisuu jalqabde.

Ijoollee lama qabdi. Qaawwa daldala kana keessa jiru argiteeti gara baayoogaazii kanatti seente. Hojii Hanooyitti jalqabde kana booda gara bakka hollaashee jiru sadiitti babal'isteetti.

Faltii sa'aa, booyyeefi haftee omishaa fayyadamuun baayoogaazii baasii qusatuufi madda annisaa qonnaan-bultoonni akka argatan hojjetti. Isaan kun gaaziirra walitti fufiinsa foyyaa'aa kan qabanidha. Nyaata bilcheeffachuufi tajaajilawwan biroo mana keessaaf ni gargaaru.

Hojii hawaasa hirmaachisu hojjechuufi jijjiirama haala qilleensaa ittisuu keessatti deeggarsa siyaasaa argamsiisuu keessattis ni hirmaatti.

Jiraachuu qabna. Sirnaan jiraachuu qabna. Sochii qamaa taasisuudhaa, nyaata madaalawaa nyaachuudhaa, sirriitti rafuudhaan, akkaataa jireenyaa uumamaa hordofuudhaan namoonni fayyaan isaanii akka eegamuuf nan hojjedha. Namoonni kuduraafi muduraa sooratan akka biqilfataniifi keemikaala farra ilbisaa hin fayyadamne nan gorsa.

Tiraan Gaam

Timniit Gabruu

Timniit Gabruu, US

Oggeettii Hubannoo nam-tolchee (AI)

Timniiti Gabruu saayintiistii kompitaraa hubannoo nam-tolcheen dhiibbaa olaanaa uumtee fi hundeessituu fi daarektara olaantuu Institiyuutii Qorannoo Hubannoo Nam-tolchee Tamsaas'e (DAIR)dha. Dhaabbanni ishees walaba, kan hawaasarratti xyyeeffatuufi dhaabbata tekinolojii guddaadha.

Timniit loogii sanyii teknilojii fuula adda baasuun jiru komatti. Dhaabbata bu'aaf hin dhaabbanneefi gurraachoota Hubannoo Nam-tolcheetti dabaluuf hojjatu waliin hundeessite.

Dhalootaan lammii Itoophiyaa kan taate Timniiti, AddisCoder, kan barattoota Itoophiyaa saganteessuu barsiisuu, keessatti miseensa boordiiti.

Bara 2021 keessa yeroo kutaa naamusa AL Google keessa damee hoggansaatiin hojjateetti, waraqaa moodeeliiwwan afaan AL irratti gaaffii kaasee waahillan waliin barreessteti. Qorannichis loogii hawaasa bicuufi kanneen dagataman irra gahu agarsiisa.

Qorannoo kanaan walqabatees Google keessaa baate. Google qorannichi odeeffannoo faayidaa qabu kan hin hammannee jechuun Timniiti hojii gadhiifte jedhee ibsulleen garuu, isheen ari'atamu dubbatteetti. Loogiin bakka hojiishee jirus ijoo dubbii ta'e ture.

Kilaawudi'aa Goldiin

Kilaawudi'aa Goldiin, US

Ikonomistii fi Badhaafamtu Noobilii Nagaa

Ikonomistiifi qorattuu seenaa qabeenya diinagdee Ameerikaati. Bara kana ammoo diinagdeen badhaasa Noobeelii argatteetti. Dubartoota damee hojiitti gachuufi garaagarummaa kanfaltii dhiphisuudhaan beekamti.

Badhaasa yoo argattuus duubartii sadaffaadha. Akkasumas haahiillan dhiiraashee waliin badhaasicha yoo hin qooddatiin kan jalqabaati.

Haarvaardiitti barsiiftuu diinagdeeti. Qorannoowwan garaagrummaa galii, barnootaa fi baqannaa irratti hojjatteen beekkamti.

Dubartoonni qabsoo hojiifi maatii waliin deemsiisuuf taasisaniifi dhiibbaa malliwwan to'annoo dhalaa dubartootaa fi gaa'ilasaanii irraan gahee qorannoo gaggeessiteen baayyee beekamti.

Annaa Huttuneen

Annaa Huttuneen, Fiinlaand

Ogeettii tekinooloojii dhiibbaa Kaarbonii

Walitti fufinsarratti xiyyeeffattee kan hojjettu Annaan, naannoo magariisaa magaalaa Finlaand kan taate Laahit keessa qilleensi qululluun akka jiraatuuf beeksifiti.Magaalattii magaalaa Awurooppaa magariisa bara 2021 taatee badhafamteetti.

Karboniin gadhiifamu hir'atee jiraattonni hojimaata ittiin galii argachuu danda'an gaggeessiti. addunyaarratti daldalli Kaarbonii kan hojiirra itti ooledha. Jiraaattonni bishkiliitiidhaan deemuudhaan ykn geejjiba ummataa fayyadamuudhaan Kaarbonii gadhiifamu hir'isu.

NetZeroCities keessatti gorsituu yoo taatu, kun ammoo magaalota Awurooppaa keessatti Karbonii gadhiifamu bara 2023tti akka dhaabsisan gargaara.

Hojimaata walitti fufinsa qabukanneen biroos akka hordofan taasisuurratti xiyyeeffattee hojjetti. Magaalota keessa bishikleetiidhaa akka socha'uu qaburratti hojjetti.

Manneen-qopheessaa addunyaarra jiran keessa adeemsi walitti fufinsa qabu lammiileedhaaf kennuudhaaf kan hojjetan namoonni ajaa'ibaa ni jiru.Hundi keessan qaama jijjiiramchaa ta'aa!

Annaa Huttuneen

Sooniyaa Kaasinar

Sooniyaa Kaasinar, US

Tekinooloojii balaa abidda saafaa suuf kan hojjette

Bara kana kan balaan abidda saafaa bosonawwan ddunyaa gurguddoon itti baayyatedha. Warri balaa abiddaa ittisaniyyu to'achuu dadhabaniiru. Soofiyaan ammoo tekinoolojii abidda saafaa dursee suufu hojjette.

Pano AI meeshaan jedhamu hojjettes Hubannoo Namtolchee gargaaramuun ibidda saafaa osoo hin babal'atiin dursee beeksisa. Kana kan godhu mallattoowwan lafarra jiran ilaaluun gara ittisa balaa ibiddaatti erguudhaan. Uummannis odeeffannicha akka fudhatu taasifama.

Sooniyaan waggoota kudhanii oliif dhaabbileen tekinooloojii gara garaa keessa hojjetteetti.

Kalaqni dhala namaa ajaa'ibaa abdii naaf kenna. Hojimaanni tekinooloojiifi daataa rakkoo jijjiiramni haala qilleensaa qaqabsiisu hambisuuf akka gargaaru argeera.

Sooniyaa Kaasinar

Gilaadis Kaleemaa-Zikosoosaa

Gilaadis Kaleemaa-Zikosoosaa, Yugaandaa

Hakiima horii

Haakiima horiifi ogeettii eegumsa naannoo badhaasa argattedha. Sababa jijjiirama haala qilleensaatiin bakki jiraatan balaarra bu'aa kan jiru Goorillaa gaarreenii baraaruudhaaf hojjetti.

Dhaabbata bu'aaf hin dhaabbanne 'Conservation Through Public Health' jedhamu qabdi. Dhaabbata namoonni akkasumas Goorillaawwaniifi bineensonni bosonaa biroo fayyaan isaaniifi naannoon isaanii eegamee waliin akka jiraataniif baayoodaayivarsiitiin akka eegamu hojjetudha.

Gorillaawwan 300 turan 500 akka qaqqaban waggoota soddomaa hojjetteetti. Bineensota tarree balaa badii guddaa jala galan keessaa gara balaa jala jiran jedhamanitti foyyaa'aniiru.

Bara 2021 badhaasa Sagantaa Naannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 'Champion of the Earth' jedhu qopheessu mo'atteetti.

Jijjiiramni haala qilleensaa furmaata atattamaa kan barbaadu ta'uun isaa caalaa baramaa dhufuun isaa abdii naaf kennaa jira. Balaa isaa kana maqsuudhaaf tooftaawwan kalaqaa hojiirra oolfaman ni jiru.

Gilaadis Kaleemaa-Zikosoosaa

Astiriid Liindar

Astiriid Liindar, Siwiidiin

Pirofesar nageenya tiraafikaa

Waggootaaf konkolaataan yaalamaa kan ture walitti bu;insi yoo mudate maaltu akka uumamu ashaangulliitota agarsiisaniin ture. Ashaangulliitonni kunneen ammoo fakkii dhaabbii qaama dhiiraatiin kan hojjetamanidha. Haata'u malee, balaa konkolaataatiin miidhamni qaamaa ykn duuti mudachuu kan danda'u irra caalaan dubartoota akka ta'e qorannoon ni mul'isa.

Astiriid Injiinaradha. Ashaangulliitii konkolaataa itti yaalan fakkii qaama dubartootaatti fakkeeffamee hojjetame addunyaarratti isa jalqabaa hojjette. Ashaangulliitichi qaama dubartootaa ilaalcha keessa haala galcheen kan hojjetamedha.

Barsiistuu nageenya tiraafikaati. Inistitiyuutii Daandiifi Geejjiba Biyyaalessaa Siwiidin keessa hojjetti. Yunivarsiitii Chaalemers keessatti gargaartuu piroofeesaraati. Ogeettii baayoomekaaniks fi balaa daandii ittisuuti.

Nehaa Manaakii

Nehaa Manaakii, Paakistaan

Deessiftuu

Nehaa Manaakii bara darbe wayita Paakistaan lolaan liqimfatetti, naannoo keessa deemtee tajaajila kennaa turte.

Dhaabbata gargaarsaa 'Mama Bay Fund' jedhamu qabdi. Maatiiwwan lolaan miidhaman kuma 15 oliif meeshaa kunuunsa da'umsaafi gargaarsa lubbuu baraaruu dhiyeessiteetti.

Hawaasa galii xiqqaa qaban keessatti tajaajila atattamaafi hawaasa jijjiirama haala qilleensaatiin miidhaman gargaarti.

Mama Bay Fund' maallaqa sassaabeen ambulaansii bidiruu bitee dubartoota ulfaa naannawaa qarqara galaana jiran gara hospitaalaafi kilinika dhiyootti geessuun tajaajila.

Bakkawwan jijjiiramni haala qilleensaa dhiibbaa irratti taasise keessatti gaheen hojii deessisuu guddaadha. Jalqaba qaqqabee gargaarsa kan taasisu nudha. Quuqmtoota naannootis. Haalonni jiran yoo hammaatanis, dubartoonni tajaajilawwan wal hormaataa, ulfaafi kunuunsa da'umsaan boodaa barbaachisu akka argatan gochaa jirra.

Nehaa Manaakii

Waanjiraa Mataay

Waanjiraa Mataay, Keeniyaa

Gorsituu Kunuunsa Naannoo

Ardittii keessa warra jiran hundaaf fakkeenya ta'uu kan dandeessu Waanjiraa Maataay, hawaasummaafi kunuunsa naannootiif namoota dadamqsuuratti waggoota digdamaa ol hojjeteetti.

Waanjiraa dhaabbata haadhashee \wangaarii Maataay kan Badhaasa Noobelii Nagaa 2004 mo'atte hundeessite Sochii Giriin Belt jedhamu dubartoonni biqiltuu dhaabuudhaan of danda'an irratti hojjette.

Woorld Risoorsis Inistitiyuut keessatti qindeessituu Daarektara Afrikaafi Idil-addunyaati. Dura teessuu Faawondeeshinii Waangaarii Mataayidhas.

Benooz Herz Fand keessatti gorsituu Afrikaa, akkasumas Kiliin Kuuking Alliyaansiifi Awurooppaa Kilaayimeet Faawondeeshiniiti.

Hunduu hawaasa isaa keessatti tarkaanfii kan fudhatu. Daldala, annisaa haaromfamuufi deebisanii dandamachiisuu dabalatee sochiiwwan biyya keessaa deeggaruu qabna. Maal gochuun akka danda'amu waan natti agarsiisuuf carraaqqiiwwan kunneen abdii naaf kennu.

Waanjiraa Mataay

Izaabeel Faariis Meer

Izaabeel Faariis Meer, Chiilii

Barsiiftuu dhumma umuriin dhala dhaabuu duraanii

Izaabeelaan laguunshee yoo itti baayyatu rakkoo ta'a jettee yaaddee hin beektu turte. Garuu waggaa 18n dursitee akka dhala dhaabde hubatte. Kunis dubartoota umuriin waggaa 40 gadi jiran keessa 1 qofaa kan mudatudha.

Dubartoonni mallattoo dahumsa dhaabuu fakkaatu dafanii dargagummaan argan garuu dafanii dhala dhaabu. Izaabeellaan kun attamiin jireenysheerratti dhiibbaa akka taasise ifatti dubbatti.

Gaazexessituun waggaa 30 Laatiin Ameerikaa keessatti odeeffanno qooduudhaaf. ilaalcha dogongoraa ittisuufi namoota haalicha keessa jiranii bakka nagaa uumuuf jecha, umurii dargaggummaan dhala dhaabuurratti neetwarkii jalqbaa hundeessite.

Naataalii Pisaa'ilaa

Naataalii Pisaa'ilaa, Maaltaa

Hakiima

Maaltaan Awurooppaa keessaa biyya ulfa baasurratti seera cimaa qaban keessaayi. Naataaliyaan dubartoota odeeffannoo barbaadan gargaarti.

Isheenis waahilootashee waliin ta'un dhaaba 'Doktaroota Maaltaa Filmaataaf' jedhu hundeessuun, loogiifi ulfa baasuun seera-qabeessa akka ta'u fi qorichi ulfa ittisu haalaan akka argamuuf jajjabeessu.

Maaltaa biyya jireenyi dubartootaa sababa ulfaan balaa keessa erga galeen booda ulfa baasuun hayyamamuutti, dubartoonni wallaansa gahaa malee qoricha fudhachuun ulfa baasuuf dirqamu. Dhaabbata ulfa baasuun dura, yeroo baaftuu fi isaan booda gargaarus hundeessiteeti.

Biyyattii keessatti hubannoo walhormaata fayyaa fooyyeessuuf, kitaaba barnoota quunnamtii saalaa kanneen umuriinsaanii waggaa 10-13 ta'an irratti xiyyeeffachuun mataduree 'Imala Ajaa'ibaa Qaamaakoo' jedhuun maxxansiiteetti.

Oleenaa Roozvaadooskaa

Oleenaa Roozvaadooskaa, Yukireen

Falmituu mirga ijoollee

Ijoolleen Yukireen miidhaa waraanni irraan gahee attamiin dandamachu akka danda'an yaaduun hojjatti. Dhaabbata tola ooltummaa deeggarsa xin-sammuu keennu 'Voice of Childern' jedhamu hundeessiteetti.

Dhaabbatichis bara 2019tti, erga gareen foxoqsitootaa Raashiyaan deeggaraman Yukireen irratti waraana eegalanii waggaa afuriin booda hojiisaa eegale.

Ammattis faawundeshinichi oggeesoota xin-sammuu 100 ol wiirtuuwwan 14 keessa hojjataniifi tajaajila bilbila tolaa qaba. Ijoolleefi maatii kuma kudhanii lakkaa'aman deeggareera.

Isheenis dokumantaarii badhaasa oskaariif filatame 'A House made of Splinters' keessatti hirmaachuun akkasumas gareeshee waliin kitaaba 'Waar siruu z vooyisis of Childiran'' jedhu maxxansiteetti.

Rumaayitaa Al Busaadii

Rumaayitaa Al Busaadii,

Saayintistii

Bara 2021 keessaa mata-dureen TED Talk dhiyeessite dubartoonniifi ijoolleen durbaa jijjiirama haala qilleensaaf furmaata fiduu akka danda'an agarsiisa.Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman haasaa kana daawwataniiru. Adda-duree mirgoota dubartoota Arabaas jedhamteetti.

Omaanitti koree dargaggootaa eegumsa naannoofi jijjiirama qilleensaa keessatti bakka murteessaarra jirti.

Gargaarsa alaa jijjiirama haala qilleensaa giddu-galeessa godhaterratti Baayidaniin gorsiteetti. Mootummaa Giriinlaand turiizimii walitti fufinsa qabaaturratti gorsiteetti.

Bantii kibbaa qaqqabuudhaan dubartii Omaan umuriidhaan xiqqoo taatedha. WomeX kan jedhameefi dubartoonni Arabaa dandeettii daldalaa isaanii akka cimsataniif dhaabbata gargaarudha.

Jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaaf furmaanni tokko dubartotaafi ijoollee durbaa gahoomsuudha. Gahee isaan hawwsa isaanii keessatti qaban mana keenya kan taate Dachee keenya akka eegnuuf nu gargaara.

Rumaayitaa Al Busaadii

Sumiinii

Sumiinii, Indoneezhiyaa

Ogeettii eegumsa bosonaa

Indoneezhiyaa kutaa bulchiinsa 'Aceh', bosona eegamu keessatti dubartoota gaggeessummaarratti arguun waan baratame miti.

Sumiiniin gandashee keessatti sababiin ijoo lolaafi jijjiirama haala qilleensaa bosonni manca'uu yeroo hubattutti tarkaanfii fudhachuufi hawaasa biroo waliin hojjechuu murteessite.

Jiraattonni mandara Damanaan lafa hektaara 251 ta'e waggoota 35f eeganii kunuunsuuf ministeera eegumsa naannoorraa hayyama argataniiru.

Gandicha keessatti kutaa eegumsa bosonaa Sumiiniin gaggeessituudha. Qeeramsootaafi bineensota biroo naannoo sana balaarra buuse adamoon akka dhaabbatuufis ni hojjetti.

Sababa bosonni manca'uufi adamootiin bosonawwan yoomiyyu caalaa eegumsi barbaachisuuf ammadha. Jijjiirama haala qilleensaa akkamiin waloon ittisna kan jedhuufi lubbu-qabeeyyii eeguurratti xiyyeeffannaan kana caalu kennamuuf qaba.

Sumiinii

Faabiiyoolaa Tireejoo

Faabiiyoolaa Tireejoo, Meeksiikoo

Oggeettii Xin-sammuu hawaasummaa

Imala ogummaashee yeroo waggoota 20 dura eegaltuutti, qorannoon gammachuu saal-quunnmatii dubartoota Meeksiikoo fi haqa Hawaasummaarratti xiyyeeffate baayyeen hin turre.

Faabiiyoolaan hojiisheetiin dhabiinsa wal-qixxummaa hawaasummaa, miidhaa saala bu'uurreeffate irratti xiyyeeffachuun dubartootaaf haqni saal-quunnamtii akka jiraatuuf qabsoofti.

Wal-qixxuummaa dhabuun dubartootaa saamicha saal-quunnamtiif akka saaxilu dubbatti. Haasaawwan taasisuudhaan, qorannoowwan gaggeessuufi karaa warkishooppiiwwaniitiin waa'ee gammachuu quunnamtii saalaa irratti namoota barsiisuuf hojjatti.

Kan hojjattus haala hawaasa Laatiin Ameerikaafi kanneen Ispaaniish dubbataniif ta'uttidha. Hawaasa kanneen keessatti waa'ee fayyaa dubartootaafi quunnamtii saalaa dubbachuun akka qaaniitti ilaalamudha.

Janiifer Uchenduu

Janiifer Uchenduu, Naayijeeriyaa

Fayyaa samuu hubachiisuurratti hojjetti

Dhaabbanni abbaa mul'ataa ta'e Siitiivaayibs jedhamu Jeniifar Uchenduun hundeeffameefi dargaggoon hooganamu wantonni bifa waaraa ta'een akka hojjetamuufi mijataa ta'u gochuuf hojjeta.

Hojiin Uchendii dhiheenya kanaas dargaggoota Afrikaa miidhaa sababa jijjiirama haala qilleensaan isaan mudatu irratti xiyyeeffachuun hojjechuudha.

Bara 2022 qorannoodhaan jijjiirama haala qilleensaatiin dhiibbaa fayyaa sammuu Afrikaanotarra gahu dhaabbata qoratu 'The Eco-Anxiety Africa project (TEAP)' hundeessiteetti.

Kaayyoon ishee namootaafi dhaabbilee miidhaa jijjiiramni haala qilleensaa fayyaa samuurratti qabu hir'isuurratti fedha qaban waliin hojjechuudha.

Jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee mira gara garaatu natti dhaga'ama. Waan hunda ofiikoo gochuu dadhabullee hangan danda'u gahee mataakoo bahachuukootiif nagaa samuu naaf kenna. Warra kaan waliin ta'uun waa'ee jijjiirama haala qilleensaarratti dubbachuun, hojjechuun ammoo caalaa na gargaara.

Janiifer Uchenduu

Anaamaariyaa Font Viiraaro'el

Anaamaariyaa Font Viiraaro'el, Veenzuwelaa

Piraaktikaal Fiziisistii

Qorattuu piraakitkaal Fiziksii kan taate Pirofesar Anaamaariyaa Fironti, yaada-riimee Supparstiiriing irratti xiyyeeffachuun, paartikiloota hubachuufi moodeeloota xixiqqaan kaa'urratti hojjatti.

Qorattuu dureen tunis hojiiwan ishee damichaa caalaa akka hubbattuuf gargaaraniiiru. Bilaak hoolii, kaantiyeem giraaviitii hubachuuf akkasumas taatee Biig Baang jalqabaa hubachuuf hojiiwwan gargaaran qabdi.

Isheenis badhaafamtuu Fandaasiiyoon Poolaariti. Bara kana ammoo badhaasa saayinsiitin Dubartoota Unesco keessatti filatamte.

Kiyuun Wuu

Kiyuun Wuu, Singaappoor

Seenessituu

Kiyuun Wuu quuqamtuu jijjiirama qilleensaafi miidiyaa hawaasaarratti qabiyyeewwan jijjiirama haala qilleensaarratti hubannoo uuman qopheessiti.

Fuulli marsariitiishee 'The Weird and Wild' jedha. Saayinsiiwwan eegumsa naannoo bakka hin baballaneetti akka qaqqabu jajjabeessa. Qabiyyeewwan marsariitichaa kan barsiisan, falmaniifi hawaasni naannoo qaama jijjiiramaa akka ta'u kan kakaasanidha.

Qopheessituu Podcast kan miidhaa jijjirama haala qilleensaa Kibba-baha Eeshiyaarratti qaqqabsiiserratti xiyyeefatu qopheessiti.

Akkasumas Boohaartuu Dargaggoo Joograafii Biyyaaleessaati.

Jijjiiramni haala qilleensaa walxaxaafi sodaachisaadha. Kanaaf, sodaan osoo hin taane jabinaan laphee naatoo qabuun ilaaluun nurra jiraata. Lapheen keenya addunyaaf dhimmamuu qaba. Kan hin hojjenne kaasnee, isa hojjetu kaa'uu qabna.

Kiyuun Wuu

Elhaam Yuseefiin

Elhaam Yuseefiin, US/Iraan

Gorsituu haala qilleensaafi miidhama qaamaa

Elhaam Yuseefin qaro-dhabeettii yoo taatu, jijjiirma haala qilleensaa waliin walqabatee mirga namoomaaf yeroo falmitu qaama miidhamtoonni hammatmuu qabu kan jedhudha. Keessumaa kan irratti xiyyeeffattee hojjettu, balaa jijjiirama haala qilleensaa yeroo uumamu deebiin atattamaa akka kennamuu qaburrattidha

Dhalattee kan guddatte Iraanittidha. Gara US ammoo bara 2016 deemte. Waltajjii qaama-miidhamtoota addunyaarratti gahee guddaa taphatti. Dhaabbanni Internationa Disability Alliance jedhamu neetwoorkii dhaabbileen adduynyaa 1,100 ta'aniiti.

Warri murtee kennaan jijjiirama haala qilleensaafi miidhama qaaama waliin walqabatee itti gaafatamummaa qabanakka hubatan gochuurrattihojjetti. Kaarbonii gadhiifamu to'achuufi jijjiirama haala qilleensaa hir'isuu keessatti gahee qaama miidhamtoonni qaban ni deeggarti.

Nuti qaama miidhamtoonni yeroo furmaanni jira hin fakkaanne keessatti osoo hin hafiin furmaata argachuudhaan irra deddeebiin nuuf mirkanaa'eera. Qaama miidhamtoonni jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaaf dhaabbachuu qabu, ni danda'us.

Elhaam Yuseefiin

Suurawwan sagantaa Dubartoota 100 BBC World Sarvis kan 2023 irratti hirmaatan.

Dubartoota 100 maalidha?

BBCn dubartoota 100 waggaa waggaan guutummaa addunyaarraa dubartoota dhiibbaa uumaniifi kaaniif hamilee ta'an filata. Gabaasaafi gaaffiifi deebii dabalata. Waa'ee jireenya dubartootaa fuula BBC irratti gabaasa qopheessa.

Dubartoota BBC 100 Instagram fi Feesbuukiirratti hordofaa. Haasaa dhimma kanarratti taasifamuuf #BBC100Women makamaa.

Dubartoonni 100 kunneen akkamiin fialataman?

Gareen Dubartoota BBC 100 qorannoofi tajaajilawwan afaanotaa BBC fi BBC Media Action irraa eeruu kennameen filatama.

Kaadhimamtoonni filataman ji'oota darban 12 keessa warra dhiibbaa uuman keessaati. Kanneen seenaan isaanii nama kakaasu, hojii hawaasaaf bu'aa buuse hojjetaniifi hojii hojjetaniif miidiyaan gabaase keessatti argamu.

Mata-dureen bara kanaa jijjiirama haala qilleensaafi addunyaarratti dhiibbaa inni dubartootarratti qabu waan ta'eef, dhimma kanarratti ogeessonni hedduun maqaan isaanii ka'eera. Isaan keessaa 28 ogeessota haala qilleensaafi kunuunsa naannoo ta'anitu filatame.

Ilaalcha siyaasaa gara garaafi gahee hawaasaa keessa sagaleen dhufan bakka bu'aniiru. Dubartoonni jijjiirama ofiisaanii fidanis keessatti hammatamaniiru.

Bakka bu'ummaan qaxanaas akka jiraatu taasifameera. Tarreeffamni kun loogii malee filatame. Tarree warra filatamanii kana keessa galuudhaaf dubartoonni hunduu hayyama isaanii ta'uu beeksisaniiru.